Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada

Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada

Waaqayyotti Dhihaadhu

Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada

Iyaasuu 1:6-9

WARRI ijoolleesaaniitiif yaadan, ijoolleensaanii milkaa’ina argachuudhaan jireenya kaayyoofi gammachuu qabu yommuu jiraatan arguuf ni hawwu. Abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaanis, ijoolleensaa warri lafarratti argaman milkaa’ina akka argatan barbaada. Akkamitti milkaa’ina akka argannu nutti himuudhaan, baay’ee akka nuuf yaadu argisiiseera. Mee akka fakkeenyaatti wanta inni Iyaasuutti dubbateefi macaafa Iyaasuu 1:6-9⁠rratti galmeeffame ilaali.

Jalqaba, yoomessa seenaa kanaa hubachuuf fakkii harka mirgaatti argamu ilaali. Erga Museen du’ee booda, Iyaasuun Israa’eloota miliyoonaan lakkaa’aman geggeessuu jalqabe. Israa’eloonni biyya Waaqayyo abbootiisaaniitiif abdachiisetti galuuf qophaa’aa jiru. Waaqayyo Iyaasuudhaaf gorsa tokko tokko kenne. Iyaasuun gorsa kana yoo hordofe milkaa’ina argata. Haata’u malee, gorsi kun Iyaasuu qofa akka fayyaduuf kan kenname miti. Nuyis gorsa kana hojiirra oolchuudhaan milkaa’ina argachuu dandeenya.—Roomaa 15:4.

Yihowaan, Iyaasuun akka cimuufi akka ija jabaatuu al sadii itti himeera. (Lakkoofsa 6, 7, 9) Saba kana akka gaariitti geggeessee Biyyattii Abdachiifamtetti galchuuf, ciminniifi ija jabinni akka isa barbaachisu hin shakkisiisu. Haata’u malee, Iyaasuun cimaafi ija jabeessa ta’uu kan danda’u akkamitti?

Iyaasuun Caaffata Qulqullaa’oorraa ciminaafi jajjabina argachuu ni danda’a. Yihowaan, “Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu!” jedheera. (Lakkoofsa 7) Yeroo sana Iyaasuun tarii kitaabota Caaffata Qulqullaa’oo barreeffamaan jiran muraasa qofa argachuu danda’a ture. * Haata’u malee, Dubbii Waaqayyoo qabaachuu qofti milkaa’ina argamsiisuu hin danda’u. Iyaasuun Dubbii Waaqayyoorraa faayidaa argachuu yoo barbaade, waan lama gochuu qaba ture.

Tokkoffaa, yeroo hunda Dubbii Waaqayyootiin garaasaa guutuu qaba ture. Yihowaan, ‘Macaafa seera kanaa halkaniifi guyyaa akka dubbisu’ itti himeera. (Lakkoofsa 8, hiika bara 1899) Akka barreeffamni tokko jedhutti: “Waaqayyo, Iyaasuun ‘ofitti asaasuu,’ ‘irratti yaaduu’ ykn ‘irratti xiinxaluudhaan’ Seericha akka yaadatu isa ajajuusaa ture.” Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuufi irratti xiinxaluunsaa, rakkoowwan gara fuulduraatti isa mudatan mo’uuf kan isa gargaaru ture.

Lammaffaa, Iyaasuun wanta Dubbii Waaqayyoorraa barate hojiirra oolchuu qaba ture. Yihowaan, “Karaan kee akka siif qajeelutti, . . . wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” jechuudhaan itti himeera. (Lakkoofsa 8) Iyaasuun milkaa’ina argachuu kan danda’u, fedha Waaqayyoo yoo raawwate qofa ture. Fedha Waaqayyoo utuu hin raawwatin akkamitti milkaa’ina argachuu danda’a? Yoomiyyuu taanaan fedhiin Waaqayyoo ni raawwatama.—Isaayaas 55:10, 11.

Iyaasuun gorsa Yihowaa hojiirra oolcheera. Kanaan kan ka’es, amanamaa ta’ee Yihowaa tajaajiluudhaan jireenya gammachuu qabu jiraateera.—Iyaasuu 23:14; 24:15.

Atoo akkuma Iyaasuu jireenya milkaa’ina qabu jiraachuu barbaaddaa? Yihowaan milkaa’ina akka argattu barbaada. Haata’u malee, Macaafa Qulqulluu qabaachuu qofti ga’aa miti. Kiristiyaanni amanamummaasaa eegee yeroo dheeraadhaaf jiraate tokko, “Macaafa Qulqulluu dubbisi; isa dubbistes hojiirra oolchi” jechuudhaan yaada kenneera. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyootiin garaakee kan guuttuufi hojiirra kan oolchitu taanaan, akkuma Iyaasuu ‘wanti ati gootu wal siif qixxaata.’

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Tarii, macaafota Iyaasuun yeroo sanatti argachuu danda’u, macaafota Musee shanan, jechuunis (Uumama, Ba’uu, Lewwoota, Lakkoobsaa, akkasumas Keessa Deebii) macaafa Iyoobiifi faarfannaa tokko ykn lama qofa ture.