Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Kiristos Barumsisaa Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?

Yesus Kiristos Barumsisaa Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?

Yesus Kiristos Barumsisaa Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?

“Ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera.” —YOHANNIS 10:10.

YESUS KIRISTOS kennuudhaaf malee fudhachuudhaaf gara lafaa hin dhufne. Tajaajilasaatiin ilmaan namootaatiif kennaa hundarra caalu, jechuunis dhugaa waa’ee Waaqayyoofi waa’ee fedha Waaqayyoo ibsu kenneera. Muuxannoo Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaa’amanirraa arguun akka danda’amutti, namoonni barumsasaa fudhatan, yeroo ammaatti jireenya gaarii jiraachuu danda’u. * Haata’u malee, Yesus barumsasaa isa hundarra caalurratti, lubbuusaa isa mudaa hin qabne hunda keenyaaf kennuusaa barsiiseera. Jireenya barabaraa argachuun keenya, barumsa hundarra caalu kana fudhachuu keenyarratti kan hundaa’edha.

Wanta Waaqayyoofi Kiristos nuu kennan Yesus haala suukanneessaa ta’een harka diinotasaatti akka ajjeefamu beeka ture. (Maatewos 20:17-19) Ta’us, jecha beekamaa Yohannis 3:16⁠rratti argamurratti, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuudhaan dubbateera. Yesus, “lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf” akka dhufes dubbateera. (Maatewos 20:28) Yesus lubbuusaa fedhiidhaan akka kennu malee dirqamee akka ajjeefamu kan hin dubbanne maaliif ture?

Waaqayyo jaalala guddaadhaan kaka’ee, ilmaan namootaa cubbuufi rakkoowwan cubbuu wajjin wal qabatanii dhufan, jechuunis mudaafi du’a jalaa oolchuuf qophii godheera. Ilmasaa isa tokkicha gara lafaatti erguufi aarsaa ta’ee akka du’u gochuudhaan kana raawwateera. Yesusis fedhiisaatiin lubbuusaa isa mudaa hin qabne dabarsee nuuf kenneera. Qophiin kun furii kan jedhamu si’a ta’u, kunis kennaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne hundarra kan caaludha. * Kennaan kunis jireenya barabaraa argamsiisa.

Maal gochuu qabda? Furiin kun kennaa dhuunfaatti sii kenname akka ta’e sitti dhaga’amaa? Kun ilaalcha furii kanaaf qabdurratti kan hundaa’edha. Yaada kana fakkeenyaan ibsuuf, Namni tokko poostaa kennaa qabate sii erge haa jennu. Kennaa kana carraaqqii gootee yoo of harka galchite malee kan keeti jedhamuu hin danda’u. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan furii kan sii qopheesse yoo ta’eyyuu, furii sana fudhachuuf carraaqqii yoo goote malee, kan keeti jedhamuu hin danda’u. Kennaa kana carraaqqii gootee kan fudhattu akkamitti?

Yesus, namoonni jireenya barabaraa argatan, warra ‘isatti amanan’ akka ta’an dubbateera. Amantii jechuunimmoo akkaataa jireenyakee kan dabalatudha. (Yaaqoob 2:26) Yesusitti amanuu jechuun, wanta inni barsiiseefi raawwatee wajjin haala walsimuun jiraachuu jechuudha. Kana gochuuf, Yesusiifi Abbaasaa akka gaariitti beekuu qabda. Yesus, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.—Yohannis 17:3.

Yesus, naannoo waggaa 2,000 dura, barumsa namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman jijjiire barsiiseera. Waa’ee barumsa kanaafi barumsi kun yeroo ammaatti qofa utuu hin ta’in, barabaraaf siinis ta’e michootakee akkamitti akka fayyadu beekuu barbaaddaa? Gama kanaan Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii qabu.

Matadureen itti aanu, Yesus Kiristos isa barumsa barabaraaf jireenyakee jijjiiruu danda’u barsiise akka gaariitti beekuuf si gargaara.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Namni Kiristiyaana ofiin jedhu hundi duuka buutuu Kiristos isa dhugaadha jechuu miti. Duuka buutonnisaa warri dhugaan, waa’ee Waaqayyoofi waa’ee fedhasaa ilaalchisee dhugaa Yesus barsiisee wajjin haala walsimuun kan jiraatanidha.—Maatewos 7:21-23.

^ key. 5 Furii ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaa’oon barsiisanirratti yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 5 mataduree, “Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hundaa Caaludha” jedhu ilaali.