Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seexanni Hewwaanitti Dubbachuuf Bofatti Kan Fayyadame Maaliifi?

Seexanni Hewwaanitti Dubbachuuf Bofatti Kan Fayyadame Maaliifi?

Gaaffii Dubbistootaa . . .

Seexanni Hewwaanitti Dubbachuuf Bofatti Kan Fayyadame Maaliifi?

▪ Akkuma fuula 8⁠rratti ibsame, bofichi Hewwaanitti akka dubbatu kan godhe Seexana akka taʼe utuu hin hubatin hin ooltu. Macaafni Qulqulluunis akkasuma jedhee barsiisa. Haataʼu malee, ‘Uumamni hafuuraa humna guddaa qabu kun bofatti kan fayyadame maaliifi?’ jettee gaafatta taʼa.

Macaafni Qulqulluun malawwan Seexanni itti fayyadamu, “haxxummaa” jedhee kan ibsu siʼa taʼu, kunimmoo yaada kana caalaatti ifa nuu godha. (Efesoon 6:11) Wanti Eeden keessatti raawwatame, waaʼee bineensa dubbachuu dandaʼu tokkoo qofa kan ibsu miti; kanaa mannaa fakkeenya Seexanni namoota gowwoomsee Waaqayyorraa fageessuuf haxxummaatti akka fayyadamu argisiisudha. Haataʼu malee, Seexanni kana kan godhu akkamitti?

Yeroo kanatti, Seexanni eenyuun haasofsiisuu akka qabu akka gaariitti hubateera. Hewwaan, uumamawwan yaaduu dandaʼan hundarra umriinshee xinnoo ture. Seexannis akka isheen muuxannoo hin qabne beekee, mala haxxummaa ishee gowwoomsuu dandaʼu qopheesse. Fedhiisaa isa gadheefi isa ija jabinaan guutame sana uumama haxxee, jechuunis bofa tokkotti fayyadamuudhaan eenyummaasaa dhoksee Hewwaanitti dhihaate. (Uumama 3:1) Kana malees, Seexanni bofichi dubbachaa akka jiru fakkeessuudhaan maal akka raawwate haa ilaallu.

Tokkoffaa, carraaqqii Seexanni xiyyeeffannaa Hewwaan harkisuuf godhe isaaf milkaaʼeera. Hewwaan bofti akka hin dubbanne beekti turte; abbaan manaashee Addaam boficha dabalatee bineensota hunda of eeggannoodhaan erga qoratee booda maqaa isaaniif moggaaseera. (Uumama 2:19) Hewwaanis amala bineensa haxxee taʼe kanaa utuu hin hubatin hin ooltu. Haxxummaan Seexanni qopheesse fedhii Hewwaan wanta tokko beekuuf qabdu kakaasuudhaan, ija mukaa akka hin nyaanne dhowwamte tokkorratti akka xiyyeeffattu godhe. Lammaffaa, bofti kun damee muka dhowwame sanarra loʼaa kan isheetti dubbatu yoo taʼe, Hewwaan maal jettee yaaduu dandeessi? Bineensi dubbachuu hin dandeenye kun ija mukaa kanarraa erga nyaatee booda dubbachuu jalqabe jettee yaaduu hin dandeessuu? Iji mukaa kun bofichaaf faayidaa akkasii erga argamsiisee, anaafimmoo caalaatti faayidaa argamsiisuu hin dandaʼuu? jettee yaaduu dandeessi. Hewwaan maal yaaddee akka turtes taʼe, bofichi ija mukaa sanarraa nyaachuufi dhiisuusaa wanti ibsame hin jiru; taʼus, Hewwaan ija mukaa sanarraa nyaachuunshee, ‘akka Waaqayyoo akka ishee godhu’ soba bofichi isheetti hime akka amante mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Jechoonni Seexanni itti fayyadames eenyummaasaa ilaalchisee wanta nuu ibsan hedduu qabu. Seexanni, Waaqayyo wanta gaarii taʼe tokko Hewwaan jalaa akka hambiseefi birmadummaa akka ishee dhabsiise akka itti dhagaʼamu gochuudhaan, shakkiin akka itti uumamu godheera. Bakki guddaan Hewwaan fedhiisheetiif kennitu, jaalala Waaqa isa waan hundumaa isheedhaa kennerra yoo isheetti caale, malli Seexanni haxxummaadhaan qopheesse kun milkaaʼina argata. (Uumama 3:4, 5) Kan nama gaddisiisu garuu, malli Seexanni qopheesse kun milkaaʼina argateera. Addaamiifi Hewwaan, jaalalaafi dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabaachuu qaban utuu hin guddifatin hafaniiru. Yeroo harʼaattoo, Seexanni namoonni fedhasaaniitiif dursa akka kennaniifi dogoggora raawwataniif sababii akka dhiheessan gochaa hin jiruu?

Seexanni akkas akka godhu kan isa kakaase maal taʼuu dandaʼa? Hawwiinsaahoo maal ture? Dhaaba Eeden keessatti eenyummaasaas taʼe kaayyoosaa dhoksuuf yaalee ture. Yeroo booda garuu eenyummaasaa beeksiseera. Haataʼu malee, yeroo Yesusiin qoretti eenyummaasaa dhoksuu akka hin dandeenye hubatee ture. Kanaan kana kaʼes kallattiidhaan Yesusiin, ‘Lafa dhaʼii naaf sagadi’ jedheen. (Maatewos 4:9) Seexanni yeroo dheeraadhaa jalqabee, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhihaatutti hinaafaa akka ture kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni Waaqayyoon akka hin waaqeffanne ykn karaa isa biratti fudhatama hin qabneen akka isa waaqeffatan gochuuf yaalii cimaa godha. Kanaaf Seexanni Waaqayyoof amanamoo akka hin taane nu gochuu barbaada.

Macaafni Qulqulluun Seexanni namoota irratti xiyyeeffatu balleessuuf, haxxummaa addaddaatti akka fayyadamu dubbata. Kana nama gammachiisu garuu, “akeeki Seexanaa maal akka taʼe waan beeknuuf” akka Hewwaan hin gowwoomfamnu.—2 Qorontos 2:11.