Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa
Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa
BIYYA Afriikaatti argamtu tokkotti, mooraa xinnoo tokko keessa saanduqni reeffaa banaa taʼe aaduu saafaa keessa kaaʼameera. Namoonni gaddasaanii ibsuuf hiriiraan saanduqa sana bira utuu darbaa jiranii maanguddoon tokko gidduutti dhaabatan. Gadda guddaadhaan, reeffa sanaatti gadi jedhanii, “Akka deemtu maaliif natti hin himne? Utuun haala akkasiirra jiru maaliif na gatte? Amma iddookeetti deebitetta; na gargaaruukee itti fuftaaree?” jedhaniin.
Biyya Afriikaa kan biraattimmoo yommuu mucaan tokko dhalatu, namni tokkoyyuu akka isa ilaalu hin heyyamamuuf. Mucichi namootatti kan mulʼifamu yeroo muraasa booda siʼa taʼu, yeroo sanatti qophiin adda taʼe godhamee maqaan ni moggaafamaaf.
Namoonni tokko tokko, nama duʼetti dubbachuufi mucaa dhalate dhoksuun akka jiru yeroo dhagaʼan isaan dinqisiisa. Haataʼu malee, aadaafi haawaasa tokko tokko keessatti, ilaalchi namoonni duʼaafi dhalachuudhaaf qaban, akkasumas gochisaanii, amantii lubbuun hin duutu jedhuufi namoonni duʼan waan hundumaa beeku jedhuu wajjin kan wal qabatedha.
Amantiin kun baayʼee cimaa waan taʼeef, aadaafi barsiifata hundumaa keessatti babalʼateera jechuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman wantoonni jireenya nama tokkoo keessatti raawwataman gurguddaan, jechuunis dhalachuun, umrii dargaggummaarra gaʼuun, gaaʼelli, daʼumsiifi duuti, sadarkaawwan addunyaa hafuuraa abbootiin durii keessa jiraatanitti nama geessanidha jedhanii amanu. Namni duʼe kun sana booda namoota lubbuudhaan jiranirratti dhibbaa guddaa geessisuufi lammata dhalachuudhaan jiraachuusaa itti fufuu dandaʼa jedhamee amanama.
Rakkina tokko malee sadarkaawwan kanatti ceʼuuf jecha, barsiifataafi sirna hedduutu raawwatama. Barsiifatawwan kun, amantii wanti hin duune tokko nama keessa jirti jedhurraa kan maddanidha. Kiristiyaanonni dhugaan garuu, barsiifatawwan amantii akkasii wajjin wal qabatan kamirraayyuu ni fagaatu. Maaliif?
Namoonni Duʼan Haala Akkamii Keessatti Argamu?
Macaafni Qulqulluun, haala namoonni duʼan keessatti argaman ifatti dubbata. “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan, . . . Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera; . . . Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jedha. (Lallaba 9:5, 6, 10) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, dhugaa Macaafa Qulqulluu kana kan hubatan yeroo dheeraa duradha. Lubbuun duʼuufi baduu akka dandeessu hubataniiru. (Hisqiʼel 18:4) Hafuuronni warra duʼanii akka hin jirres hubataniiru. (Faarfannaa 146:4) Bara duriitti Yihowaan, duudhaawwaniifi barsiifatawwan namoonni duʼan ni dhagaʼu, akkasumas namoota lubbuudhaan jiranirratti dhiibbaa ni geessisu jedhuu wajjin wal qabatanirraa akka fagaatan sabasaa akeekkachiisee ture.—Keessa Deebii 14:1; 18:9-13; Isaayaas 8:19, 20.
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas, barsiifataafi aadaa barumsawwan amantii sobaa wajjin wal qabate kamirraayyuu ni fagaatu turan. (2 Qorontos 6:15-17) Yeroo harʼaattis Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyii, gosa ykn akkaataa guddinaa akkamiiyyuu yoo qabaatan, barsiifataafi aadaawwan barumsa sobaa wanti hin duune tokko nama keessa jirti jedhuu wajjin wal qabatan kamirraayyuu ni fagaatu.
Kiristiyaanota waan taaneef, qajeelfamni barsiifata tokko hordofuu ykn dhiisuuf nu gargaaru maalidha? Barsiifanni kun, amantii namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiranirratti dhibbaa geessisu jedhuu wajjin walitti dhufeenya akka qabuufi akka hin qabne of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabna. Kana malees, barsiifata ykn sirna akkasiirratti hirmaachuun keenya, namoota wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa amananiifi barsiisan beekan akka hin gufachiisne of eeggachuu qabna. Kana sammuutti qabachuudhaan, barsiifatawwan dhalachuufi duʼuu wajjin walitti dhufeenya qaban haa qorru.
Sirna Yeroo Daʼumsaafi Maqaa Moggaasuurratti Raawwatamu
Barsiifatawwan daʼumsaa wajjin wal qabatan hedduun dogoggora hin qaban. Haataʼu malee, namoonni naannoowwan tokko tokkotti argaman, dhalachuun addunyaa hafuuraa abbootii duriirraa gara hawaasa lafarra jirutti nama ceesisa jedhanii amanu. Kiristiyaanonni naannoowwan akkasiitti argaman of eeggannoo gochuu qabu. Fakkeenyaaf, biyyoota Afriikaa tokko tokkotti mucaan reefuu dhalate namootatti hin mulʼifamu; akkasumas yeroo muraasaaf maqaan hin moggaafamuuf. Yeroon mucaa dhalateef utuu maqaa hin baasin turu iddoodhaa gara iddootti garaagara taʼus, sirni maqaa moggaasuu erga raawwatamee booda garuu mucichi gadi baafamee firootaafi michootatti mulʼifama. Yeroo kanatti maqaan mucichaaf moggaafame isaanitti himama.
Kitaabni, Gaanaa—Andaristaandiingi za Piippil eendi Zeer Kaalchar jedhamu, sababii sirni kun itti raawwatamu ilaalchisee akkas jedha: “Mucaan tokko dhalatee hanga guyyaa torbaatti, ‘keessummaa’ akka taʼeefi addunyaa hafuuraarraa gara lafaatti ceʼaa akka jiru godhamee yaadama. . . . Mucichi manaa kan hin baafamne taʼuusaarrayyuu, namoonni maatiisaa hin taane akka isa ilaalan hin heyyamamuuf.”
Mucichi maqaan utuu hin moggaafaminiif hammana kan turu maaliifi? Kitaabni Gaanaa iin Reetroospeekti jedhamu, “Mucichi dhalatee guyyaa saddeet dura akka nama taʼetti hin ilaalamu. Hamma tokko addunyaa hafuuraa keessaa dhufee wajjin walitti dhufeenya qaba” jechuudhaan ibsa. Kitaabichi itti fufuudhaan akkas jedha: “Mucichi nama akka taʼu kan godhu maqaasaa waan taʼeef, warrisaa akka inni hin duune sodaachuudhaan lubbuudhaan jiraachuusaa hamma mirkaneessanitti maqaa hin moggaasaniif. . . . Kanaaf, yeroon ceʼumsaa mucaa manaa gad baasuu jedhamu kun, mucichaafis taʼe warrasaatiif baayʼee rakkisaa akka taʼe yaadama. Mucicha gara addunyaa ilmaan namootaatti kan fidu, sirna maqaa moggaasuu kanadha.”
Yeroo baayʼee sirna maqaa moggaasuu kana kan geggeessu fira maatichaa isa umriidhaan hundarra caaludha. Sirni kun iddoodhaa gara iddootti addadda taʼus, yeroo baayʼee mucichi nagaadhaan waan dhufeef dhibaayyuu dhibaafachuufi hafuura abbootii durii galateeffachuuf jecha kadhannaa dhiheessuu, akkasumas gochawwan kanaa wajjin wal fakkaatan kan biraa raawwachuu kan dabalatudha.
Sirna kanarratti wanti bakki guddaan kennamuuf maqaa mucichaa beeksisuudha. Maqaa moggaasuuf itti gaafatamummaa kan qaban warra mucichaa yoo taʼaniyyuu, yeroo baayʼee firoonnisaaniis maqaa moggaasuurratti gaʼee guddaa qabu. Maqaawwan tokko tokko afaan biyyichaatiin, hiika “deemee deebiʼe,” “Aayyoon deebitee dhufte” ykn “Abbayyeen deebiʼee dhufe” jedhu kan
qaban taʼuu dandaʼu. Maqaawwan kaanimmoo, abbootiin durii mucaa dhalate gara addunyaa hafuuraatti akka hin deebisne abdii kutachiisuuf kan moggaafamanidha.Mucaan yeroo dhalatu gammaduun dogoggora akka hin qabne beekamaadha. Maqaa mucichaa maqaa nama biraatiin moggaasuunis taʼe, haalawwan yeroo inni dhalate raawwatamanirratti hundaaʼanii moggaasuun dogoggora hin qabu; kana malees, warri yeroo barbaadanitti mucaasaaniitiif maqaa baasuu dandaʼu. Kiristiyaanonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan garuu, duudhaawwaniifi sirnoota mucichi “keessummaa” taʼee addunyaa hafuuraa abbootiin durii jiranirraa gara namoota lafarra jiranitti dhufe jedhan deggeruu hin qaban.
Kana malees, namoonni hedduun sirna maqaa moggaasuu, yeroo ceʼumsaa barbaachisaa akka taʼe godhanii ilaalu; Kiristiyaanonni garuu, yaada garaa warra kaaniitiif of eeggachuufi wanta namoota Dhugaa Baatota hin taanetti dhagaʼamuu dandaʼu tilmaama keessa galchuu qabu. Fakkeenyaaf, maatiin Kiristiyaanaa tokko hanga mucaasaaniitiif maqaan moggaafamutti yoo namatti isa mulʼisuu baatan, warri kaan maal jedhanii yaaduu dandaʼu? Maqaan mucichaaf moggaasan, dhugaa Macaafa Qulqulluu akka barsiisan dubbatanii wajjin kan wal faallessu yoo taʼehoo namoonni kun maaltu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa?
Kanaaf, Kiristiyaanonni akkamittiifi yoom ijoolleesaaniitiif maqaa akka moggaasan yeroo murteessan, namoota akka hin gufachiisnetti ‘waanuma hojjetan hundumaa ulfina Waaqayyootiif hojjechuuf’ carraaqqii godhu. (1 Qorontos 10:31-33) Duudhaawwan namoota duʼaniif ulfina kennuuf godhaman raawwachuuf jecha, ‘seera abbootiisaanii jabeessuudhaan abboommii Waaqayyoo hin diigan.’ Kanaa mannaa, Yihowaa isa Waaqa jiraataa taʼeef ulfina kennu.—Maarqos 7:9, 13.
Duʼarraa Jireenyatti Darbuu
Namoonni hedduun, akkuma dhalootaa duutis yeroo ceʼumsaa akka taʼe amanu. Namni duʼe tokko addunyaa ijaan argamurraa gara addunyaa hafuuraa ekeraa warra duʼaniitti jijjiirama jedhanii yaadu. Namoonni hedduun, namni tokko yeroo duʼu duudhaawwaniifi sirnawwan awwaalaa yoo raawwatamuu baatan, ekeraan abbootii durii ni dheekkama jedhanii amanu. Amantiin akkasii akkaataa sirni awwaalaa itti raawwatamurratti dhiibbaa guddaa geessisa.
Sirni awwaalaa namoota duʼan gammachiisuuf raawwatamu, reeffa duratti garmalee booʼuufi iyyuu, akkasumas awwaalcha booda cidha gammachuu qopheessuu dabalatee karaa addaddaatiin ibsama. Yeroo baayʼee sirni awwaalaa akkasii garmalee nyaachuu, garmalee dhuguufi sirboota gurra namaa duuchaniin shubbisuudhaan beekama. Sirni awwaalaa kun baayʼee barbaachisaadha jedhamee waan yaadamuuf, maatiiwwan harka qalleeyyii taʼanillee qarshii gaʼaa “sirna awwaalaa sirrii taʼe” kana raawwachuuf isaan gargaaru argachuuf carraaqqii godhu. Kunimmoo rakkinarra akka buʼaniifi liqii keessa akka galan gochuu dandaʼa.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, yeroo dheeraadhaaf sirnawwan awwaalaa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal hin simne saaxilaa turaniiru. * Sirni akkasii reeffa eeguu, dhibaayyuu dhibaafachuu, nama duʼetti dubbachuu ykn waaʼeesaanii gaafachuu, akkasumas taskaara baasuufi barsiifatawwan amantii lubbuun hin duutu jedhurratti hundaaʼan kaan kan dabalatudha. Barsiifanni Waaqayyoof ulfina hin fidne akkasii, ‘xuraaʼaafi’ “gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabne” irratti kan hundaaʼedha; akkasumas ‘barsiisa namaarratt i’ malee, dhugaa Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe miti.—Isaayaas 52:11; Qolosaayis 2:8.
Dhiibbaa Sirra Gaʼu
Keessumaa, obboloonni naannoowwan namoota duʼaniif ulfina kennuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe yaadamu keessa jiraatan tokko tokko, duudhaawwan akkasiirraa fagaachuun rakkisaa isaanitti taʼeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa duudhaawwan akkasii waan hin hordofneef, ija shakkiitiin ilaalamu ykn farra hawaasaa akka taʼaniifi namoota duʼaniif ulfina akka hin kenninetti ilaalamu. Obboloonni tokko tokko dhugaa Macaafa Qulqulluu kan beekan taʼuyyuu, balaaleffannaafi dhiibbaan isaanirra gaʼu, hawaasa naannoosaaniitti argamurraa adda taʼanii jiraachuu akka sodaatan godheera. (1 Phexros 3:14) Warri kaanimmoo, duudhaan akkasii aadaasaanii akka taʼeefi guutummaatti irraa fagaachuun akka hin dandaʼamne itti dhagaʼama. Duudhaa sana hordofuu diduun, sabni Waaqayyoo haawaasa biratti akka jibbamu godha jedhanii kan yaadanis jiru.
Taʼe jennee namoota aarsuu hin barbaannu. Taʼus, Macaafni Qulqulluun dhugaa cinaa dhaabachuun keenya, biyya lafaa Waaqayyoorraa fagaate kana biratti akka jibbamnu kan godhu taʼuusaa ibsa. (Yohannis 15:18, 19; 2 Ximotewos 3:12; 1 Yohannis 5:19) Namoota karaa hafuuraa dukkana keessa jiranirraa adda taʼuu akka qabnu waan beeknuuf, ejjennoo keenya eegnee jiraachuu barbaanna. (Miilkiyaas 3:18; Galaatiyaa 6:12) Yesus, qorumsa Seexanni gocha Waaqayyoon gaddisiisu akka raawwatu itti fide akkuma morme, nuyis dhiibbaa akkasii ni mormina. (Maatewos 4:3-7) Kiristiyaanonni dhugaan sodaa namootaatiin moʼamuu mannaa, wanti hunda caalaa isaan yaaddessuu qabu Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe gammachiisuufi kabajuudha. Dhiibbaa warra kaanii sodaatanii, ulaagaa Macaafni Qulqulluun waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee kennu cabsuurraa of qusachuudhaan kana godhu.—Fakkeenya 29:25; Hojii Ergamootaa 5:29.
Karaa Yihowaadhaaf Ulfina Fiduun Namoota Duʼan Kabajuu
Namni jaallannu yeroo duʼu baayʼee gadduun waanuma jirudha. (Yohannis 11:33, 35) Waaʼee michuu keenya duʼe tokkoo irraanfachuu dhiisuufi sirna awwaalaa ulfina qabu akka argatu gochuun keenya, karaa sirrii jaalala keenya itti ibsinudha. Haataʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa gadda guddaa isaanitti dhagaʼame yommuu ibsan, aadaawwan Waaqayyoon hin gammachiisne akka hin hordofne of eeggachuu qabu. Namoota aadaa warri duʼan garmalee itti sodaataman keessatti guddataniif garuu kana gochuun salphaa miti. Keessumaa namni baayʼee jaallannu yeroo duʼu ilaalcha sirrii qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan inni ‘Waaqa jajjabina hundumaa’ taʼe Kiristiyaanota amanamoo ni jajjabeessa; namoonni hidhata amantiisaanii taʼanis jaalalaan kakaʼanii gargaarsa isaaniif godhu. (2 Qorontos 1:3, 4) Kiristiyaanonni dhugaan, namoonni duʼan gaaf tokko duʼaa akka kaʼan amantii cimaa waan qabaniif, sirnawwan awwaalaa abdiin duʼaa kaʼuu kan hin jirree fakkeessanirraa guutummaatti ni fagaatu.
Yihowaan, “dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti” nu waamuunsaa baayʼee nu hin gammachiisuu? (1 Phexros 2:9) Mucaan dhalachuusaatti yeroo gammannus taʼe namni jaallannu duʼuusaatti yommuu gaddinu, fedhii cimaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qabnuufi jaalalli guddaan Yihowaadhaaf qabnu, yeroo hundumaa ‘akka ijoollee ifaatti akka jiraannu’ kan nu kakaasu haataʼu! Duudhaawwan Waaqayyoon hin gammachiisnerraa fagaachuudhaan, karaa hafuuraa akka hin faalamne of haa eeggannu!—Efesoon 5:8.
[Miiljalee]
^ key. 23 Birooshuroota Ekeraan Namoota Duʼanii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Dandaʼuu? Dhugumaanoo Jiruu? akkasumas Za Rood tuu Eevarlaastiingi Laayif—Haav Yuu Faawundi Iit? jedhamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan ilaali. (Ingiliffa)