Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Kanaʼaanotarratti Waraana Kan Labse Maaliifi?

Waaqayyo Kanaʼaanotarratti Waraana Kan Labse Maaliifi?

Waaqayyo Kanaʼaanotarratti Waraana Kan Labse Maaliifi?

“Warra Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa immoo akkuma Waaqayyo gooftaan kee si abboometti raawwadhuu isaan balleessi!”—KEESSA DEEBII 20:17.

“Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraa[dhaa].”—ROOMAA 12:18.

CAQASAWWAN Macaafa Qulqulluu kun lamaan kan wal faallessan sitti fakkaataa? Namoonni hedduun abboommii Waaqayyo Kanaʼaanota akka balleessan kenne, gorsa Macaafni Qulqulluun naga qabeeyyii taʼuu ilaalchisee kennuu wajjin walsimsiisuun isaan rakkisa. * (Isaayaas 2:4; 2 Qorontos 13:11) Qajeelfamawwan amala ilaalchisee kennaman kun kan wal faallessan isaanitti fakkaata.

Dhimma kana ilaalchisee Waaqayyoo wajjin haasaʼaa jirta utuu taʼee, maal jettee isa gaafatta turte? Gaaffiiwwan gaafatamuu dandaʼan shaniifi deebiiwwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan ilaali.

1. Kanaʼaanonni biyyaa kan baafaman maaliif ture? Kanaʼaanonni biyya kan isaanii hin taane keessa jiraatu turan jechuun ni dandaʼama. Akkamitti? Waggaa 400 dura Waaqayyo Abrahaam isa amanamaa tureef, sanyiinsaa biyya Kanaʼaan akka dhaalan waadaa galeefii ture. (Uumama 15:18) Waaqayyo sabni Israaʼel inni sanyii Abrahaam taʼe, biyyicha akka dhaalu yeroo godhetti waadaa gale eegeera. Namoonni tokko tokko, Kanaʼaanonni jalqaba achuma jiraachaa waan turaniif, biyyichi kanumasaaniiti jedhanii mormu taʼa. Haataʼu malee, Waaqayyo inni umama cufarratti olaantummaa qabu eenyu eessa akka jiraatu murteessuuf mirga akka qabu beekamaadha.—Hojii Ergamootaa 17:26; 1 Qorontos 10:26.

2. Waaqayyo Kanaʼaanonni Israaʼelootaa wajjin akka jiraatan kan hin heyyamneef maaliifi? Waaqayyo Kanaʼaanota ilaalchisee akkas jedhee isaan akeekkachiisee ture: “Ana duratti cubbuu akka si hin hojjechiifnetti isaan biyya kee keessa hin jiraatin! Waaqayyolii isaaniis yoo waaqessite kiyyoo sitti in taʼa.” (Baʼuu 23:33) Yeroo boodas Musee raajichi, “Waaqayyo gooftaan kee saba kana jalʼina isaatiif jedhee si duraa oofaa [jira]” jedhee ture. (Keessa Deebii 9:5) Saboonni sun hammam jalʼoota turan?

Kanaʼaan keessatti addaggummaan, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi ijoollee aarsaa gochuun babalʼatee ture. Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Henrii Eech. Haaleyi, arkiʼooloojistoonni yeroo naannoo sana qotan “huuroowwan lafee ijoollee Baʼaaliif [waaqa tolfamaan Kanaʼaanonni bakka guddaa kennaniif] aarsaa godhamaniin guutaman hedduu” akka argatan dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis akkas jedhaniiru: “Naannoon sun guutummaansaa awwaala ijoollee reefuu dhalataniin guutameera. . . . Kanaʼaanonni yeroo waaqeffannaasaanii raawwatan sirna amantii waaqayyoliisaanii duratti saalquunnamtii itti raawwatan qabu turan; achis ijoolleesaanii angafaa waaqayyolii kanaaf aarsaa godhanii dhiheessu turan. Guutummaan biyya Kanaʼaan akkuma Sodoomiifi Gomoraa taʼee ture. . . . Arkiʼooloojistoonni magaalaawwan diigaman kana qotanii qorannaa irratti geggeessan, Waaqayyo utuu isaan hin balleessin hanga yeroo sanaatti turuunsaa isaan dinqisiiseera.”

3. Yeroo sanatti namoonni jalʼoonni kan biraan hin turree? Kanaʼaanota qofa kan balleesse maaliifi? Waaqayyo cubbamoota filatee kan balleesse yeroo baayʼeedha. Bara Nohi, yeroo ‘lafti humnaan wal irratti kaʼuudhaan guutamtee’ turte, Waaqayyo maatii Nohi qofa hambisee namoota kaan guutummaatti balleesseera. (Uumama 6:11; 2 Phexros 2:5) Waaqayyo jiraattonni Sodoomiifi Gomoraa cubbuunsaanii “baayʼee ulfaataa” yeroo taʼetti magaalaawwan kana balleesseera. (Uumama 18:20; 2 Phexros 2:6) Akkasumas Yihowaan magaalaa guddittii Asor, Nanawwee ishee “dhiiga namaa dhangalaaftu” jiraattonnishee karaasaanii isa gadheerraa waan deebiʼaniif magaalattii utuu hin balleessin kan hafe taʼus, badiisa itti murteessee ture. (Naahom 3:1; Yoonaas 1:1, 2; 3:2, 5-10) Waaqayyo Kanaʼaanotas kan balleesse, saba Israaʼel isa karaa Masiihichi ittiin dhufu eeguuf jecha ture.—Faarfannaa 132:11, 12.

4. Waaqayyo Kanaʼaanota balleessuunsaa jaalalasaa wajjin wal hin faallessuu? Irra keessa yeroo ilaalamu, Waaqayyo Kanaʼaanota balleessuunsaa jaalalasaa wajjin kan wal faallessu fakkaachuu dandaʼa. (1 Yohannis 4:8) Haataʼu malee, dhimma kana gadi fageenyaan yeroo qorru jaalallisaa caalaatti mulʼata.

Waaqayyo durumaanuu jiraattonni Kanaʼaan karaa dogoggoraarra akka adeeman beeka ture. Taʼus yerooma sana isaan balleessuu mannaa, hanga cubbuunsaanii ‘safarriisaa guututti’ waggaa 400 obseera.—Uumama 15:16.

Yihowaan Kanaʼaanonni cubbuusaaniirraa matumaa akka hin deebine yeroo mirkaneessu akka balleeffaman godheera. Taʼus, walumatti qabaatti Kanaʼaanota hundumaa hin balleessine. Maaliifi? Namoonni jijjiiramuuf fedhii qaban tokko tokko jiru turan. Namoota jijjiiramuuf fedhii qaban, kan akka Rahaabiifi warra Giibeʼon jiraniif ooʼeera.—Iyaasuu 9:3-11, 16-27; Ibroota 11:31.

5. Waaqni jaalalaa nama kamiyyuu yoo taʼe akkamitti balleessa? Lubbuu namaa balleessuun waan namatti hin tolleef, sababii gaaffiin kun itti kaʼu hubachuun ulfaata miti. Haataʼu malee, Waaqayyo namoota hamoo taʼanirratti tarkaanfii cimaa akkasii fudhachuuf kan isa kakaase jaalalasaa ture. Fakkeenya kana ilaali: Namni tokko madaa hin fayyineen (gaangiriiniidhaan) yoo qabame, doktooronni yeroo baayʼee miilla ykn harka madaaʼe sana kutuurraa kan hafe filannoo kan biraa hin qaban. Miilla ykn harka kutuun kan nama gammachiisu taʼuu baatus, doktoorri gaariin tokko akkas gochuu baannaan madaan nama dhukkubsate sanaa tamsaʼee miidhaa guddaa akka geessisu beeka. Nama dhukkubsate sanaaf waan yaaduuf, hojii namatti hin tolle kana raawwachuun dirqama isatti taʼa.

Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Kanaʼaanota balleessuun wanta isa gammachiisu hin turre. Innumtiyyuu, “Ani duʼa nama jalʼaatti hin gammadu” jedheera. (Hisqiʼel 33:11) Karaa biraatiinimmoo, sabni Israaʼel sanyii Masiihiichi ittiin dhufu akka taʼu kaayyoo qaba ture; Masiihiin kun namoota amantiisaanii hojiidhaan argisiisan hundaaf karaa fayyinaa kan isaaniif banudha. (Yohannis 3:16) Kanaaf, Waaqayyo Israaʼeloonni barsiifata Kanaʼaanotaa gadhee taʼeen akka mancaʼan heyyamuu hin dandeenye. Kanaan kan kaʼes, Kanaʼaanota biyyattii keessaa akka balleessan ykn akka baasan ajajeera. Karaa kanaan Waaqayyoo, jaalala isa faayidaa namoota isaaf amanamoo taʼaniif jecha wanta isatti hin tolle akka raawwatu isa kakaase argisiiseera.

Barumsa Seenaa Kanarraa Argannu

Seenaan waaʼee badiisa Kanaʼaanotaa ibsu kun nuuf faayidaa qabaa? Eeyyee, Roomaan 15:4 akkas jedha: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.” Wanti Kanaʼaanitti raawwatame, barumsa kan nuu taʼuufi abdii kan nuu kennu akkamitti?

Seenaa kanarraa barumsa hedduu arganna. Fakkeenyaaf, Rahaabiifi warri Giibeʼon Waaqayyorratti amantii waan qabaniif ooʼasaatiin isaan oolcheera. Kunis, namni tokko sanaan dura nama akkamiiyyuu yoo taʼeefi cubbuu akkamiiyyuu yoo raawwate, barbaannaan garaadhaa Waaqayyoon gammachiisu akka dandaʼu nu hubachiisa.—Hojii Ergamootaa 17:30.

Akkasumas, tarkaanfiin Waaqayyo yeroo dhihootti fudhatu maal akka fakkaatu ibsuudhaan abdii nuu kenna. Waaqayyo hammeenyi babalʼatee guutummaatti gaarummaa akka liqimsu akka hin heyyamne mirkaneessa. Kanaa mannaa, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo yeroo dhihootti hamoota hundumaa balleessuuf tarkaanfii akka fudhatu, namoota isa jaallatanimmoo badiisarraa oolchee addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatutti akka isaan galchu mirkaneessa. (2 Phexros 2:9; Mulʼata 21:3, 4) Yeroo sanatti jechoonni nama jajjabeessan kun raawwiisaanii argatu: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jalʼannes eeggadhu! Biyya akka qabaattuuf [“Lafa akka dhaaltuuf,” hiika bara 1899] ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jalʼootaas argitee in gammadda.”—Faarfannaa 37:34.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Mataduree kana keessatti, jechi “Kanaʼaanota” jedhu saboota Waaqayyo Israaʼeloonni akka balleessan isaan ajaje hunda kan argisiisudha.

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Fakkeenyi Rahaab, namni kamiyyuu fedhiisaa qabaannaan Waaqayyoon gammachiisuu akka dandaʼu argisiisa

Macaafni Qulqulluun Waraana Namoonni Godhan Ni Deggeraa?

Waaqayyo Sabni Israaʼel Kanaʼaanota akka balleessan ajajuunsaa, waraana namoonni yeroo ammaatti godhan akka deggeru argisiisaa? Akka hin argisiisne yoo xinnaate sababii sadii caqasuun ni dandaʼama:

Yeroo ammaatti sabni Waaqayyoo wajjin hariiroo addaa qabu hin jiru. Israaʼeloonni, Yesus Masiihii taʼuusaa fudhachuu yeroo didanitti, firdiisaa kan raawwachiisan taʼanii tajaajiluu dabalatee, bakka buʼoota Waaqayyoo taʼuunsaanii ni hafe. (Maatewos 21:42, 43) Kanaaf Yihowaan, saba Israaʼel akkuma saboota kaanitti ilaaluu jalqabe. (Lewwoota 18:24-28) Yeroo sanaa kaasee, sabni lafarraa kamiyyuu waraanarratti deggersa Waaqaa qaba jedhe afaansaa guutee dubbachuu hin dandaʼu.

Sana booda Yihowaan namoonni isa waaqeffatan biyya ykn naannoo murtaaʼe tokko akka jiraatan hin ajajne. Kanaa mannaa, tajaajiltoonnisaa ‘sabaafi gosa hundumaa’ keessa kan dhufanidha.—Mulʼata 7:9; Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

Yesus duuka buutonnisaa waraanarratti akka hin hirmaanne ifatti dubbateera. Balaa Yerusaalemirratti dhufu ilaalchisee yeroo isaan akeekkachiise, magaalattii keessa turanii akka lolan utuu hin taʼin gadhiisanii akka baʼan kan isaan ajaje siʼa taʼu, isaanis kan godhan akkasuma ture. (Maatewos 24:15, 16) Kiristiyaanonni dhugaan meeshaa waraanaa fayyadamuu mannaa, Mootummaa Waaqayyoo isa yeroo dhihootti hammeenya hundumaa lafarraa haxaaʼee balleessurratti amantii guutuu qabu.—Daaniʼel 2:44; Yohannis 18:36.