Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lafti yeroo hundaa nyaataafi qabeenya jireenyaaf barbaachisu argamsiisuu dandeessii?

Lafti yeroo hundaa nyaataafi qabeenya jireenyaaf barbaachisu argamsiisuu dandeessii?

Gaaffii Dubbistootaa . . .

Lafti yeroo hundaa nyaataafi qabeenya jireenyaaf barbaachisu argamsiisuu dandeessii?

Pilaaneetiin keenya Lafti, isheen bareedduun wanta jireenyaaf barbaachisu argamsiisuuf dandeettii guddaa qabdi. Haataʼu malee, baayʼinni namootaa dabaluufi qabeenyi lafaa saffisaan dhumaa jiraachuusaa wajjin haala wal qabateen, ‘Qabeenyi lafaa dhuminnaa laata?’ jettee gaafatta taʼa. Yeroo hunda nyaanniifi qabeenyi gaʼaan ni jiraataa?’

Gaaffii kanarratti xiinxaluun keenya, abdiin Waaqayyo waggaa 4,000 dura maatii ilmaan namootaatiif kennerratti amantaa qabaachuuf nu dandeessisa: “Egaa hamma bara lafti kun itti jiraatutti, midhaan facaasuunii fi sassaabuun, dhaamochinii fi hoʼi, bonnii fi ganni, guyyaanii fi halkan ittuma fufu malee hin dhaabatan.” (Uumama 8:22) Guyyaa hunda aduun baʼuunshee akka hin oolle akkuma beeknu, laftis wanta jireenyaaf barbaachisu argamsiisuushee matumaa akka hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Aleeksi Keribeey inni dhimma naannoo ilaalchisee gabaasa dhiheessu, gabaasa 2004 mataduree, “Pilaaneetiin Keenya Nu Sooruu Ni Dandeessii?” jedhurratti akkas jedheera: “Lafti nyaata nama hundaaf gaʼu ni argamsiisti. Haataʼu malee, nyaanni yeroo baayʼee bakka hin barbaachisnetti argama, gatiinsaa miʼaa taʼa ykn yeroo dheeraa kaaʼamuu hin dandaʼu. Kanaaf, namni hundi nyaata gaʼaa argachuunsaa siyaasaa wajjin malee Saayinsii wajjin kan wal qabate miti.” Lafaaf eegumsi yoo godhameefi qabeenyishee sirriitti faayidaarra yoo oole, hanqinni ni jiraata jedhanii sababiin itti yaaddaʼan hin jiraatu. Fakkeenyaaf, bara Israaʼel duriitti Waaqayyo akkaataa lafa itti fayyadaman ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe kennee ture. Akka Lewwoota 25:4⁠rratti galmeeffametti Waaqayyo Israaʼelootaan akkas jedheera: “Waggaan torbaffaan garuu biyyichaaf waggaa boqonnaa . . . haa taʼu! . . . maasii keessanitti sanyii hin facaafatinaa.” Waggaa torbaffaa hundatti hojii qonnaa kan hin hojjenne taʼuyyuu, Waaqayyo sabichi wantoota gaarii hedduu argachuutti akka gammaduufi hanqinni nyaataa ni jiraata jedhe akka hin yaaddofne mirkaneesseefii ture.—Lewwoota 26:3-5.

Miidhaa lafaafi qabeenyasheerra gaʼe iddoosaatti deebisuuf garaadhaa carraaqqiiwwan tokko tokko godhamaa kan jiran taʼus, namoonni hedduun carraaqqiiwwan kun baayʼee muraasaafi kan yeroon itti darbe akka taʼan itti dhagaʼama. Furmaanni barabaraa Mulʼata 11:18 qofarratti argama. Achirratti Macaafni Qulqulluun, ‘Warri biyya lafaa balleessan ni balleeffamu’ jedha. Yihowaan akkaataa laftiifi qabeenyishee faayidaarra itti oolan sirreessuu qofa utuu hin taʼin, lafti wanta jiraattotashee hundaaf gaʼu baayʼinaan akka argamsiistu ni godha. Fedha ofittummaatiif jecha qabeenya lafaa saamuunis taʼe, namoonni mata jabeeyyiin kaayyoo Yihowaa tuffatan hundi ni balleeffamu. Karaa biraammoo warri fedhiidhaan bulchiinsa Yihowaa deggeran, abdiin Faarfannaa 72:16⁠rratti, “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu” jedhu yommuu raawwiisaa argatu ni argu.

Yihowaan jaalalaafi ogummaasaa isa dhuma hin qabneen, ilmaan namootaa jannata ishee bakka jireenyaasaanii taate akka kunuunsan kaayyoo qaba ture. (Uumama 1:28) Bulchiinsasaa jalatti ilmaan namootaa abboomamoo taʼan, wanta gombisaa lafaa keessa jiru utuu hin duguugin qabeenya uumamaatti ogummaadhaan itti fayyadamuu baratu. Kennaa Waaqni inni jaalala qabeessa taʼeefi fedhii warra lubbuu qaban hundaa guutu nuu kenne kanaaf guddaa galateeffanna!—Faarfannaa 145:16.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]

“Namni hundi nyaata gaʼaa argachuunsaa siyaasaa wajjin malee Saayinsii wajjin kan wal qabate miti”