Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?

Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?

Gaaffii Dubbistootaa

Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?

Hin deggeru; Waaqayyo gaa’ela jalqaba Eeden keessatti hundeesseen ulaagaa inni kaa’e, namni tokko niitii tokko qofa akka qabaatu kan argisiisudha. Yesus Kiristosis yeroo booda yaada kana duuka buutotasaatiif irra deebi’uudhaan ibseera.—Uumama 2:18-24; Maatewos 19:4-6.

Abrahaam, Yaaqoob, Daawitiifi Solomoon warri Kiristiyaanummaan utuu hin hundeeffamin dura turan, niitii tokkoo ol hin qaban turanii? Sirriidha qabu turan; haata’u malee Macaafni Qulqulluun haala isaan keessa turan maal jedhee ibsa? Abraamiifi Yaaqoob niitii tokkoo ol qabaachuusaaniitiin kan ka’e, maatiisaanii keessatti walitti bu’iinsi uumamee akka ture addeessa. (Uumama 16:1-4; 29:18–30:24) Yeroo boodas Waaqayyo mootota hundaatiif Seera, “Yaadni isaa karaa irraa akka hin jal’annetti, dubartoota hin baay’ifatin” jedhu kennee ture. (Keessa Deebii 17:15, 17) Solomoon niitii 700 ol fuudhuudhaan seera kana cabseera! Kan nama gaddisiisu, dubartoonni kun yaadasaa waan jal’isaniif, Solomoon yeroo booda Yihowaarraa garagaleera. (1 Mootota 11:1-4) Macaafni Qulqulluun, niitii tokkoo ol qabaachuun gaarii akka hin taane ibsa.

Namoonni tokko tokko garuu, sabnisaa niitii tokkoo ol yeroo fuudhan, Waaqayyo maaliif callise jedhanii gaafatu ta’a. Mee fakkeenya kanarratti yaadi: Miini manakee keessaa tokko jijjiiramuu akka qabu utuu sitti dhaga’amuu, ariifattee tarkaanfii fudhachuu mannaa yeroodhaaf dhiisuun gaarii akka ta’e sitti dhaga’amee hin beekuu? Karaafi yaanni Waaqayyoo, kan keenyarra baay’ee akka caalu beekamaadha. (Isaayaas 55:8, 9) Haata’u malee, Waaqayyo yeroo sabnisaa niitii tokkoo ol fuudhan, sababa inni itti yeroodhaaf callise tokko tokko hubachuu dandeenya.

Yihowaan Eeden keessatti ‘sanyiin’ Seexana balleessu akka dhufu abdii kennuusaa yaadadhu. Yeroo boodammoo, Abraamiin saba guddaa akka isa godhuufi Sanyiin raajiidhaan dubbatame karaa hidda dhalootasaa akka dhufu itti himee ture. (Uumama 3:15; 22:18) Seexanni, Sanyiin kun akka hin dhufne gochuuf kutatee ka’ee ture. Kanaafis, saba Israa’el durii balleessuuf yaalii godheera. Yeroo baay’ee Israa’eloonni cubbuu akka raawwatan isaan qoruudhaan, Waaqayyo biratti fudhatama akka dhabaniifi eegumsasaa akka hin arganne gochuuf yaaleera.

Israa’eloonni yeroo Waaqayyorraa garagaluuf qoraman, Yihowaan kiyyoo Seexanaa akka mo’an isaan gargaaruuf, raajota akeekkachiisa isaanii kennan ergaa tureera. Haata’u malee, fuulduraatti sabni kun, abboommota gurguddaa kan akka waaqayyolii tolfamoo waaqessuu akka cabsan beeka ture. (Ba’uu 32:9) Seera kanaaf abboomamuun qabsoo guddaa erga isaan gaafatee, seerri niitii tokkoo ol akka hin fuune dhorkummoo baay’ee akka isaanitti cimu beekamaadha. Yihowaan amala namootaa guutummaatti waan beekuuf, gocha bara dheeraadhaaf namoonni raawwachaa turan kana, battalumaan hambisuun barbaachisaa akka hin taane hubatee ture. Yihowaan bara sanatti niitii tokkoo ol fuudhuun akka hafu utuu godheera ta’ee, Seexanni salphaadhumatti Israa’eloota cubbuu raawwachiisuu danda’a ture.

Waaqayyo niitii tokkoo ol akka fuudhan yeroodhaaf heyyamuunsaa, faayidaa garabiraas qaba. Kun sabichi saffisaan akka baay’atu godheera. Sabichi uummata guddaa qabaachuunsaa, hanga dhufaatii Masiihichaatti akka turu godheera. Niitii tokkoo ol fuudhuun, dubartoonni tokko tokko yeroo rakkisaa sanatti bakka jireenyaa akka argataniifi maatii akka godhatan gargaareera.

Ta’us, niitii tokkoo ol fuudhuun Yihowaa biraa kan dhufe akka hin taane yaadachuun barbaachisaadha. Yihowaan gochi kun yeroo murtaa’eef akka turu kan heyyame ta’us, gama kanaan miidhaan akka isaanirra hin geenyeef qajeelfama cimaa kennuudhaan to’achaa tureera. (Ba’uu 21:10, 11; Keessa Deebii 21:15-17) Yihowaan waaqeffattoonnisaa niitii tokkoo ol akka hin fuune gochuuf, ulaagaa gaa’elaa Eeden keessatti hundeesse isaanii ibsuuf Ilmasaatti fayyadameera. Kanaan kan ka’es Yesus duuka buutonnisaa niitii tokkoo ol akka hin fuune dhorkeera. (Maarqos 10:8) Seerri Musee yeroosaatti gaarii yoo ta’ellee, ‘seerri Kiristos’ caalmaa kan qabu ta’uunsaa, dhugaa kana caalaatti ifa godha.—Galaatiyaa 6:2.