Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

6 Faayidaa Qabaa?

6 Faayidaa Qabaa?

Kadhannaa

6 Faayidaa Qabaa?

KADHANNAA gochuun faayidaa nuuf argamsiisu qabaa? Eeyyee, Macaafni Qulqulluun, kadhannaan tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan dhiheessan faayidaa akka isaaniif argamsiise dubbata. (Luqaas 22:40; Yaaqoob 5:13) Kadhannaa dhiheessuun karaa hafuuraa, karaa miiraafi qaamaa faayidaa nuuf argamsiisuu dandaʼa. Akkamitti?

Fakkeenyaaf mucaa yoo qabaatte, mucaakee kanaaf kennaan ni kennameef haa jennu. Mucaan kun miirri galateeffannaa isatti dhagaʼamuunsaa qofti gaʼaa akka taʼemoo, miira isatti dhagaʼame kana akka ibsu isa barsiista? Miira gaarii nutti dhagaʼame jechaan ibsuun keenya, miirri sun akka beekamuufi caalaatti akka jabaatu godha. Miira nutti dhagaʼame Waaqayyoof ibsuun keenya buʼaa akkasii ni argamsiisaa? Eeyyee ni argamsiisa! Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.

Kadhannaa galataa. Wanta gaarii arganneef Abbaa keenya yommuu galateeffannu, eebba arganne sanarratti xiyyeeffanna. Kanaan kan kaʼes, caalaatti kan galateeffannuufi gammachuudhaan kan guutamne taana; ilaalcha gaariis ni qabaanna.—Filiphisiiyus 4:6.

Fakkeenya: Yesus, Abbaansaa kadhannaa inni dhiheesse dhagaʼee deebii waan isaa kenneef Waaqayyoon galateeffateera.—Yohannis 11:41.

Kadhannaa dhiifama argachuuf dhihaatu. Dhiifama akka nuu godhuuf yommuu Waaqayyoon gaafannu, yaanni garaa keenyaa ni leenjiʼa, garaadhaa qalbii geddaranna; cubbuun wanta ulfaataa taʼuusaa ilaalchisee hubannaan qabnus dabalaa deema. Kana malees, balleessaa nutti dhagaʼamurraa boqonnaa arganna.

Fakkeenya: Daawit cubbuu raawwatee tureef yaada garaa geddarachuusaafi gadduusaa ibsuuf kadhannaa dhiheesseera.—Faarfannaa 51.

Kadhannaa qajeelfamaafi ogummaa argachuuf dhihaatu. Yihowaan akka nu qajeelchu ykn ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru akka nuu kennu kadhachuun, dhugumaan kan gad of deebisnu akka taanu nu gargaara. Yihowaa kadhachuun keenya, humni keenya daangeffamaa akka taʼe yaadachuufi amanannaa keenya Abbaa keenya isa samiirra kaaʼachuuf nu gargaara.—Fakkeenya 3:5, 6.

Fakkeenya: Solomoon, Israaʼeliin bulchuuf qajeelfamaafi ogummaa argachuuf gad of deebisuudhaan Waaqayyoon kadhateera.—1 Mootota 3:5-12.

Kadhannaa yeroo dhiphinaatti dhihaatu. Yeroo miirri keenya jeeqamu kadhannaa garaadhaa madde Waaqayyotti yoo dhiheessine, tasgabbiin kan nutti dhagaʼamu taʼuusaarrayyuu, ofitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamna.—Faarfannaa 62:8.

Fakkeenya: Aasaa Mootichi yommuu diinni sodaachisaan isatti dhufe kadhannaa dhiheessee ture.—2 Seenaa 14:11.

Kadhannaa nageenya warra kaaniitiif dhihaatu. Kadhannaawwan akkasii ofittummaarraa fagaachuuf, akkasumas gara laafinaafi ooʼa qabaachuuf nu gargaaru.

Fakkeenya: Yesus, duuka buutotasaatiif kadhateera.—Yohannis 17:9-17.

Kadhannaa Yihowaa jajachuuf dhihaatu. Hojiiwwansaafi amalawwansaa warra dinqisiisoo taʼaniif ennaa Yihowaa jajannu, ulfinni isaaf kenninuufi dinqisiifannaan isaaf qabnu dabalaa deema. Akkasumas kadhannaawwan akkasii Abbaa keenya isa samiitti caalaatti akka dhihaannu nu gargaaru.

Fakkeenya: Daawit, wantoota Waaqayyo uumeef garaadhaa isa jajateera.—Faarfannaa 8.

‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalu’ argachuun, eebba kadhannaa dhiheessuudhaan argamu kan biraadha. (Filiphisiiyus 4:7) Biyya lafaa jeeqamaa taʼe kana keessatti tasgabbii argachuun eebba guddaadha. Tasgabbiin kun qaama keenyaafillee faayidaa argamsiisa. (Fakkeenya 14:30) Haataʼu malee, tasgabbiin kun carraaqqii gochuudhaan qofa argamamoo wanti barbaachisaa taʼe garabiraan jira?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]

Kadhannaa dhiheessuun karaa qaamaafi miiraa, hunda caalaammoo karaa hafuuraa faayidaa nuuf argamsiisa