Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Samiin Maal Fakkaata?

Samiin Maal Fakkaata?

Samiin Maal Fakkaata?

NAMOONNI tokko tokko namni achirraa gadi buʼee nutti hime waan hin jirreef waaʼee samii beekuun hin dandaʼamu jedhanii yaadu. Tarii wanta Yesus, “Waaqa irraa[n] gad buʼe” jechuudhaan dubbate irraanfataniiru taʼa. (Yohannis 6:38) Geggeessitoota amantii tokko tokkoonis, “Isin kan goodaa kanaa ti, ani immoo kan gubbaa sanaa ti” jedhee ture. (Yohannis 8:23) Yesus waaʼee bantii waaqaa ykn samii maal jedheree?

Yesus, bantiin waaqaa bakka Yihowaan jiraatu taʼuusaa mirkaneesseera. Inni Waaqayyoon “abbaa koo isa waaqa irraa” jedhee waameera. (Maatewos 12:50) Haataʼu malee, Yesus jecha “waaqa” jedhu wanta kan biraa ibsuufis itti fayyadameera. Fakkeenyaaf, “simbirroota waaqa jalaa ilaalaa” yeroo jedhetti, qilleensa naannoo lafaa jiru ‘waaqa’ jechuudhaan ibseera. (Maatewos 6:26, hiika bara 1899) Haataʼu malee, Yihowaan qilleensa naannoo lafaatti argamuu ol jiraata. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Isa guutummaa biyya lafaa gararraa taaʼutu isa uume.”—Isaayaas 40:22.

‘Abbaan inni waaqarraa’ urjoota gidduu jiraataa? Caaffanni Qulqullaaʼoon uumama cufa mulʼatu kana “waaqa” jedhanii waamu. Fakkeenyaaf faarfataan tokko akkas jedhee barreesseera: “Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara jiʼaa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, ‘Ati akka isa yaadattuuf namni maali? Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?’ jedhee nan gaafadha.”—Faarfannaa 8:3, 4.

Namni muka soofu tokko saanduqa dhaabbii hojjete keessa akkuma hin jiraanne, Yihowaanis uumama cufa ijaan argamuufi uume keessa hin jiraatu. Kanaaf, Solomoon Mootichi yeroo mana qulqullummaa Yerusaalem ture Yihowaaf murteessutti akkas jedhee ture: “Yaa Waaqayyo, ati garuu dhuguma lafa irra jiraattaa ree? Kunoo, bantiiwwan waaqaa fi bantiin waaqaa inni bantiiwwan waaqaa gararraa jiru iyyuu si fudhachuu hin dandaʼu erga taʼee, manni qulqullummaa ani ijaare kun immoo hammam isa irra haa xinnaatu ree!” (1 Mootota 8:27) Yihowaan bantii waaqaa mulʼatu kana keessa hin jiraatu taanaan, bantii waaqaa isa kam keessa jiraataree?

Namoonni bantii waaqaa isa mulʼatu teleskooppii humna guddaa qabuun kan qoraniifi hawaarra kan baʼan taʼuyyuu, yaanni Macaafa Qulqulluu, “Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine” jedhu yoomiyyuu dhugaadha. (Yohannis 1:18) Yesus sababiisaa yeroo ibsu, “Waaqayyo hafuura” jedheera.—Yohannis 4:24.

Hafuurri, jireenya ilmaan namootaatii ol taʼedha. Wantoota akka fooniifi dhiigaa namoonni arguufi qaqqabuu dandaʼanirraa kan hojjetames miti. Kanaaf Yesus Abbaasaa wajjin “waaqa irra” jiraachaa akka ture yeroo dubbatu, jireenya lafarraa kamiyyuu caalaa jireenya dinqisiisaa jiraachaa akka ture ibsuusaa ture. (Yohannis 17:5; Filiphisiiyus 3:20, 21) Addunyaan hafuuraa Yesus Abbaasaa wajjin keessa jiraachaa ture, Macaafa Qulqulluu keessatti “waaqa” jedhameera. Iddoon kun maal fakkaata? Achittoo maaltu raawwatama?

Bakka Sochii Gammachiisaan Itti Godhamu

Macaafni Qulqulluun, waaqni bakka sochiin hedduun itti godhamu akka taʼe ibsa. Achi uumamawwan hafuuraa amanamoon miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman akka jiraatanis ni ibsa. (Daaniʼel 7:9, 10) Uumamawwan hafuuraa kun dhuunfaatti amalawwan ittiin beekaman qabu. Kana akkamitti beekna? Uumamawwan mulʼatan keessaa guutummaatti kan wal fakkaatu waan hin jirreef, samiirrattis garaa garummaa guddaan akka jiraatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kan nama dinqisiisu garuu, uumamawwan samii kun hundi, tokkummaadhaan waan hojjetaniif, namoota lafarraa yeroo baayʼee waltaʼiinsaan hin hojjennerraa baayʼee addadha.

Mee akkaataa Macaafni Qulqulluun sochii waaqarra jiru itti ibsu hubadhu. “Isin ergamoonni isaa warri waaqa irraa, isin jagnoonni jajjaboonni warri sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Isin macci isaa hundinuu, isin hojjetoonni isaa warri fedha isaa gootan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!” (Faarfannaa 103:20, 21) Kanaaf waaqarratti hojii baayʼeen hojjetamaa jira. Hojiin sunis baayʼee gammachiisaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Ergamoonni utuu lafti hin uumamin yeroo dheeraa duraa kaasee gammachuudhaan tajaajilaa jiru. Akka Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanitti, yeroo Yihowaan lafa uume ilmaan Waaqayyoo “in faarfatan” akkasumas “guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” (Iyoob 38:4, 7) Ilmaan Waaqayyoo kana keessaa inni tokko, Waaqayyoo wajjin wantoota kaan hunda uumuuf mirga argatee ture. (Qolosaayis 1:15-17) Sochii gammachiisaan waaqarratti godhame haala kanaan ibsamuunsaa, waaʼee waaqaafi waaʼee ilmaan namootaa gaaffiiwwan tokko tokko sitti uumuu dandaʼa.

Ilmaan Namootaa Gara Samii Akka Dhaqan Yaadamee Turee?

Ergamoonni utuu lafti hin uumamin dura waaqarratti Waaqayyoon tajaajilaa turan erga taʼee, dhiirriifi dubartiin jalqabaa samii guutuuf akka hin uumamne beekamaadha. Kanaa mannaa Waaqayyoo haadha manaafi abbaa manaa jalqabaatiin, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa” jedhee ture. (Uumama 1:28; Hojii Ergamootaa 17:26) Addaam inni uumama haaraa lafarra jiraatu isa jalqabaa taʼe, Waaqayyoon beekuufi amanamummaadhaan isa tajaajiluu dandaʼa ture. Ilmaan namootaa lafarra jiraatan isarraa dhalachuu qabu turan. “Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif kenne.”—Faarfannaa 115:16.

Yeroo baayʼee namoonni duʼuu hin barbaadan; ilmaan namootaa duʼaaf hin uumamne. Waaqayyo Addaamiin duʼaan kan adabu, utuu hin abboomamin yoo hafe qofa akka taʼe dubbateera. Addaam utuu abboomameera taʼee barabaraaf hin duʼu ture.—Uumama 2:17; Roomaa 5:12.

Kanaaf, Waaqayyo waaʼee gara waaqaa dhaquu Addaamitti kan hin dubbanne taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Eegaa, lafti bakka namoonni jireenya waaqarraatiif kan malan taʼuufi dhiisuunsaanii itti qoramu miti. Namni kan uumame barabaraaf lafarra jiraachuuf siʼa taʼu, kaayyoon Waaqayyoo kun gara fuulduraatti ni raawwatama. Macaafni Qulqulluun abdii “Toloonni lafandhaalu isarras barabaraan in jiraatu” jedhu kenna. (Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899) Ilmaan namootaa waaqa dhaquuf akka hin uumamne ifadha. Yesus ergamootasaatiif waaʼee jireenya samiirraa abdii kan kenne maaliifiree? Yesus namoonni gaarii taʼan hundi gara samii dhaqu jechuusaa turee?