Waaqayyo Waan Gaarii Garaa Namootaa Keessa Jiru Ilaala
Waaqayyotti Dhihaadhu
Waaqayyo Waan Gaarii Garaa Namootaa Keessa Jiru Ilaala
‘WAAQAYYO garaa nama hundumaa qoree ilaala, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas ni hubata.’ (1 Seenaa 28:9) Yaanni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, Yihowaan baayʼee waan nuu yaaduuf akka isa galateeffannu kan godhudha. Mudaa kan qabnu taanus, Yihowaan wanta gaarii garaa keenya keessa jiru ilaala. Wanti Yihowaan Abiiyaa ilaalchisee 1 Mootota 14:13rratti dubbate kanaaf ragaa taʼa.
Abiiyaan maatii hamaa taʼe keessa jiraachaa ture. Abbaansaa Yerobiʼaam mootummaa gantuu taʼeef mootii ture. * Yihowaan, “akka nama kosii haree balleessuutti” mana Yerobiʼaam guutummaatti balleessuuf murteessee ture. (1 Mootota 14:10) Haataʼu malee, Waaqayyo miseensa maatii Yerobiʼaam kan taʼe Abiiyaan, inni baayʼee dhukkubsatee ture qofti haala gaariidhaan akka awwaalamu qajeelfama kenne. * Maaliif? Waaqayyo, “Waaqa Israaʼeliif wanti gaariin isarraa argameeraʼoo mana Yerobiʼaamitti” jedheera. (1 Mootota 14:1, 12, 13, hiika bara 1899) Yaanni kun waaʼee Abiiyaa maal nutti hima?
Macaafni Qulqulluun Abiiyaan nama amanamaa Waaqayyoon waaqeffatu taʼuusaa hin ibsu. Taʼus, garaasaa keessatti wanti gaarii xinnoon argameera. Wanti gaariin ‘Waaqaayyoof’ isarraa argame kun, waaqeffannaa Yihowaa kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Barreessitoonni Yihudootaa, Abiiyaan waaqeffannaaf mana qulqullummaa Yerusaalem dhaqee ykn eegdonni abbaansaa Israaʼeloonni gara Yerusaalem akka hin dhaqne akka dhowwan dhaabee ture iddoosaaniitii akka kaʼan godhee taʼuu dandaʼa jedhanii ibsaniiru.
Gaarummaan Abiiyaan godhe maaliyyuu yoo taʼe, utuu hin hubatamin hin hafne. Tokkoffaa, gaarummaa kana kan raawwate garaasaatii kakaʼeeti. Gaarummaan kun “isarraa,” jechuunis garaasaa keessaa argame. Lammaffaammoo, wanta namoonni kaan hin argisiisne ture. Abiiyaan “mana Yerobiʼaam” keessa kan jiraatu taʼuyyuu, wanti gaariin garaasaa keessaa argameera. Hayyuun tokko, “Namoonni naannoofi maatii gadhee keessa utuma jiraatanii gaarummaa hojjetan guddaa galateeffamuu qabu” jedhaniiru. Hayyuun kan biraa tokkos, gaarummaan Abiiyaa “akkuma urjiiwwan samii gurraacharratti caalaatti ifan, akkasumas mukti gaattiraa yeroo mukeetiin baalli irraa harcaʼe naannoosaa jiranitti akkuma miidhagee mulʼatu . . . , ifatti kan mulʼatu ture” jedhaniiru.
Hunda caalaa garuu yaanni 1 Mootota 14:13rra jiru, waaʼee Yihowaafi wanta inni garaa keenya keessaa ilaalu waan nu barsiisu qaba. Wanti gaariin Abiiyaa “irraa” argamuusaa yaadadhu. Yihowaan wanti gaarii xinnoon hamma argamutti garaasaa qoraa kan ture fakkaata. Abiiyaan haala maatiisaa wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu, akkuma hayyuun tokko ibsanitti, dhagaa gati jabeessa tokkicha “tuullaa dhagaa keessa” jiru ture. Yihowaan, nama maatii hamaa taʼe kana keessaa baʼetti ooʼa guddaa itti argisiisuudhaan, gaarummaasaa kanaaf bakka guddaa kenneera; akkasumas isa kiiseera.
Cubbuu kan dhaalle taanuyyuu, Yihowaan waan gaarii xinnoo garaa keenya keessa jiru kan ilaaluufi bakka guddaa kan kennuuf taʼuusaa beekuun kan nu jajjabeessu mitii? (Faarfannaa 130:3) Kana beekuun keenya, Yihowaa isa waan gaarii xinnoo argachuuf garaa keenya gadi fageenyaan qorutti caalaatti dhihaachuuf nu kakaasuu qaba.
[Miiljaleewwan]
^ key. 5 Yerobiʼaam mootummaa kaabaa saba Israaʼel kurnanii keessatti waaqeffannaa dibichaa kan hundeesse, sabnisaa Yihowaaf waaqeffannaa dhiheessuuf mana qulqullummaa Yerusaalem akka hin dhaqne gochuuf yaadee ture.
^ key. 5 Bara duriitti namni tokko haala gaariidhaan utuu hin awwaalamin hafuunsaa, surraa Waaqayyoo akka dhabe kan argisiisu ture.—Ermiyaas 25:32, 33.