Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsa Dogoggoraa 6: Waaqayyo Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ni Deggera

Barumsa Dogoggoraa 6: Waaqayyo Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ni Deggera

Barumsa Dogoggoraa 6: Waaqayyo Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ni Deggera

Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? “Kiristiyaanota durii biratti bifa fakkeenyaatti fayyadamuun hin beekamu ture . . . Kun waldaa biratti fudhatama argachuu kan jalqabe jaarraa 4⁠ffaafi 5⁠ffaatti si’a ta’u, sababiin kanaammoo namoota barumsa hin qabne Kiristiyaanummaa barsiisuuf lallabaan ykn kitaabatti fayyadamuu mannaa, bifa fakkeenyaatti fayyadamuun gaariidha jedhanii waan yaadaniif ture.”— Saayikilooppiidiyaa oov Bibilikaal, Ti’ooloojikaal, eendi Eklesiyaastikaal Liitireechar, Maakliintookiifi Istiroongi qopheessan, Jildii 4, fuula 503fi 504.

Macaafni Qulqulluun maal jedha? “Bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin! Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin!” (Ba’uu 20:4, 5) Yohannis ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif, “Yaa ijoollee ko, waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa!” jechuudhaan barreesseera.—1 Yohannis 5:21.

Akka waldaawwan Kiristiyaanaa jedhanitti, bifni fakkeenyaa qaama bakka bu’u sanaaf ulfina kennuufi garasaatti dhihaachuuf kan gargaaru qofadhaa? Kitaabni Za Insaayikilooppiidiyaa oov Riliijin jedhamu akkas jedha: “Jalqabarratti, fakkiiwwan ittiin barsiisuufi akka faayaatti kan gargaaran ta’uu danda’u; bifa fakkeenyaatti fayyadamuun sirrii ta’uusaa amansiisuuf ragaan dhihaachaa ture kanadha. Haata’u malee, baay’ee utuu hin turin waaqeffannaadhaaf itti fayyadamuu akka jalqaban haaluun hin danda’amu. Kun, keessumaa bifa fakkeenyaa amantii Ortodoksii Bahaa biratti bakka guddaan kennamuufii wajjin haala wal qabateen dhugaa ta’ee argameera.” Haata’u malee, Isaayaas raajichi, “Waaqayyoon eenyutti fakkeessitu? Fakkeenya attamiitii wajjinis wal bukkee qabdu?” jechuudhaan gaafatee ture.—Isaayaas 40:18.

Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Isaayaas 44:13-19; Hojii Ergamootaa 10:25, 26; 17:29; 2 Qorontos 5:7

DHUGAANSAA:

Waaqayyo, fakkiiwwanitti fayyadamuus ta’e waaqeffachuu hin deggeru

BARUMSAWWAN DOGOGGORAA DHIISIITII, DHUGAATTI MAXXANI

Barumsawwan dogoggoraa hanga ammaatti waldaaleen hedduun barsiisaa jiran ilaalchisee, qorannaa gabaabaa goonerraa ka’uudhaan xumura maaliirra ga’uu dandeenya? ‘Mammaaksawwan ogummaadhaan yaadamanii’ qophaa’an kun, dhugaawwan Macaafa Qulqulluu salphaatti namaa galaniifi nama jajjabeessanii wajjin matumaa wal gituu hin danda’an.—2 Phexros 1:16.

Kanaaf, sammuukee banaa gochuudhaan wantoota baratte dubbii Waaqayyoo isa madda dhugaa ta’ee wajjin wal bira qabdee ilaaluurraa duubatti hin jedhin. (Yohannis 17:17) Akkas goonaan, waadaan Yesus “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jechuudhaan gale sirratti raawwatama.—Yohannis 8:32.

[Madda fakkii fuula 15rra jiru]

Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.