Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Hamma Yoomiittan Gargaarsaaf Gara Keetti Iyya?”

“Hamma Yoomiittan Gargaarsaaf Gara Keetti Iyya?”

“Hamma Yoomiittan Gargaarsaaf Gara Keetti Iyya?”

Jaan, “Dhukkubni kun akka na dhiisun barbaada!” jettee boossi turte. Dhukkuba kaansariitiin kan qabamte si’a ta’u, dhukkubichis guutummaa dhagnasheetti babal’achaa ture. Maatiinshees ta’an hiriyoonnishee dhukkubniifi dhiphinnishee utuu irraa badee baay’ee hawwu turan. Kanaan kan ka’es Waaqayyo akka ishee gargaaru kadhatan. Waaqayyo kadhannaasaanii dhaga’eeraa? Dhugumaan isheedhaaf ni yaadaa?

WAAQAYYO haala ilmaan namootaa keessa jiran beeka. Macaafni Qulqulluun, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu” dubbata. (Roomaa 8:22) Waaqayyo namoota miliyoona dhibbaan lakkaa’amaniifi akka Jaan ta’an, rakkina guyyaa guyyaadhaan qaamasaanii, miirasaanii ykn sammuusaaniirra ga’u beeka. Waaqayyo, namoonni miliyoona 800 ta’an hagabuusaanii akka bulan; miliyoonaan kan lakkaa’aman kaanimmoo mana keessatti yakki akka isaanirratti raawwatamu, akkasumas warri hedduun waa’ee nageenya ijoolleesaanii akka yaadda’an beeka. Waaqayyo rakkoowwan kana balleessuuf tarkaanfii ni fudhata jettee yaaddee beektaa? Nutillee namoota jaallannu gargaaruu kan barbaannu erga ta’ee, Waaqayyo ilmaan namootaa uumamasaa ta’an gargaaruu akka barbaadu hin shakkisiisu.

Gaaffii armaan olii of gaafattee beekta taanaan, gaaffiiwwan akkasii kan gaafatu si qofa miti. Waggaa 2,600 dura, namni amanamaan Anbaaqom jedhamu akkuma namoota hedduutti yeroo ammaa itti dhaga’amu isatti dhaga’amee kan ture si’a ta’u, akkas jechuudhaanis Waaqayyoon gaafateera: “Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya? Atis hamma yoomiitti hin dhageessu? Hamma yoomiitti anis gara keetti wawwaadha? Atis hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti ka’an jalaa nu hin oolchitu? Balleessuu fi humnaan nama irratti ka’uu waanan arguuf, gargar ba’uunii fi lolli ka’aa waan jiraniif, maaliif wanta jal’aa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?” (Anbaaqom 1:2, 3) Anbaaqom raajichi, gocha gara jabinaafi cunqursaa barasaatti raawwatame argeera. Yeroo har’aa gochawwan akkasii oduu yeroo hunda dhaga’amaniifi namoota gara laafessa ta’an gaddisiisanidha.

Waaqayyo wanta Anbaaqomiin yaaddesseef bakka guddaa utuu hin kennin hafeeraa? Hin hafne. Gaaffiiwwan Anbaaqomiin yaaddessan kan dhaggeeffate si’a ta’u, nama dhiphate kanas jajjabeesseera. Yihowaan rakkoowwan kana akka balleessu abdii kennuudhaan, amantii Anbaaqom cimseera. Abdiin Waaqayyo kenne akkuma Jaaniifi maatiishee jajjabeesse, siinis jajjabeessuu danda’a. Matadureewwan itti aanan gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennu: Dhugumaan Waaqayyo akka nuuf yaadu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Waaqayyo rakkina balleessuuf tarkaanfii akkamii fudhata? Tarkaanfii kanahoo yoom fudhata?