Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Eenyudha?

Waaqayyo Eenyudha?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Waaqayyo Eenyudha?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Waaqayyo eenyudha?

Waaqni dhugaan Uumaa wantoota hundumaati. Macaafni Qulqulluun, “Mootii bara baraa” jedhee kan isa waamu yommuu taʼu, kunis Waaqayyo jalqabas taʼe dhuma akka hin qabne kan argisiisudha. (1 Ximotewos 1:17) Waaqayyo madda jireenyaa waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna.—Mulʼata 4:11 dubbisi.

2. Waaqayyo maal fakkaata?

Waaqayyo hafuura waan taʼeef, jechuunis bifa jireenyaa uumamawwan ijaan argaman isaan lafarra jiraatanirra caalu waan qabuuf, eenyuyyuu isa arge hin beeku. (Yohannis 1:18; 4:24) Amalawwan Waaqayyoo wantoota inni uumeen mulʼatu. Fakkeenyaaf, akkaataa kuduraawwaniifi abaaboowwan itti hojjetaman, akkasumas waaʼee akaakuusaanii yommuu yaannu, jaalalaafi ogummaa Waaqayyoo hubanna. Balʼinni uumama cufaas waaʼee humna Waaqayyoo nutti hima.—Roomaa 1:20 dubbisi.

Waaʼee amalawwan Waaqayyoo caalaatti Macaafa Qulqulluurraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo maal akka jaallatuufi maal akka hin jaallanne, akkasumas namoota akkamitti akka qabuufi haalawwan addaddaa keessatti tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhate nutti hima.—Faarfannaa 103:7-10 dubbisi.

3. Waaqayyo maqaa qabaa?

Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jedheera. (Maatewos 6:9) Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduutiin waamamullee, maqaa tokko qofa qaba. Maqaansaa kun afaan hunda keessatti haala garaagaraatiin sagaleeffama. Afaan Oromootiin yeroo baayʼee “Yihowaa,” darbee darbeemmoo “Yaahwee” jenna.—Uumama 22:14 dubbisi.

Maqaan Waaqayyoo, Macaafota Qulqulluu baayʼee keessaa baafamee maqaawwan ulfinaa Gooftaafi Waaqayyo jedhaniin bakka buufameera. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun yeroo barreeffametti gara siʼa 7,000 maqaa Waaqayyoo of keessaa qaba ture. Yesus yommuu Dubbii Waaqayyoo namootaaf ibsutti, maqaa Waaqayyootti fayyadamuudhaan maqaan kun akka beekamu godheera. Inni namoonni Waaqayyoon akka beekan gargaareera.—Yohannis 17:26 dubbisi.

4. Yihowaan waaʼee keenya ni yaadaa?

Yihowaan dhuunfaatti kadhannaa keenya dhagaʼuudhaan akka nuuf yaadu argisiisa. (Faarfannaa 65:2) Rakkinni baayʼachuunsaa Waaqayyo akka nuuf hin yaanne kan argisiisudhaa? Namoonni tokko tokko, Waaqayyo nu qoruudhaaf akka dhiphannu godha jechuudhaan kan falman taʼus, yaanni kun sirrii miti. Macaafni Qulqulluun, “Jalʼinni Waaqayyo irraa . . . haa fagaatu!” jedha.—Iyoob 34:10; Yaaqoob 1:13 dubbisi.

Waaqayyo mirga filannaa kennuudhaan namoota akka kabaju argisiiseera. Waaqayyoon tajaajiluu filachuuf mirga qabaachuu keenya hin dinqisiifannuu? (Iyaasuu 24:15) Namoonni hedduun warra kaaniirratti wanta gadhee taʼe raawwachuu waan filataniif rakkinni baayʼateera. Yihowaan jalʼina akkanaa arguunsaa baayʼee isa gaddisiisa.—Uumama 6:5, 6 dubbisi.

Yeroo dhihootti Yihowaan Yesusitti fayyadamee rakkinaafi qaamota rakkinaaf sababa taʼan ni balleessa. Hammasitti garuu Yihowaan rakkina heyyamuuf sababii gaʼaa qaba. Matadureewwan walitti aananii baʼan kana keessaa inni itti aanu, Waaqayyo rakkina maaliif akka heyyame ibsa.—Isaayaas 11:4 dubbisi.

5. Waaqayyo maal akka goonu barbaada?

Yihowaan isa beekuufi isa jaallachuuf dandeettii akka qabaannu godhee nu uume. Dhugaa waaʼeesaa dubbatu akka barannu barbaada. (1 Ximotewos 2:4) Macaafa Qulqulluu yoo baranne, Waaqayyoon akka Michuu tokkootti beekuu dandeenya.—Fakkeenya 2:4, 5 dubbisi.

Jireenya kan nuu kenne Yihowaa waan taʼeef, eenyuyyuu caalaa isa jaallachuu qabna. Kadhannaadhaan isatti dhihaachuufi wanta akka raawwannu barbaadu gochuudhaan, Waaqayyoon akka jaallannu argisiisuu dandeenya. (Fakkeenya 15:8) Yihowaan namoota kaan jaalalaan akka qabnu nurraa eega.—Maarqos 12:29, 30 fi 1 Yohannis 5:3 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 1 ilaali.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Waaqayyo yeroodhaaf rakkina heyyamuusaatiif sababiin gaʼaa taʼe jiraachuu dandaʼaa?