Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuura Qulqulluu Humna Jireenyakee Keessatti Si Barbaachisu

Hafuura Qulqulluu Humna Jireenyakee Keessatti Si Barbaachisu

Hafuura Qulqulluu Humna Jireenyakee Keessatti Si Barbaachisu

“FUULA kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!” (Faarfannaa 51:11) Kun, kadhannaa Daawit Mootichi cubbuu cimaa erga raawwatee booda garaadhaa dhiheesse ture.

Daawit yeroo baay’ee hafuura qulqulluurraa humna argateera. Hafuurri kun umrii kurnanii keessa yeroo turetti, Goliyaad isa loltuu cimaa ture akka mo’u isa gargaareera. (1 Saamu’el 17:45-50) Akkasumas, faarfannaawwan baay’ee namatti tolaniifi hamma yoonaatti qophaa’an hunda caalu tokko tokko akka barreessu isa dandeessiseera. Daawit, “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira” jechuudhaan ibseera.—2 Saamu’el 23:2.

Yesus Kiristos ga’ee hafuurri qulqulluun jireenya Daawit keessatti qabu dubbatee ture. Yesus yeroo tokko namoota isa dhaggeeffataniin akkas jedhee ture: “Daawit ofii isaatii immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, ‘Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaa’utti gara mirga koo taa’i! jedheera’ jedhe.” (Maarqos 12:36; Faarfannaa 110:1) Yesus, Daawit faarfannaawwansaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreesse beeka ture. Hafuurri qulqulluun nuunis gargaaruu danda’aa?

“Kadhadhaa Isiniif In Kennamaa”

Tarii faarfannaa barreessitee kan hin beekne ta’uyyuu, gufuuwwan akka Goliyaad sodaachisaa ta’an si mudataniiru ta’a. Fakkeenya dubartii Iizaabel jedhamtuu ilaali. * Abbaan manaashee durba jaallatee ishee dhiisee deeme. Liqii baay’ee isaanirra ture isheetti dhiisee kan deeme ta’uusaarrayyuu, ijoolleesaanii durbaa lamaaf gargaarsa hin godhu ture. Iizaabel, “Akkan ganameefi akkan baay’ee tuffatame natti dhaga’ama ture. Inni na gatee deemuyyuu, hafuurri Waaqayyoo akka na gargaaru natti dhaga’ama ture” jetteetti.

Iizaabel carraaqqii utuu hin godhin hafuura qulqulluu argachuuf yaaddeettii? Hin yaanne, kanaa mannaa Waaqayyo hafuura qulqulluu akka isheedhaaf kennu yeroo hunda kadhatti turte. Abdii utuu hin kutatin itti fufuuf, ijoolleeshee akka gaariitti kunuunsuufi gatii akka qabdu akka isheetti dhaga’amuuf, Waaqayyo biraa jabina argachuun akka ishee barbaachisu beekti turte. Gorsa Yesus, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedhee dubbate hordofteetti.—Maatewos 7:7.

Robertoonimmoo, rakkina kan biraa mo’uuf, hafuurri Waaqayyoo akka isa barbaachisu itti dhaga’amee ture. Araada sijaaraafi hashiisha xuuxuudhaan qabamee ture. Araadasaa kana dhiisuuf waggaa lamaaf qabsoo yoo godheyyuu, guutummaatti mo’uu hin dandeenye. Robertoon, “Qoricha sammuu hadoochu fudhachuu yeroo dhiistu ni dhiphatta. Qaamnikee yeroo hunda qoricha sammuu hadoochu akka fudhattu si dirqisiisa” jedheera.

Robertoon itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Waaqayyo biratti fudhatama argadhee isa tajaajiluuf, haala jireenyakoo jijjiiruuf nan murteesse. Sammuukoo yaada gaarii Macaafa Qulqulluurra jiruun guutuuf nan yaale. Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuuf, Waaqayyo akka na gargaaru yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde nan dhiheessa ture. Humna kootiin milkaa’ina akkan hin arganne beekan ture. Keessumaa yeroon araada sanatti deebi’ee abdii kutadhu, Yihowaan kadhannaa kootiif akkamitti deebii akka naa kenne argeera. Hafuurri Waaqayyoo humna akka naa kenne nan amana; hafuurrisaa utuu na hin gargaarre ta’ee, araada kana dhiisuu hin danda’un ture.”—Filiphisiiyus 4:6-8.

‘Akka Joobiraa Baalleedhaan Ol Ka’uu’

Akkuma Iizaabeliifi Robertoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonatti lakkaa’aman, humna hafuurri qulqulluun qabu jireenyasaaniirraa arganiiru. Humna Yihowaa isa hojiirra jiru, jechuunis humna uumama cufa uumuuf gargaare kana yoo barbaadde atis argachuu dandeessa. Waaqayyo garaadhaa kan isa kadhattu taanaan, hafuurasaa sii kenna. Ta’us, hafuura kana argachuuf waa’ee Waaqayyoo beekumsa sirrii argachuufi fedhasaa raawwachuuf carraaqqii gochuunkee barbaachisaadha.—Isaayaas 55:6; Ibroota 11:6.

Humna hafuura qulqulluurraa argattuun, akka gaariitti Waaqayyoon tajaajiluufi rakkina jireenya keessatti si mudatu kamiyyuu mo’uu dandeessa. Macaafni Qulqulluun, “[Yihowaan] warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna; . . . warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka’u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan” jechuudhaan abdii kenneera.—Isaayaas 40:28-31.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8rra jiru]

‘Waaqayyo akka na gargaaru yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde nan dhiheessa ture. Humna kootiin milkaa’ina akkan hin arganne beekan ture. Yeroo inni kadhannaa kootiif deebii naa kennu argeera’

[Saanduqa/Fakkii fuula 7rra jiru]

Hafuura Qulqulluu Isa Hojiirra Jiru

Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee lafaafi uumama cufa uume. Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baay’ee dha! Wanti ati uumte laficha guuteera; isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette.” “Yeroo ati hafuura kee itti ergitu immoo, isaan in uumamu” jedheera.—Faarfannaa 104:24, 30; Uumama 1:2; Iyoob 33:4.

Hafuurri qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu akka barreessan kakaaseera. Phaawulos, ‘Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan caafameefi dhimma kan baasudha’ jedheera. (2 Ximotewos 3:16) Jechi afaan Giriikii “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” jedhu, kallattiidhaan yeroo hiikamu “Waaqayyo hafuura itti baafate” jechuudha. Hafuurri afaan Yihowaa keessaa ba’u, yaada namoota Macaafa Qulqulluu barreessanii geggeessuudhaan, “dubbii Waaqayyoo” akka barreessan godheera.—1 Tasaloniiqee 2:13.

Hafuurri qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo waa’ee gara fuulduraa raajii sirrii akka dubbatan godheera. Phexros ergamaan, “Raajiin caaffata qulqullaa’aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jira. Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” jechuudhaan ibseera.—2 Phexros 1:20, 21; Yo’el 2:28.

Hafuurri qulqulluun, Yesusis ta’e tajaajiltoonni Waaqayyoo kaan misiraachoo Mootummichaa akka lallabaniifi dinqii akka raawwatan gargaareera. Yesus, “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra booji’amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf” jedheera.—Luqaas 4:18; Maatewos 12:28.

[Saanduqa/Fakkii fuula 8rra jiru]

HAFUURRI QULQULLUUN KARAAWWAN KAMIIN NU GARGAARA?

Hafuurri qulqulluun, qorumsaafi amalawwan gadhee mo’uuf si gargaaruu danda’a. Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna” jechuudhaan barreesseera.—1 Qorontos 10:13.

Hafuurri qulqulluun, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuuf si gargaaruu danda’a. “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas.”—Galaatiyaa 5:22, 23.

Hafuurri qulqulluun, rakkina danda’uuf si gargaaruu danda’a. “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a.”—Filiphisiiyus 4:13.