Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nagaafi Gabiin Dhugaa Yoom Dhufa?

Nagaafi Gabiin Dhugaa Yoom Dhufa?

Haasaa Sabaa Addaa

Nagaafi Gabiin Dhugaa Yoom Dhufa?

Ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif nagaafi gabii barbaadaa kan turan ta’uyyuu, nagaafi gabii dhugaa argachuu hin dandeenye. Maaliif? Macaafni Qulqulluun sababii bu’uuraa nagaa argachuun itti hin danda’amne lama ibsa. Macaafni kun abdii Waaqayyo barabaraaf nagaafi gabii dhugaa addunyaarratti fiduuf kennes qabateera.

Nagaafi gabiin dhugaa kun kan argamu yoomi? Haala gammachiisaa kana keessa jiraachuuf maal gochuu qabda? Haasaan sabaa mataduree “Nagaafi Gabiin Dhugaa Yoom Dhufa?” jedhuun dhihaatu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna. Haasaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kun addunyaa maratti biyyoota 230 ol ta’an keessatti kennama. Haasaan kun Dilbata, Ebla 18, 2010 ykn akka lakkoofsa Itoophiyaatti (Ebla 10, 2002) Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argamutti dhihaata. Bakkaafi sa’aatiisaa Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo keetti argaman sitti himuu danda’u. Walga’ii kanarratti akka argamtu kabajaan afeeramteetta.