Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Mikaa’el Isa Angafa Ergamootaa Jedhamedhaa?

Yesus Mikaa’el Isa Angafa Ergamootaa Jedhamedhaa?

Gaaffii Dubbistootaa . . .

Yesus Mikaa’el Isa Angafa Ergamootaa Jedhamedhaa?

Gabaabaadhumatti deebiinsaa eeyyee kan jedhudha. Aadaa baay’ee keessatti maqaa tokkoo oliin waamamuun waan baramedha. Macaafa Qulqulluu keessattis haala akkasiitiin itti hojjetameera. Fakkeenyaaf abbaa amantii kan ta’e Yaaqoob, Isra’el jedhamees waamameera. (Uumama 35:10) Phexros ergamaan afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun itti barreeffameen maqaawwan addaddaa shaniin, jechuunis Simi’oon, Simoon, Phexros, Keefaasiifi Simoon Phexros jedhamaniin waamameera. (Maatewos 10:2; 16:16; Yohannis 1:42; Hojii Ergamootaa 15:7, 14) Haata’u malee, Mikaa’el maqaa Yesus isa garabiraa ta’uusaa akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Mee ragaa Caaffata Qulqullaa’oo armaan gadii ilaali.

Macaafa Qulqulluu keessatti waa’een qaama hafuuraa Mikaa’el jedhamuu al shan caqasameera. Isaan keessaa sadansaanii macaafa Daani’el keessatti argamu. Daani’el 10:13, 21⁠rratti ergamaan tokko, Mikaa’el ‘ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa isa tokko’ jedhameefi “ergamaa guddaa isa isiniif dhaabatu” jedhamerraa gargaarsa akka argate dubbisna. Daani’el 12:1⁠rrattis guyyoota gara dhumaatti ‘Mikaa’el inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu ni ka’a’ jedhu dubbisna.

Bakki garabiraan maqaan kun itti caqasame Mul’ata 12:7 si’a ta’u, achirratti “Mikaa’el, ergamoota isaa wajjin” waraana guddaa tokkorratti hirmaachuudhaan, Seexana isa Diiyaabilos jedhameefi ergamootasaa warra hamoo samiirraa akka gad darbate ibsameera.

Yaadawwan armaan olitti ibsaman hundarratti Mikaa’el, ergamaa loltuu saba Waaqayyootiif lolu, kan isaan eeguufi diina Yihowaa isa guddaa kan ta’e Seexana durallee kan dhaabatu ta’uusaa hubadhu.

Yihudaa lakkoofsa 9⁠rratti Mikaa’el ‘angafa ergamootaa’ jedhamee waamameera. Jechi maqmaxxantuu duraa “angafa” jedhu, “guddaa” ykn “ajajaa” jechuu yommuu ta’u, jechi kun Macaafa Qulqulluu keessatti ergamaa kamiifiyyuu hin kennamne. Maqaan angafa ergamootaa jedhu 1 Tasaloniiqee 4:16⁠rrattis kan argamu si’a ta’u, achirratti Phaawulos Yesus isa du’aa ka’e ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga’ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan [Yesus] waaqa irraa gad bu’a.” Kanaaf, Yesus Kiristos asirratti akka angafa ergamaatti ykn akka ajajaa ergamootaatti ibsameera.

Yaadawwan armaan olitti ilaallerraa maal hubanna? Yesus Kiristos angafa ergamootaa isa Mikaa’el jedhamudha. Maqaan Mikaa’el (“Kan Akka Waaqayyoo Eenyutu Jira?”) jedhuufi maqaan Yesus (“Yihowaan Fayyisaadha”) jedhu, olaantummaa Waaqayyoo mirkaneessuurratti ga’ee olaanaa inni qabu argisiisu. Filiphisiiyus 2:9, “Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee [Yesus isa ulfina gonfate] guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf” jedha.

Yesus nama ta’ee lafarratti dhalachuusaa duras samiirra jiraachaa akka ture hubachuun barbaachisaadha. Yesus dhalachuusaa dura ergamaan tokko gara Maariyaam dhufee, hafuura qulqulluudhaan akka ulfooftuufi maqaa mucichaas Yesus jettee akka moggaaftu itti himee turte. (Luqaas 1:31) Yesus yommuu tajaajilaa ture, nama ta’ee dhalachuusaa dura samiirra jiraachaa akka ture yeroo baay’ee dubbateera.—Yohannis 3:13; 8:23, 58.

Kanaaf, maqaan inni Mikaa’el angafa ergamootaa jedhu, maqaa Yesus gara lafaa dhufuusaa dura ittiin waamamaa turedha. Yesus du’aa ka’ee gara samiitti erga deebi’ee booda, “ulfina Waaqayyoo abbaatiif” Mikaa’el angafa ergamootaa ta’ee tajaajiluusaa itti fufeera.—Filiphisiiyus 2:11.