Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni Gaariin Hundi Gara Waaqaa Dhaquu?

Namoonni Gaariin Hundi Gara Waaqaa Dhaquu?

Namoonni Gaariin Hundi Gara Waaqaa Dhaquu?

YESUS galgala ajjeefamuusaa dura tureefi irbaata isa dhumaa ergamootasaa wajjin erga nyaatee booda, waaqarratti iddoo akka isaaniif qopheessu ergamootasaatiif waadaa galee ture. Akkas jedhe: “Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baayʼeetu jira; utuu inni hin jiru taʼee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.” (Yohannis 14:2) Yesus waaqarratti iddoo kan isaaniif qopheessu maaliif ture? Achi dhaqanii maal hojjetu?

Yesus bartootasaatiif hojii addaa kennuuf yaada qaba ture. Gafasuma galgala akkas isaaniin jedheera: “Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha. Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaaʼe, anis immoo akkasuma isiniif nan kaaʼa.” (Luqaas 22:28, 29) Waaqayyo, Yesus Mootii fedhii ilmaan namootaa isa guddaa jechuunis bulchiinsa gaarii guutu takka taʼu waadaa galeeraaf. Yesus ilmaan namootaa rakkinarraa kan oolchu taʼuusaarrayyuu, warra isaan gowwoomsaan ni balleessa. Yesusiif kan bitaman namoota “hamma andaara lafaatti” jiran taʼanis, teessoonsaa waaqarra taʼa.—Faarfannaa 72:4, 8; Daaniʼel 7:13, 14.

Haataʼu malee, Yesus kan bulchu qofaasaa miti. Kanaaf, ergamoonnisaa waaqarratti iddoo akka qabaatan waadaa galeef. “Lafa irratti moʼuuf” jalqabarratti kan filataman isaanidha.—Mulʼata 5:10.

Namoota meeqatu gara waaqaa dhaqa? Akkuma bulchitoota kaanii, bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo isa samii, namoota bulchiinsasaa jala jiran kaanii wajjin wal bira qabamanii yeroo ilaalaman muraasadha. Namoota isaa wajjin bulchaniin Yesus akkas jedhee ture: “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! Kana keessaa hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera.” (Luqaas 12:32) Warri “karra xinnayyoo” jedhaman dhumarratti lakkoofsisaanii 144,000 taʼa. (Mulʼata 14:1) Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota amanamoo Mootummichaaf bitamaniifi miliyoonaan lakkaaʼaman, akkasumas barabaraan lafarra jiraatanii wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu muraasadha.—Mulʼata 21:4.

Kanaaf, gara waaqaa kan dhaqan namoota gaarii hunda miti. Phexros, Daawit Mooticha gaarii ture ilaalchisee, “Daawit ofii isaa gara waaqaatti ol hin baane” jedheera. (Hojii Ergamootaa 2:34) Yohannis Cuuphaanis nama gaarii ture. Haataʼu malee Yesus, isaa wajjin waaqarratti mootii akka hin taane ibseera. Yesus akkas jedheera: “Nama taʼee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.”—Maatewos 11:11.

Eebba Namoonni Gaariin Argatan Ni Argattaa?

Namni tokko barabaraaf lafarra jiraachuudhaan eebba argachuuf maal gochuu qaba? Yesus akkas jedheera: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yohannis 3:16) Jaalalli Waaqayyo biyya lafaatiif qabu jireenya barabaraa kennuuf kan isa kakaase taʼuyyuu, kana kan argatan warra ‘amanan’ qofa akka taʼan hubadhu.

Amantiin beekumsa dhugaarratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. (Yohannis 17:3) Kaayyoo Yihowaan namootaaf qabu caalaatti barachuudhaan, nama gaarii taʼuukee argisiisuu dandeessa. Amantiin wanta baratterratti qabdu hojiidhaaf akka si kakaasu heyyami. Jireenya dhuma hin qabne jiraachuuf carraan akka siif baname mirkanaaʼaa taʼi.

[Saanduqa fuula 19rra jiru]

Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

Gaaffii:

Namoonni gaariin yeroo duʼan maal taʼu?

Deebii:

“Warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan.” LALLABA 9:5.

Gaaffii:

Namoonni gaariin gara fuulduraatti abdii maalii qabu?

Deebii:

“Warri duʼanii awwaalaman sagalee isaa [Yesus] yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu.”YOHANNIS 5:28, 29.

Gaaffii:

Namoonni gaariin garri caalaan eessa jiraatu?

Deebii:

‘Toloonni lafa in dhaalu, isarras barabaraan in jiraatu.ʼFAARFANNAA 37:29, hiika bara 1899.