Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?

Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?

Yesus Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo Maal Barsiise?

“Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.”—LUQAAS 8:1.

WAA’EE wantoota bakka guddaa kenninuuf dubbachuun nu gammachiisa. Akkuma Yesus jedhe, “waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata.” (Maatewos 12:34) Wanta Yesus yommuu tajaajilaa ture dubbaterraa ka’uudhaan, Mootummaa Waaqayyootiif bakka guddaa kennaa akka ture hubachuu dandeenya.

Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummaa jechuun bulchiinsa mootiidhaan geggeeffamu jechuudha. Kanaaf Mootummaan Waaqayyoo, bulchiinsa Waaqayyo hundeessedha. Yesus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo bal’inaan kan ibse si’a ta’u, barumsisaas Mootummaa kanarratti kan xiyyeeffate ture. Mootummaan kun Wangeelota arfan keessatti al 110 caalaa caqasameera. Haata’u malee, Yesus waa’ee Mootummaa kanaa afaaniin qofa barsiisee hin dhiisne. Gochasaatiinis waa’ee Mootummaa Waaqayyoofi wanta Mootummaan kun raawwatu argisiiseera.

Mootiin Mootummaa kanaa eenyudha? Mootii Mootummaa kanaa kan filate Waaqa malee namoota miti. Yesus Mootii akka ta’uuf Waaqayyo akka isa filate barumsasaa keessatti ibseera.

Yesus, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Masiihichi inni abdachiifame Mootummaa barabaraaf jiraaturratti akka bulchu kan ibsan ta’uusaanii beeka ture. (2 Saamu’el 7:12-14; Daani’el 7:13, 14; Maatewos 26:63, 64) Inni Masiihii abdachiifame akka ta’u ifatti dubbachuusaa yaadadhu. Akka kanaan Mootii Waaqayyo muude ta’uusaa dubbateera. (Yohannis 4:25, 26) Yesus yeroo baay’ee jecha ‘mootummaa koo’ jedhutti fayyadamuunsaa yaada kanaa wajjin walsima.—Yohannis 18:36.

Yesus, Mootummicha keessatti namoonni isaa wajjin bulchan kaanis akka jiran barsiiseera. (Luqaas 22:28-30) Lakkoofsi namoota kanaa muraasa waan ta’eef, “karra xinnayyoo” jedhee isaan waameera. “Abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera” isaaniin jedheera. (Luqaas 12:32) Kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa, namoonni Kiristosii wajjin bulchuuf mirga argatan 144,000 akka ta’an dubbata.—Mul’ata 5:9, 10; 14:1.

Mootummichi eessatti argama? Yesus Phonxos Philaaxosiin, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedheera. (Yohannis 18:36) Mootummaan Kiristosiin bulfamu kun, namootaan kan geggeeffamu miti. Yesus, Mootummaan kun “mootummaa waaqaa” akka ta’e irra deddeebi’ee ibseera. * (Maatewos 4:17; 5:3, 10, 19, 20) Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa waaqarratti argamudha jechuudha.

Yesus erga lafarra jiraatee booda, gara samiitti akka deebi’u beeka ture. Achitti warra isaa wajjin bulchaniif, ‘iddoo isaanii qopheessuu’ akka dhaqu dubbateera.—Yohannis 14:2, 3.

Mootummaan kun maal raawwata? Yesus dhaggeeffattoonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii Waaqayyoon akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9, 10) Jaalalli Waaqayyoo samiirratti raawwatameera. Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabus karaa Mootummaa kanaa raawwiisaa argata. Mootummichi kaayyoo kana yommuu galmaan ga’u, lafa kanarratti jijjiiramni dinqisiisaan ni dhufa.

Mootummichi lafarratti maal raawwata? Yesus, Mootummaan Waaqayyoo namoota ta’e jedhanii waan hamaa hojjetan balleessuudhaan hammina akka balleessu barsiiseera. (Maatewos 25:31-34, 46) Kana jechuun manca’inaafi hammina hunda ni balleessa jechuudha. Yesus lafti kun namoota ‘garraamota,’ qajeelota, warra oo’a qabeeyyii ta’an, warra ‘garaa qulqulluu’ qabaniifi nagaa buusaniin akka guutamtu barsiiseera.—Maatewos 5:5-9.

Namoonni amanamoo ta’an kun lafa mancaate keessa jiraatuu? Matumaa hin jiraatan! Yesus, Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafti kun guutummaatti akka jijjiiramtu abdii kenneera. Namichi Yesus biratti fannifamee ture, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” yeroo jedheen, innimmoo deebisee: “Dhuguman sitti hima, har’a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen. (Luqaas 23:42, 43) Eeyyee, Mootummaan Waaqayyoo lafa kana gara jannataatti jijjiiruudhaan, akkuma lafa dhaabaa Eeden durii akka taatu godha.

Mootummaan kun ilmaan namootaatiif maal godha? Yesus wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu abdii kennuudhaan qofa hin dhiisne. Wanta mootummichi raawwatu hojiidhaan argisiiseera. Yesus karaa dinqii ta’een namoota fayyisuudhaan, gara fuulduraatti bulchiinsa Mootummaasaa keessatti guutummaatti maal akka raawwatu argisiiseera. Wangeelli geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame Yesus, “Guutummaa Galiilaa keessa naanna’ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture” jedha.—Maatewos 4:23.

Yesus namoota dhukkuba addaddaa qaban fayyiseera. “Ija nama jaamaa ta’ee dhalate” tokkoo baneera. (Yohannis 9:1-7, 32, 33) Nama dhukkuba lamxiitiin qabame tokkotti gara laafina argisiisuudhaan harkaan qabee fayyiseera. (Maarqos 1:40-42) ‘Nama gurrisaa duudee arrabnisaas dide tokko’ garasaa yommuu fidan, ‘gurrisaa banamee arrabnisaas akka hiikamu’ godheera.—Maarqos 7:31-37.

Mootiin Waaqayyo muude kun warra du’anillee kaasuu akka danda’u argisiiseera. Yesus namoota sadii du’aa akka kaase Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Ilma tokkicha haadha hiyyeessaa tokkoo, intala waggaa 12fi michuusaa Alaazaariin du’aa kaaseera.—Luqaas 7:11-15; 8:41-55; Yohannis 11:38-44.

Yesus abdii dinqisiisaa namoota Mootummaa Waaqayyootiif bulaniif kenname ilaalchisee karaa Yohannis ergamaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa ta’uuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” (Mul’ata 1:1; 21:3, 4) Mee addunyaa imimmaan, gaddi, waraansiifi duuti keessa hin jirre maal akka fakkaatu yaadi! Kadhannaan, jaalalli Waaqayyoo waaqarratti akkuma ta’u lafarrattis akka ta’u dhihaatu guutummaatti raawwiisaa argata.

Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufa? Yesus yeroon itti mootii ta’ee bulchuu jalqabu, yeroo addaa “dhufa” ykn argamasaa mul’isuu wajjin tokko ta’uusaa barsiiseera. Yesus raajii dubbate keessatti, humna mootummaasaatiin yoom akka argamu bal’inaan ibseera. Yeroon kun waraana, beela, socho’a lafaa, dha’ichaafi seera malee jiraachuu dabalatee rakkoowwan addunyaarratti uumamaniin kan beekamu ta’a. (Maatewos 24:3, 7-12; Luqaas 21:10, 11) Wantoonni kunis ta’an wantoonni Yesus raajiidhaan dubbate hedduun, keessumaa yeroo Waraanni Addunyaa Tokkoffaa jalqabe, jechuunis bara 1914 kaasee mul’ataniiru. Kanaaf, yeroo ammaatti Yesus Mootii ta’ee bulchaa jira jechuudha. Dhiheenyattimmoo Mootummaan kun dhufee jaalalli Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu godha. *

Mootummaan Waaqayyoo dhufuunsaa faayidaa akkamii siif argamsiisa? Eebba akkasii argachuunkee, filannoo barumsa Yesus barsiise fudhachuuf gooterratti kan hundaa’edha.

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Jechi “mootummaa waaqaa” jedhu, Wangeela Maatewos keessatti al 30 ol caqasameera.

^ key. 17 Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti akka dhufu ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 9 mataduree “Kan Jiraannu ‘Guyyoota Gara Dhumaa’ Keessadhaa?” jedhu ilaali.