Waaqayyo Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qaba?
Waaqayyo Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qaba?
UUMAAN keenya, inni waan gaarii nuu hawwu, alkoolii xinnoo dhuguu nu hin dhowwine. * Kanaa mannaa, “wayniin garaa namaa akka gammachiisuuf, fuulli dhadhaadhaan akka calaqqisuuf, buddeennis namaaf humna akka taʼuuf” kenneera. (Faarfannaa 104:15) Yeroo tokko Yesus Kiristos, bishaan “wayinii isa gaarii” godhee jijjiiruudhaan, cidhi tokko caalaatti gammachiisaa akka taʼu godheera.—Yohannis 2:3-10.
Uumaan keenya, alkooliin sochii qaamaafi sammuurratti dhiibbaa akkamii akka geessisu guutummaatti akka beeku ifadha. Macaafa Qulqulluu keessatti, Abbaan keenya inni samii ‘waan waaʼee nuuf baasu nu barsiisa;’ akkasumas dhugaatii nama macheessu garmalee akka hin dhugne jabeessee nu akeekkachiisa. (Isaayaas 48:17) Akeekkachiisa ifatti kenname kana qalbeeffadhu:
“Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa!” (Efesoon 5:18) “Warri machaaʼan, . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qorontos 6:9-11) Dubbiin Waaqayyoo “machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus” ni balaaleffata.—Galaatiyaa 5:19-21.
Mee amma balaa dhugaatii alkoolii baayʼee dhuguun geessisu tokko tokko haa ilaallu.
Balaawwan Dhugaatii Alkoolii Baayʼee Dhuguun Fidu
Alkooliin faayidaa qabaachuu dandaʼus, makaawwan ciccimoo akkaataa sammuufi qaamni namaa itti hojjetu jijjiiran qaba. Alkoolii garmalee dhuguun, rakkoowwan armaan gadii geessisuu dandaʼa:
Garmalee dhuguun, ilaalcha nama sanaa jalʼisee ‘dubbii micciiramaa akka dubbatu’ godha. (Fakkeenya 23:33) Aalan, inni dhugaatii alkoolii garmalee akka dhugu mataduree darberratti ibsame akkas jedheera: “Araadni dhugaatii alkoolii dhukkuba kan fidu qaamarratti qofa miti; yaadaafi ilaalcha namaas ni jalʼisa. Kana gochuun keessan warra kaan hammam akka miidhu hin yaaddan.”
Alkoolii baayʼee dhuguun, qaanii namatti fiduu dandaʼa. Caaffanni Qulqullaaʼoon, ‘Daadhii waynii isa baʼaa, isa hin baʼinis dhuguun, yaada nama keessaa fudhata’ jechuudhaan akeekkachiisu. (Hoseʼaa 4:11) Kun kan taʼu akkamitti? Alkoolii baayʼee dhuguun, yaanniifi fedhiin kanaan dura ukkaamsinee qabannu, fudhatama kan qabuufi hawwisiisaa akka nutti fakkaatu gochuu dandaʼa. Murtoon waan sirrii taʼetti qabamnee jiraachuuf goone laafuu dandaʼa. Alkooliin ejjennoo amalaa keenya nu jalaa laaffisuudhaan, karaa hafuuraa balaan akka nurra gaʼu gochuu dandaʼa.
Fakkeenyaaf, Joon haadha manaasaa wajjin wal lolee, aariidhaan mana dhugaatii dhaqe. Aariinsaa akka irraa galuuf alkoolii xinnoo akkuma dhugeen dubartiin tokko garasaa dhufte. Xinnoo erga daddabalatee booda, ishee wajjin deemee ejja raawwate. Booddee Joon, utuu alkoolii dhuguu baatee hamileensaa waan hin cabneef, gocha matumaa itti yaadee hin beekne sana raawwachuusaatti baayʼee gaabbe.
Alkoolii baayʼee dhuguun, dubbiifi gocha toʼannaadhaa ala taʼetti nama geessuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Eenyutu gadda? Eenyutu nama qoccola?” jechuudhaan gaafata. “Warra yeroo hundumaa daadhii waynii isa makaa qabu barbaaduuf adeemanii dha.” (Fakkeenya 23:29, 30) Garmalee dhuguun, “akka nama galaana walakkaa ciisuu, akka nama bantii markabaa irra rafuus” akka namatti dhagaʼamu godha. (Fakkeenya 23:34) Namni garmalee dhuge, ‘rukutamuyyuu utuu isatti hin dhagaʼamin’ dammaqa.—Fakkeenya 23:35.
Garmalee dhuguun, qaamarratti balaa geessisuu dandaʼa. “[Alkooliin] erga isa dhuganii booddee akka bofaa nama in idda, akka hadhaa marʼataas nama in miidha.” (Fakkeenya 23:32) Saayinsiin fayyaa, fakkeenyi durii kun dhugaa taʼuusaa mirkaneesseera. Alkoolii baayʼeen, summii dhukkuba daranyoo addaddaa, dhukkuba kalee addaddaa, dhukkuba rajiijii, dhukkuba hanqina sukkaaraa, dhukkuba feetaal alkohol siindiram jedhamuufi daaʼimman wajjin dhalatan, dhukkuba dhiiga kantarsu namatti fidu qabaachuu dandaʼa. Kanneen kun garuu muraasasaanii qofadha. Al tokko qofaa garmalee dhuguunillee, namichi akka of wallaalu ykn akka duʼu gochuu dandaʼa. Rakkinni cimaan garmalee dhuguudhaan dhufu tokko garuu, kitaabota barumsa yaalii fayyaarratti hin ibsamne.
Balaa isa guddaa. Namni tokko machaaʼuu baatullee, garmalee dhuguunsaa balaa hafuuraa isarra geessisa. Macaafni Qulqulluun akkas Isaayaas 5:11, 12.
jechuudhaan ifatti dubbata: “Warra dhugaatii barbaaduudhaaf ganameeffatanii kaʼaniif, warra hamma dhugaatiin jabaan isaan gubutti, hamma halkaniitti taaʼaniif wayyoo!” Maaliif? Isaayaas, garmalee dhuguun balaa hafuuraa akkamii akka geessisu ennaa ibsu, “Gochaa Waaqayyoo garuu hin ulfeessan, hojii harkaa isaatiis hin safeeffatan” jedheera.—Dubbiin Waaqayyoo “hidhata warra daadhii waynii gar-malee dhuganii” akka hin taane nu gorsa. (Fakkeenya 23:20) Dubartoonni dullooman “dhugaatiidhaaf garboota taʼuun” akka isaanirra hin jirre akeekkachiifamaniiru. (Tiitoos 2:3) Maaliif? Namoonni suutuma suuta, yeroo baayʼeemmoo utuu isaanitti hin beekamin, alkoolii dhugan hammasaa dabalaa deemu. Booddee namichi machaaʼe, “Yooman dammaqee dhugaatii kan biraa argadha?” jedha taʼa. (Fakkeenya 23:35) Namichi yommuu dammaqu, rakkinni dhugaatiidhaan isarra gaʼe akka isa gadhiisuuf dhugaatiitti yeroo deebiʼu, rakkina kan biraarra buʼa.
Macaafni Qulqulluun, namoonni “machiitti, gar-malee nyaachuutti, gar-malee dhuguutti” jiraachaa turan, “waan godhan sababii isaa wajjin isa warra jiranii fi warra duʼanitti faraduuf qophaaʼetti himuuf” akka jiran akeekkachiisa. (1 Phexros 4:3, 5) Yesusis yeroo rakkisaa keessa jiraannu ilaalchisee akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti baʼaa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.”—Luqaas 21:34, 35.
Haataʼu malee, namoonni garmalee dhugan ‘machiirraa’ fagaachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandaʼu?
[Miiljaleewwan]
^ key. 2 Mataduree kana keessatti, jechi “alkoolii” akkasumas “dhugaatii” jedhu, irra caalaatti biiraafi wayinii dabalatee dhugaatii nama macheessu kamiyyuu kan argisiisudha.
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun rakkina hedduu keessa nama galchuu dandaʼa