Yesus ‘Cubbuu Biyya Lafaarraa Fuudheera’
Yesus ‘Cubbuu Biyya Lafaarraa Fuudheera’
Yohannis Cuuphaan, Yesus “isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” akka taʼe ibseera. (Yohannis 1:29) Yaanni kun, gaʼee guddaa Yesus ilmaan namootaa warra abboommiiwwansaa eegan fayyisuuf qabu kan argisiisudha.
Haataʼu malee, Yesus namoota cubbamoo taʼan fayyisuuf duʼuu kan qabu maaliif ture?
Lubbuusaa fedhiidhaan dabarsee kennuusaatiin maal raawwateera?
Duʼasaarraa faayidaa kan argatu eenyudha?
Duutisaa faayidaa maalii siif argamsiisa?
Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa Yesus itti duʼe waggaa waggaadhaan kabaju. Waggaa kanatti guyyaan kun Dilbata, Ebla 9 (April 17) erga biiftuun lixxee booda kabajama.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, duuti Yesus hangam barbaachisaa akka taʼe qoruuf walgaʼii godhanirratti akka argamtu kabajaan si afeeru. Gaaffiiwwan olitti kaʼaniif Macaafa Qulqulluurraa deebiin ni kennama.
Bakka sitti dhihaatutti argamtee ayyaanicha kabajuu dandeessa. Dhugaa Baatonni Yihowaa naannookee jiran saʼaatiifi iddoo ayyaanichi itti kabajamu sitti himuu dandaʼu.