Ijoolleen Keessan Amala Gaarii Akka Qabaatan Irra Deddeebiʼaa Barsiisaa
Maatii Gammachuu Qabu
Ijoolleen Keessan Amala Gaarii Akka Qabaatan Irra Deddeebiʼaa Barsiisaa
Haati Meeksikoo keessa jiraattu Looyidaan, * “Mana barumsaatti koondoomiin barattootaaf waan kennamuuf, ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran koondoomiitti hamma fayyadamanitti saalqunnamtii raawwachuun dogoggora akka hin taane isaanitti dhagaʼama” jetteetti.
Haati Jaappaan keessa jiraattuufi Noobukoo jedhamtu, “Ilmikoo jaalalleesaa wajjin kophaasaanii yoo taʼan maal akka godhun isa gaafadhe. Innis, ‘Hin beeku’ jedhee naa deebise” jetteetti.
ILMI ykn intalli keessan reefuu daaddisaa yeroo turanitti wanti balaa isaanirra geessisuu dandaʼu mana keessa akka hin jiraanne gootanii turtanii? Tarii, balaarraa isaan eeguuf jecha, elektiriikiin akka isaan hin qabanneef sookkeettiiwwan uwwistanii, wantoota qara qaban dhoksitanii, akkasumas karaa darajaa mana keessanitti ol baasuufi gad buusu cuftanii taʼuu dandaʼa.
Ijoolleen keessan umrii waggoota kurnaniirra yeroo gaʼan garuu balaarraa isaan eeguun salphaa miti! Amma wanti caalaatti isin yaaddessu jira. Innis, ‘Ilmikoo fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ni ilaalaa laata?’ ‘Intallikoo suuraa qullaa argisiisu kaatee moobaayiliidhaan namaa ergitii?’ kan jedhu yeroo taʼu, gaaffiin hunda caalaa nama sodaachisummoo, ‘Ilmi ykn intallikoo umrii waggaa kurnanii keessa jiran, saalqunnamtii raawwachaa jiruu?’ kan jedhudha.
Jala Deemanii Toʼachuun Balaarraa Hin Eegu
Warri tokko tokko ijoolleesaanii umrii waggoota kurnanii keessa jiran dhiheenyatti isaan hordofuufi sochiisaanii hundumaa toʼachuudhaan, saʼaatii 24 isaan eeguuf yaalu. Booda garuu, baayʼeensaanii ijoolleesaanii umrii waggoota kurnanii keessa jiran karaa kanaan toʼachuunsaanii, ijoolleen wanta tokko dhoksaadhaan akka raawwatan kan godhu taʼuusaa hubatu. Ilmi ykn intallisaanii gocha warrisaanii isaanirratti arguu hin barbaanne dhoksuutti kan bira hin gaʼamne taʼuu dandaʼu.
Dhugaasaa dubbachuuf, garmalee toʼachuun furmaata hin taʼu. Yihowaanillee uumamawwansaa akka isaaf ajajaman gochuuf mala akkasiitti hin fayyadamne; isinis akkas gochuu hin qabdan. (Keessa Deebii 30:19) Haataʼu malee, ijoolleen keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiran amalasaanii ilaalchisee murtoo sirrii akka godhan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?—Fakkeenya 27:11.
Wanti barbaachisaa taʼe inni guddaan, daaʼimummaasaaniitii kaastanii ijoollee keessanii wajjin yeroo hundumaa mariʼachuudha. * (Fakkeenya 22:6) Achiis, umrii dargaggummaarra yeroo gaʼan isaanii wajjin haasaʼuu keessan ittuma fufaa. Warra waan taataniif, ijoolleen keessan yaada amanamaa tokko kan argatan dura isinirraa taʼuu qaba. Intalli Aliishaa jedhamtuufi Biritaaniyaa keessa jiraattu tokko, “Namoonni baayʼeen waaʼee saalqunnamtii hiriyoota keenyaa wajjin haasaʼuu akka filannu isaanitti dhagaʼama. Kun garuu dhugaa miti. Yaanni akkasii warra keenyarraa yoo dhufe ni dinqisiifanna. Wanta isaan nutti himan ni amanna” jetteetti.
Amala Gaarii Qabaachuun Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?
Ijoolleen yeroo guddachaa deeman akkamitti akka dhalatan beekuu caalaa, waaʼee saalaa beekuunsaanii barbaachisaadha. Kana malees, ‘sammuu hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu dandaʼu’ qabaachuu qabu. (Ibroota 5:14) Gabaabaadhumatti, amala gaarii, jechuunis saalaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa qabaachuufi haala ejjennoosaanii kanaa wajjin walsimuun jiraachuunsaanii barbaachisaadha. Ijoolleen keessan umrii waggoota kurnanii, amala gaarii akka qabaatan irra deddeebitanii barsiisuu kan dandeessan akkamitti?
Amala ofii keessanii qabdan qoruudhaan jalqabaa. Fakkeenyaaf, ejji jechuunis saalqunnamtiin namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu dogoggora taʼuusaa cimsitanii itti amantu taʼa. (1 Tasaloniiqee 4:3) Ijoolleen keessanis dhimma sanarratti ejjennoon keessan maal akka taʼe ni beeku; yaada ejjennoo keessan kana deggeru Macaafa Qulqulluurraa caqasuullee ni dandaʼu taʼa. Yeroo gaafatamanis, gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggora taʼuusaa dubbachuu dandaʼu.
Kun garuu gaʼaa miti. Kitaabni Seeksi Ismaarti jedhamu, dargaggoonni tokko tokko ejjennoo warrisaanii saalqunnamtii ilaalchisee qabanirratti akka walii galan dubbachuu akka dandaʼan ibsa. Kitaabni kun, “Dargaggoonni kun ilaalcha mataasaanii qabaachuuf ofitti amanannaa hin qaban. Haala hin eegamne tokko keessatti yommuu kufan, amala fudhatama qabuufi hin qabne addaan baafachuu waan hin dandeenyeef ni burjaajaʼu, akkasumas rakkina guddaa keessa galu” jedheera. Amala gaarii isaan barsiisuun barbaachisaa kan taʼe kanaafidha. Ijoolleen keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiran amala akkasii akka qabaatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?
Ejjennoon keessan ifa akka taʼu godhaa. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuun sirrii akka taʼe ni amantuu? Yoosuu, kana ijoollee keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiranitti yeroo hunda ifatti itti himaa. Kitaabni Biyyoondi za Biig Took jedhamu qorannoo godhame ilaalchisuudhaan, “Manneen warri ijoolleensaanii umrii waggoota kurnanii keessa jiran, umrii kanatti saalqunnamtii raawwachuusaanii akka hin deggerre ifatti itti himan keessatti, yeroo baayʼee ijoolleen umrii kanatti saalqunnamtii hin raawwatan” jedheera.
Akkuma olitti ibsame, ejjennoo qabdan dubbachuu qofti ilmi ykn intalli keessan ejjennoo sana hordofanii jiraachuusaaniitiif wabii akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, maatiin ejjennoo cimaa qabaachuunsaa, ijoolleen ejjennoo mataasaanii akka qabaatan buʼuura taʼuufii dandaʼa. Qorannaawwan godhaman akka argisiisanitti, ijoolleen umrii waggoota kurnaniitti ejjennoowwan kana hojiirra kan hin oolchine fakkaatanillee, dargaggoonni hedduun oolee bulee ejjennoo warrasaanii ni hordofu.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Oduu dhageessan tokkotti fayyadamtanii maree erga jalqabdanii booda, dhimma sanarratti yaada qabdan ibsaa. Fakkeenyaaf, yakki saalqunnamtii wajjin wal qabate raawwatameera yoo taʼe, “Karaan dhiironni tokko tokko dubartootatti dhimma baʼuuf yaalan baayʼee na suukanneessa. Namoonni kun yaada akkasii eessaa kan argatan sitti fakkaata?” jechuu dandeessu.
Waaʼee saalqunnamtii dhugaa jiru hundumaa isaan barsiisaa. Akeekkachiisa isaaniif kennuun barbaachisaadha. (1 Qorontos 6:18; Yaaqoob 1:14, 15) Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun adda durummaadhaan saalqunnamtiin kennaa Waaqayyoo akka taʼetti malee, kiyyoo Seexanaa akka taʼetti hin ibsu. (Fakkeenya 5:18, 19; Weedduu Weedduu Caalu 1:2) Ijoollee keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiranitti waaʼee balaasaa qofa kan himtan yoo taʼe, dhimma kana ilaalchisee yaada sirrii hin taaneefi Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessu qabaachuu dandaʼu. Shamarreen biyya Faransaayi keessa jiraattuufi Koriinaa jedhamtu, “Warrikoo saalqunnamtii seeraan ala taʼerratti garmalee xiyyeeffatu. Kunimmoo saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa akkan qabaadhu na godheera” jetteetti.
Ijoolleen keessan waaʼee saalqunnamtii dhugaa jiru hundumaa akka beekan godhaa. Haati biyya Meeksikoo jiraattuufi Naadiyaa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Yeroo hunda ijoolleekoo umrii waggoota kurnanii keessa jiranitti, saalqunnamtiin waan gammachiisaa uumamaan jiruufi kennaa Yihowaan ilmaan namootaatiif kenne akka taʼe isaanitti himuufan yaala. Taʼuyyuu iddoo mataasaa akka qabuufi kunis gaaʼela keessatti akka taʼe, akkasumas gammachuu nuu argamsiisuun ykn miidhaa nurra geessisuunsaa akkaataa itti fayyadamnurratti kan hundaaʼe akka taʼen isaanitti hima.”
AKKAS GOCHUUF YAALI: Yeroo itti aanutti ijoollee keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiranii wajjin waaʼee saalqunnamtii yeroo haasoftan, marichi haala gammachiisaa taʼeen akka raawwatamu godhaa. Saalqunnamtiin kennaa dinqisiisaa Waaqayyorraa argameefi inni ykn isheen gara fuulduraatti yeroo gaaʼela godhatan raawwachuu dandaʼan akka taʼe isaanitti himuu hin saalfatinaa. Ijoolleen keessan umrii waggoota kurnanii, hammasitti seerawwan buʼuuraa Waaqayyo baase hordofuu akka dandaʼan amanannaa qabaachuu keessan ibsaafii.
Ijoolleen keessan buʼaasaa akka gamaaggaman isaan gargaaraa. Ijoolleen umrii waggoota kurnanii bifa jireenyaa kamiiniyyuu murtoo gaarii gochuuf, filannaawwan isaaniif dhihaatan akkamitti addaan baafachuu akka dandaʼan, akkasumas faayidaafi miidhaa filannaawwan sanaa akkamitti gamaaggamuu akka dandaʼan beekuunsaanii barbaachisaadha. Wanta sirrii taʼeefi wanta dogoggora taʼe beekuunsaanii qofti gaʼaa akka taʼe isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Kiristiyaanni Awustiraaliyaa keessa jiraattuufi Eemaa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Dogoggoran ijoollummaa kootti raawwadherraa akkan hubadhetti, seerawwan buʼuuraa Waaqayyo baase beekuu jechuun, isaaniin walsimanii jiraachuu jechuu akka hin taane dubbachuu nan dandaʼa. Faayidaa seerawwan buʼuuraa sanaafi isaaniin eeguu dhiisuun maal akka geessisu hubachuun murteessaadha.”
Macaafni Qulqulluun, abboommiiwwan hedduun isa keessa jiran dogoggora hojjechuun maal akka geessisu waan ibsuuf, gargaarsa kennuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 5:8, 9, ‘ulfinakee namoota biraatiif kennuu keeti’ jechuudhaan dhiironni dargaggoota taʼan halalummaa akka baqatan gorsa. Caqasni kun akka argisiisutti, namoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan, amallisaanii ni bada, tajaajillisaanii Waaqayyo duratti fudhatama dhaba, akkasumas kabaja ofiisaaniitiif qaban dhabu. Kunimmoo, nama amala gaarii qabu hiriyaa gaaʼelaa akka hin godhanne gufuu isaanitti taʼa. Ijoolleen keessan, seerawwan Waaqayyoo tuffachuun qaamaafi miirarratti, akkasumas karaa hafuuraa balaa akkamii akka geessisu yaadachuunsaanii, seerawwan kana hordofanii jiraachuuf akka murteessan isaan kakaasuu dandaʼa. *
AKKAS GOCHUUF YAALI: Ijoolleen keessan seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo faayidaa qabaachuusaanii akka hubatan gargaaruuf fakkeenyatti fayyadamaa. Fakkeenyaaf, akkas jechuu dandeessu: “Ibiddi nyaata ittiin bilcheessan gaariidha; ibiddi bosonaa garuu gadheedha. Garaagarummaan lamaansaanii gidduu jiru maalidha? Deebiinkee daangaa Waaqayyo saala ilaalchisee kaaʼeef kan hojjetu akkamitti?” Seenaa Fakkeenya 5:3-14rra jirutti fayyadamuudhaan, ilmi ykn intalli keessan ejja raawwachuun miidhaa inni geessisu akka hubatan gargaaraa.
Dargaggeessa waggaa 18 kan taʼe Taakaaʼoon inni Jaappaan keessa jiraatu, “Waan sirrii taʼe gochuu akkan qabu beeka, garuu fedha foon kootii wajjin walʼaansoo walirraa hin cinnen godha” jedheera. Dargaggoonni akkas isaanitti dhagaʼamu, miira akkasii kan qabu isaan qofa akka hin taane beekuudhaan jajjabaachuu dandaʼu. Phaawulos ergamaan inni Kiristiyaana jabaa tureyyuu, “Ana isa waan gaarii hojjechuu barbaadutti, wanti hamaan harka kootti [ni dhufa]” jechuudhaan dhugaasaa dubbateera.—Roomaa 7:21.
Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran, walʼaansoo akkasii gochuunsaanii yeroo hunda gadhee akka hin taane beekuu qabu. Nama akkamii taʼuu akka barbaadan yaaduuf isaan kakaasa. Akkas jedhanii akka of gaafatan isaan gargaaruu dandaʼa: ‘Jireenyakoo toʼachuudhaan amala gaarii qabaachuufi Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan beekamuun barbaadamoo, nama dadhabaa duuka buutuu warra kaanii taʼee fedha ofiisaatiif moʼamu taʼuudhaan beekamuun barbaada?’ Ijoolleen keessan ejjennoo gaarii qabaachuunsaanii gaaffii kana ogummaadhaan akka deebisan isaan gargaara.
[Miiljaleewwan]
^ key. 3 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
^ key. 10 Ijoollee keessan waaʼee saalaa haasofsiisuu jalqabuu kan dandeessan akkamitti akka taʼeefi akkamitti yaada umriisaanii wajjin wal gitu kennuufii akka dandeessan ibsa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootess 2011, fuula 18-20 ilaalaa.
^ key. 22 Yaada dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Ebla 2010 mataduree, “Gaaffii Dargaggootaa . . . Saalqunnamtii Raawwachuun Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa?” jedhu ilaali. (Amaariffa)
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .
▪ Ilmikoo ykn intallikoo umrii waggoota kurnanii keessa jiran ejjennoo amalaa cimaa akka qaban wanti argisiisu maalidha?
▪ Ilmakoo ykn intalakoo wajjin waaʼee saalqunnamtii yeroo haasofnu, adda durummaadhaan kennaa Waaqayyoo akka taʼettimoo kiyyoo Seexanaa akka taʼettin isaaniif ibsa?
[Saanduqa fuula 20rra jiru]
Macaafni Qulqulluun Yoomiyyuu Qajeelfama Hundarra Caalu Kenna
‘Qajeelfamni Macaafa Qulqulluu keessatti saalaa wajjin wal qabatee kenname, yeroo hundumaa kan hojjetudha. Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiraniifi lakkoofsisaanii dabalaa jiru, umriisaanii malee saalqunnamtii raawwachuudhaan kan kaʼe, gaaʼelaan ala ulfaaʼuu, akkasumas Eedsiifi dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarban kaaniin qabamuudhaan miidhaan miiraa cimaan isaanirra gaʼaa jira. Caaffanni Qulqullaaʼoon gaaʼela dura saalqunnamtii akka hin raawwanne nu gorsuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼeefi faayidaa kan qabudha.ʼ—Paarentiingi Tiinsi Wiiz Laav eendi Loojiik.