Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mana Sagadaa Bakka Yesusiifi Bartoonnisaa Itti Lallaban

Mana Sagadaa Bakka Yesusiifi Bartoonnisaa Itti Lallaban

Mana Sagadaa Bakka Yesusiifi Bartoonnisaa Itti Lallaban

“Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna’ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallab[e].”—MAATEWOS 4:23.

WANGEELONNI, Yesus mana sagadaa dhaqaa akka ture irra deddeebi’anii dubbatu. Yesus waggaa sadiifi walakkaadhaaf yeroo tajaajilaan qabamee turetti, magaalaa Naazireet ishee keessatti guddates ta’e, magaalaa Qifirnaahom ishee keessa jiraachaa turetti ykn magaalaafi mandara dhaqe hundatti, yeroo baay’ee mana sagadaa keessatti lallabuufi waa’ee Mootummaa Waaqayyoo barsiisuu filata ture. Tajaajilasaa ilaalchisee, “Ani . . . yeroo hundumaas mana sagadaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti wal ga’anitti barsiiseera” jechuudhaan dubbateera.—Yohannis 18:20.

Ergamoonni Yesusiifi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo baay’ee mana sagadaa Yihudootaa keessatti barsiisu turan. Haata’u malee, Yihudoonni mana sagadaa keessatti waaqeffachuu kan jalqaban akkamitti ture? Iddoowwan waaqeffannaa kun bara Yesusitti maal fakkaatu turan? Mee waa’ee iddoowwan waaqeffannaa kanaa gadi fageenyaan haa qorannu.

Wanta Jireenya Yihudootaa Keessatti Bakki Guddaan Kennamuuf Yihudoonni dhiirota ta’an ayyaana mana qulqullummaa keessatti kabajamurratti argamuuf waggaatti al sadii gara Yerusaalem dhaqu turan. Haata’u malee, Yihudoonni biyya Filisxeem keessas ta’e biyya garabiraa keessa jiraatan hedduun, waaqeffannaa guyyaa guyyaadhaan godhamuuf manneen sagadaa naannoosaanitti argamutti fayyadamu turan.

Manneen sagadaatti fayyadamuun yoom jalqabame? Namoonni tokko tokko (Dh.K.D. bara 607-537⁠tti) jechuunis, yeroo Yihudoonni boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamaniifi manni qulqullummaa Yihowaa diigamee turetti jalqabame jedhanii amanu. Yookiinimmoo, Yihudoonni boojuu Baabilonii deebi’anii baay’ee utuu hin turin, jechuunis yeroo Izraa lubichi Seera Waaqayyoo akka gaariitti akka beekaniifi akka hubatan sabicha jajjabeessee turetti ta’uu danda’a.—Izraa 7:10; 8:1-8; 10:3.

Bara duriitti jechi “mana sagadaa” jedhu, “walga’ii” ykn “gumii” kan argisiisu ture. Jechi kun Saptuujantii Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa isa afaan Giriikiitiin hiikame keessatti karaa kanaan itti hojjetameera. Yeroo booda garuu, jechi kun mana namoonni waaqeffannaadhaaf itti walga’an kan argisiisu ta’ee tajaajiluu jalqabe. Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, mandaroonni Yesus itti lallabe hundi, mana sagadaa mataasaanii qabu turan jechuun ni danda’ama; magaalonni mana sagadaa lamaa ol kan qaban si’a ta’u, Yerusaalemimmoo mana sagadaa hedduu qabdi turte. Manneen kun maal fakkaatu turan?

Mana Xinnoo Waaqeffannaan Itti Geggeeffamu Yihudoonni yeroo baay’ee mana sagadaa kan ijaaran gaararratti si’a ta’u, balbalasaas (1) gara Yerusaalemitti garagalchanii itti baasu turan. Haata’u malee, yeroo hunda akkas gochuun salphaa waan hin turreef, ulaagaa ba’e kanaan alas ijaaruun kan danda’amu fakkaata.

Manneen sagadaa kun yeroo baay’ee mana xinnoo si’a ta’an, keessisaaniis garmalee hin miidhagfamu ture. Wantoota achi keessa kaa’aman keessaa tokko saanduqa kakuu (2) jechuunis mi’a maraa Caaffata Qulqullaa’oo qabeenya hawaasichaa isa guddaa akka ta’etti ilaalamu keessa kaa’anidha. Walga’iin yommuu godhamu, saanduqichi bakka isaaf qophaa’e kan kaa’amu si’a ta’u, yeroo walga’ichi xumuramu bakka dura turetti deebifama ture (3).

Saanduqicha bira fuullee namoota walga’aniin teessoowwan kan kaa’aman si’a ta’u, (4) teessoowwan kanarras geggeessitoota mana sagadaafi keessummoota gurguddaatu taa’a. (Maatewos 23:5, 6) Walakkaa galmichaatti waltajjiin kan argamu si’a ta’u, waltajjicharras barcuma namni irra dhaabatee ykn taa’ee haasaa dhiheessu ni argama (5). Fuullee waltajichaatiin kallattii sadiin namoota walga’aniif teessumni ni kaa’ama (6).

Yeroo baay’ee mana sagadaa sana kan kunuunsuufi kan gargaaru namoota galma sana keessatti walga’anidha. Buusiin sooreyyiinis ta’an hiyyeeyyiin godhan manicha akka gaariitti kunuunsuuf oola ture. Walga’iin mana sagadaa sana keessatti godhamuhoo maal fakkaata ture?

Waaqeffannaa Mana Sagadaatti Godhamu Waaqeffannaan mana sagadaa keessatti godhamu faarfannaa, kadhannaa, Caaffata Qulqullaa’oo dubbisuu, barsiisuufi lallabuu kan dabalatu ture. Walga’ichi, kadhannaa Sheemaa jedhamuufi Yihudoota biratti bakki guddaan kennamuuf sagalee ol kaasanii irra deebi’uudhaan jalqabama. Maqaan kadhannaa kanaa caqasa isa jalqabaa yeroo lammataatiif caqasameefi “Yaa Israa’el dhaga’i [Sheemaa]! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!” jedhurraa kan fudhatamedha.—Keessa Deebii 6:4.

Sana booda Tooraah, jechuunis macaafota Macaafa Qulqulluu jalqabaa shanan Museen barreesse dubbifamee ibsi irratti kennama ture. (Hojii Ergamootaa 15:21) Itti fufuudhaanis barreeffamoota raajonni barreessanirraa muraasni dubbifamee ibsi irratti kennama, akkasumas akkamitti hojiirra akka oolu ni ibsama. Al tokko tokkommoo, akkuma Yesus Luqaas 4:16-21⁠rratti godhe, sagantaan kun namoota haasaa dhiheessuuf afeeramaniin dhihaata ture.

Macaafni maramuufi inni Yesusitti kenname, akka Macaafa Qulqulluu yeroo ammaa boqonnaafi lakkoofsa hin qabu ture. Kanaaf, Yesus caqasa barbaadu hamma argatutti macaaficha karaa isa harkasaa bitaa jiru diigaa, isa harkasaa mirgaa jirummoo yommuu maru ija qalbii keenyaan ilaaluu dandeenya. Macaafichi erga dubbifamee booda maramee kaa’ama.

Yeroo baay’ee barreeffamoonni dubbifaman kun jalqabarratti Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaatiin kan qophaa’aniifi afaan Aramaayikiitti kan hiikaman turan. Gumiiwwan afaan Giriikii dubbatan Saptuujantiitti fayyadamu turan.

Iddoo Jireenyasaanii Keessatti Bakka Guddaa Qabu Manni sagadaafi manneetiin achi keessatti ijaaraman kaan, faayidaa addaddaatiif waan oolaniif Yihudoonni iddoowwan kanaaf bakka guddaa kennu turan. Al tokko tokko iddoowwan kun bakka dhimmawwan murtii gaafatan itti ilaalaman, bakka walga’iiwwan hawaasaa itti godhamaniifi bakka afeerriin gurguddaa itti geggeeffaman ta’anii tajaajilu turan. Yeroo tokko tokkommoo namoonni karaa adeeman achi keessa boqotu turra.

Magaalaa hunda keessatti manneen sagadaa hedduun keessasaaniitti mana barumsaa qabu turan. Barattoonni hedduun kutaa tokko keessatti argaman, qubeewwan gurguddaa barsiisaansaanii gabateerratti barreesse dubbisuuf yommuu yaalan haallisaa maal akka fakkaatu yaaduu dandeenya. Yihudoonni durii namoota baratan kan ta’aniifi namoonni bakki guddaa hin kennamneefillee Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti beekuu kan danda’an iddoo kanatti waan barataniif ture.

Haata’u malee, kaayyoo guddaan manneetiin sagadaa kun itti ijaaraman, yeroo hunda waaqeffannaan akka keessatti geggeeffamuuf ture. Kanaaf, walga’iiwwan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gochaa turan, walga’iiwwan Yihudoonni manneen sagadaa keessatti gochaa turanii wajjin kan wal fakkaatan ta’uunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Kaayyoon walga’iiwwan Kiristiyaanaas kadhannaa, faarfannaa, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti mari’achuudhaan Yihowaa waaqeffachuudha. Wal fakkeenyisaanii kana qofa miti. Bakka waaqeffannaa lamaanittuu, baasiin gumichaaf barbaachisu, buusii qarshii namoonni fedhiidhaan godhanirraa argama; bakka lamaanittuu Caaffata Qulqullaa’oo dubbisuufi ibsuuf mirga kan qaban luboota qofa miti; bakka lamaanittuu, walga’ii kan qindeessaniifi kan geggeessan jaarsolii itti gaafatamummaa qabanidha.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo har’aatti argamanis, fakkeenya Yesusiifi duuka buutonnisaa jaarraa jalqabaa kaa’an hordofuuf carraaqu. Walga’iiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa Galma Mootummaa keessatti godhan, walga’iiwwan dur mana sagadaa keessatti godhamanii wajjin wal fakkaatu. Hunda caalaattimmoo walga’ii Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan, akkuma bara durii kaayyoo tokko kan qabu si’a ta’u, kunis namoonni dhugaa jaallatan ‘Waaqayyotti akka dhihaatan’ gargaaruudha.—Yaaqoob 4:8.

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Manni sagadaa kun, pilaanii mana sagadaa Gaamlaa isa jaarraa jalqabaatti turerratti hundaa’ee kan ijaaramedha

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Ijoolleen dhiiraa umrii waggaa 6 hanga 13 ta’an, mana barumsa mana sagadaa keessa jirutti baratu turan