Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ilaalcha Kiristiyaanni Tokko Barsiifata Sirna Awwaalaatiif Qabaachuu Qabu

Ilaalcha Kiristiyaanni Tokko Barsiifata Sirna Awwaalaatiif Qabaachuu Qabu

Ilaalcha Kiristiyaanni Tokko Barsiifata Sirna Awwaalaatiif Qabaachuu Qabu

NAMNI jaallannu tokko, akka tasaa yoo duʼe gaddisaa baayʼee nutti ulfaata. Haalli akkasii nama naasisuufi garmalee miira namaa miidhuu dandaʼa. Namni jaallatan tokko dhukkuba cimaadhaan qabamee yeroo dheeraadhaaf gidiraa argee kan duʼe yoo taʼe garuu, akkas namatti hin dhagaʼamu taʼa. Haataʼu malee, duuti nama kanaas gadda cimaa dafee nama keessaa hin baanne geessisuu dandaʼa.

Namni tokko haala akkamiitiiniyyuu yoo duʼe, namni michuunsaa jalaa duʼe sun gargaarsaafi jajjabina argachuun isa barbaachisa. Kana malees Kiristiyaanni gaddi irra gaʼe, barsiifata sirna awwaalaa wajjin wal qabateefi deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne akka hordofu ariʼatama isarra gaʼu moʼuun isa barbaachisa. Barsiifanni akkasii biyyoota Afriikaa hedduufi biyyoota kaan tokko tokko keessatti kan baramedha.

Kiristiyaanni gaddi irra gaʼe tokko, barsiifata sirna awwaalaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabnerratti akka hin hirmaanne maaltu isa gargaaruu dandaʼa? Yeroo akkasiitti namoonni hidhata amantiisaa taʼanoo isa gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? ‘Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaafi abbaa keenya duratti qullaaʼeefi xurii hin qabne, ijoollota abbaafi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa duʼe rakkinasaanii ilaalanii gargaaruufi xuraaʼummaa biyya lafaarraas of eeggachuu’ waan taʼeef, namoonni Yihowaa gammachiisuu barbaadan deebii gaaffii kanaa argachuuf hawwuunsaanii sirriidha.—Yaaqoob 1:27.

Amantii Wajjin Kan Wal Qabate

Sirni awwaalchaa hedduun, amantii namni duʼe karaa taʼe tokkoon abbootiisaa warra isa dura duʼan waliin jiraata jedhuu wajjin kan wal qabatedha. Namoonni gaddi irra gaʼe hedduun, warra duʼan gammachiisuuf wantoota tokko tokko gochuu akka qaban itti dhagaʼama. Yookiin ollootasaanii warra sirni kun yoo raawwatame malee hawaasichi rakkinarra buʼa jedhanii amanan akka hin gaddisiisne sodaatu.

Kiristiyaanni dhugaan tokko garuu, nama sodaatee gochawwan Waaqayyoon gaddisiisan akkasii raawwachuu hin qabu. (Fakkeenya 29:25; Maatewos 10:28) Macaafni Qulqulluun, “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan . . . Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jechuudhaan namoonni duʼan homaa akka hin beekne ibsa. (Lallaba 9:5, 10) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan sabnisaa durii namoota duʼan gammachiisuuf ykn isaanii wajjin mariʼachuuf yaalii akka hin goone isaan akeekkachiiseera. (Keessa Deebii 14:1; 18:10-12; Isaayaas 8:19, 20) Dhugaan Macaafa Qulqulluu kun, sirna awwaalaa beekamaa taʼe hedduu wajjin wal faallessa.

“Saalqunnamtii Raawwachuudhaan Qulqullaaʼuun” Sirriidhaa?

Biyyoota giddu galeessa Afriikaa tokko tokkotti, namni hiriyaan gaaʼelaasaa duʼe tokko fira nama duʼe sanaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatu irraa eegama. Kun taʼuu baannaan, namni duʼe sun miseensota maatiisaa warra lubbuudhaan jiranirratti miidhaa geessisa jedhamee amanama. Barsiifanni akkasii, “saalqunnamtii raawwachuudhaan qulqullaaʼuu” jedhama. Macaafni Qulqulluun garuu, saalqunnamtiin gaaʼelaan alatti raawwatamu kamiyyuu “halalummaa” akka taʼe ibsa. Kiristiyaanonnimmoo “halalummaa baqadhaa” waan jedhamaniif, gocha deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne kana ija jabinaan mormuu qabu.—1 Qorontos 6:18.

Mee haala dubartii abbaan manaa irraa duʼeefi Meersii * jedhamtu tokkoo ilaali. Abbaan manaashee bara 1989⁠tti yeroo duʼe, firoottan abbaa manaashee dhiira firasaanii taʼe tokkoo wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan akka qulqullooftu gochuu barbaadan. Isheen garuu gochi kun seera Waaqayyoo wajjin akka wal faallessu ibsuudhaan, wanta kana akka hin raawwanne itti himte. Firoottanshees gocha kanatti waan aaraniif erga ishee arrabsanii booda ishee dhiisanii deeman. Jiʼa tokko booda, manashee saamanii qorqorroo manashee erga irraa buqqisanii booda, “Mee amantiinkee si haa gargaaru” jedhaniin.

Miseensonni amantiishee kan ishee jajjabeessan taʼuusaarrayyuu, mana haaraa ijaaraniif. Ollaawwanshees kanatti baayʼee waan dinqisiifamaniif hojicharratti hirmaachuu dhufan. Isaan keessaa tokko dubartii amantii Kaatolikii hordoftuufi haadha manaa jaarsa biyyaa naannoo sanaa yommuu taatu, isheenis namoota baaxii manichaatiif citaa fidan keessaa kan jalqabaa turte. Meersiin amanamtuu taʼuunshee ijoolleeshees jajjabeesseera. Sana booda, ijoolleenshee arfan Yihowaadhaaf kan of murteessan siʼa taʼu, inni tokkommoo Mana Barumsaa Tajaajiltootaa galee leenjii fudhateera.

Kiristiyaanonni tokko tokko barsiifata saalqunnamtii raawwachuudhaan qulqullaaʼuuf godhamu kanarratti akka hirmaatan dhiibbaa isaanirra gaʼeef moʼamuudhaan, nama hin amannee wajjin gaaʼela dhaabbataniiru. Fakkeenyaaf, obboleessi hiriyaan gaaʼelaasaanii jalaa duʼaniifi umrii 70 keessatti argaman tokko, ariifatanii shamarree fira haadha manaasaanii taate tokko fuudhaniiru. Kana kan godhanis saalqunnamtii raawwachuudhaan akka qulqullaaʼan warra kaan beeksisuu waan barbaadaniif akka taʼe dubbataniiru. Haataʼu malee, gochi kun gorsa Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni, ‘nama amane’ qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan kennee wajjin kan wal faallessudha.—1 Qorontos 7:39.

Sirna Reeffa Eegaa Buluu

Biyyoota hedduu keessatti, namoonni mana nama duʼe sanaatti wal gaʼanii halkan guutuu reeffa eegaa bulu. Yeroo baayʼee sirni kun, cidha qopheessuufi sagaleesaa guddisanii muuziqaa dhaggeeffachuu dabalata. Gochi kun, nama duʼe sana akka gammachiisuufi maatiisaammoo hafuura hamaarraa akka eegu amanama. Nama duʼe sana biratti fudhatama argachuuf, jechoonni nama sana faarsan dubbatamuu dandaʼu. Namni tokko erga dubbatee booda, hanga namni garabiraan dubbatutti, namoonni achitti walgaʼan faarfannaa amantii faarfatu. Hanga lafti bariʼuttis kana gochuusaanii itti fufu. *

Macaafni Qulqulluun namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiran gargaaruu ykn miidhuu akka hin dandeenye waan ibsuuf, Kiristiyaanni dhugaan tokko sirna akkasiirratti hin hirmaatu. (Uumama 3:19; Faarfannaa 146:3, 4; Yohannis 11:11-14) Caaffanni Qulqullaaʼoon gocha hafuura xuraaʼoo ni balaaleffatu. (Mulʼata 9:21; 22:15) Haataʼu malee, obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe, gocha hafuurota xuraaʼoo akka raawwattu dhiibbaa irra gaʼu ofirraa ittisuun isheetti ulfaachuu dandaʼa. Tarii manashee keessatti halkan guutuu reeffa eegaa bulla jedhanii ishee rakkisuu dandaʼu. Maarree, Kiristiyaanonni, obboloota gaddaniifi rakkinni dabalataa akkasii irra gaʼe gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?

Yeroo baayʼee jaarsoliin gumii, firoottaniifi ollaawwan Kiristiyaanota kanaa wajjin mariʼachuudhaan obboloota gaddi irra gaʼe gargaaruu dandaʼaniiru. Maree akkasii booda, namoonni kun jeequmsa utuu hin uumin manicha gadhiisanii adeemuufi guyyaa garabiraatti awwaalcharratti argamuuf walii galuu dandaʼu. Haataʼu malee, namoonni tokko tokko jeequmsa uumuu yoo barbaadanoo? Namoota kanaa wajjin maree dabalataa gochuuf yaaluun jeequmsi akka uumamu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, ‘Hojjetaan gooftichaa, waan hamaa obsaan namaaf dandaʼuun isaaf in taʼa malee, nama qoccoluun isaaf hin taʼu.’ (2 Ximotewos 2:24) Kanaaf, obboleettiin tokko firoottanshee aariidhaan kakaʼanii kana yoo godhan, isheeniifi ijoolleenshee gocha kana dhowwuun isaan rakkisuu dandaʼa. Yeroo kanatti garuu ajaja Macaafa Qulqulluu isa, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jedhuuf waan abboomamaniif, gocha amantii sobaa manasaaniitti raawwatamu kamirrattiyyuu hin hirmaatan.—2 Qorontos 6:14.

Seerri buʼuuraa kun sirna awwaalaatiifis ni hojjeta. Dhugaa Baatonni Yihowaa, faarfannaafi kadhannaa ykn sirna awwaalaa lubni amantii sobaa geggeessurratti hin hirmaatan. Kiristiyaanonni sirna awwaalaa akkasiirratti argamuunsaanii barbaachisaa akka taʼe yoo itti dhagaʼame garuu, gocha akkasiirratti hirmaachuu hin qaban.—2 Qorontos 6:17; Mulʼata 18:4.

Sirna Awwaalaa Ulfina Qabeessa Taʼe

Sirni awwaalaa Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwatan, gocha namoota duʼan gammachiisuuf yaadamee raawwatamu kan dabalatu miti. Haasaan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe Galma Mootummaatti, mana nama duʼeetti ykn bakka awwaalchaatti kennamuu dandaʼa. Kaayyoon haasaa kanaa, waaʼee duʼaafi waaʼee abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ibsuudhaan, namoota gaddan jajjabeessuudha. (Yohannis 11:25; Roomaa 5:12; 2 Phexros 3:13) Faarfannaan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe tokko erga faarfatamee booda, sirni awwaalaa sun kadhannaa nama jajjabeessuun xumurama.

Quxisuun Pireezidaantii Afriikaa Kibbaa, Neelsan Maandeellaa isheen Dhugaa Baatuu Yihowaa taate yommuu duute, sirni awwaalaa akkasii godhamee ture. Sirni kun erga xumuramee booda, pireezidaantichi obboleessa haasaa dhiheesse garaadhaa galateeffataniiru. Namoonni beekamooniifi abbootiin taayitaa hedduun sirna kanarratti argamanii turan. Ministeerri kaabinee tokko, “Hamma yoonaatti sirna awwaalaa ulfina qabeessa taʼe akkasiirratti argamee hin beeku” jedhaniiru.

Uffata Gaddaa Uffachuun Sirriidhaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa namni jaallatan yommuu duʼu ni gaddu. Akkuma Yesus, isaanis imimmaansaanii dhangalaasanii booʼu. (Yohannis 11:35, 36) Taʼus, wanta bakkeedhaan mulʼatu gochuudhaan gaddasaanii warra kaaniif ibsuun barbaachisaa akka taʼe hin amanan. (Maatewos 6:16-18 waliin ilaali.) Biyyoota hedduutti, dubartoonni hiriyaan gaaʼelaa irraa duʼe, warra duʼan gammachiisuuf jecha uffata gaddaa akka uffatan irraa eegama. Uffanni akkasiimmoo jiʼoota hedduudhaaf ykn waggaa tokkoof uffatamuu kan qabu siʼa taʼu, uffanni kun kan baafamus yeroo cidhi garabiraan qopheeffamu qofadha.

Uffata akkasii uffachuu dhiisuun nama duʼe sana aarsa jedhamee yaadama. Kanaan kan kaʼes, biyya Suwaazilaanditti jaarsoliin gandaa Dhugaa Baatota Yihowaa manaafi qeʼeesaaniirraa ariʼaniiru. Haataʼu malee, obboloonnisaanii warri kaan Kiristiyaanota amanamoo taʼan kana gargaaraniiru.

Manni Murtii Olaanaa Suwaazilaandi, Dhugaa Baatonni Yihowaa kun gara manasaaniifi qeʼeesaaniitti akka deebiʼan isaaniif murteesseera. Dubartiin tokko garuu, abbaan manaashee duʼuusaa dura haati manaasaa uffata gaddaa akka hin uffanne yaada inni xalayaafi kaasseettiidhaan kenne akka ragaatti waan dhiheessiteef, qeʼeesheerraa utuu hin ariʼamin hafteetti. Kana gochuudhaan, abbaa manaasheetiif ulfina akka kennitu argisiisteetti.

Kanaaf, keessumaa namni bakka sirni awwaalaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne raawwatamu jiraatu tokko, duʼuusaa dura sirna awwaalaasaa ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe kennuunsaa faayidaa guddaa qaba. Mee ammammoo haala nama Viktoor jedhamuufi biyya Kaameruun jiraatuu ilaali. Viktoor sirna awwaalaasaarratti maaltu godhamuu akka qabu barreessee kaaʼe. Maatiisaa keessa, namoonni gurguddaan aadaa lafee mataa namaa waaqeffataniifi namoota duʼaniif ulfina addaa kennan hedduun jiru turan. Viktoor maatiisaa keessatti kabajamaa waan taʼeef, lafeen mataasaa waaqeffannaadhaaf ooluu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf, sirna awwaalasaa geggeessuu kan qaban Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan dubbate. Kana gochuunsaa haati manaafi ijoolleensaa akka hin rakkanne kan godhe siʼa taʼu, hawaasichaafis akka gaariitti dhugaa baʼuuf karaa baneera.

Aadaawwan Deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo Hin Qabnerraa Fagaadhaa

Namoonni wanta Macaafni Qulqulluun jedhu beekan tokko tokkollee, warra kaanirraa adda taʼuun isaan sodaachisuu dandaʼa. Ariʼatamni akka isaanirra hin geenyeef, sirna halkan guutuu reeffa eegaa buluu kan hordofan fakkaachuudhaan ollaawwansaanii gammachiisuuf carraaqqii godhaniiru. Namoota gaddan bira dhaqanii jajjabeessuun barbaachisaa taʼus, galgala namni duʼe awwaalamuusaa dura jiru hundatti sirnawwan awwaalaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti hirmaachuun barbaachisaa miti. Kana gochuun, namoota duʼan ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti kan hin amanne nu fakkeessuu waan dandaʼuuf, namoota kaan gufachiisuu dandaʼa.—1 Qorontos 10:32.

Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni waaqeffannaasaaniitiif dursa akka kennaniifi yeroosaanii sirriitti akka itti fayyadaman jajjabeessa. (Maatewos 6:33; Efesoon 5:15, 16) Obboloonni naannoowwan tokko tokkotti argaman garuu sababii sirna awwaalaatiin torban tokkoof ykn isaa oliif walgaʼiirratti hin argaman; tajaajilas hin baʼan. Taʼus rakkinni kun Afriikaa keessatti qofa kan mulʼatu miti. Gabaasni Ameerikaa Kibbaarraa ergame waaʼee sirna awwaalaa tokkoo akkas jechuudhaan ibseera: “Tibba sana lakkoofsi namoota walgaʼii sadiirratti argamanii garmalee xiqqaatee ture. Gara guyyaa kudhaniitiif namni tajaajila baʼe hin jiru ture. Namoonni Dhugaa Baatota hin taaneefi Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turanillee, obboloonni tokko tokko kana gochuusaaniitiin baayʼee mufatanii turan.”

Naannoowwan tokko tokkottimmoo, maatiin firri jalaa duʼe awwaalcha booda hiriyoonnisaanii muraasni isaanii wajjin akka yeroo dabarsan nyaata qopheessanii manatti afeeruu dandaʼu. Haataʼu malee, biyyoota Afriikaa hedduutti namoonni dhibbaan lakkaaʼamaniifi awwaalcharratti argaman horii qalame nyaachuuf gara mana nama duʼe sanaatti deebiʼu. Namoonni gumii Kiristiyaanaa wajjin walitti dhufeenya qaban tokko tokko akkas kan godhan siʼa taʼu, warri kaan cidha akkasii qopheessuun nama duʼe sana gammachiisa jedhanii akka yaadan godheera.

Sirni awwaalaa Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan garuu, namoota gaddan baasii guddaadhaaf kan saaxilu miti. Kanaaf, baasii qophii balʼaa sirna awwaalaatiif godhamurratti baʼu bakka buusuuf, namoonni achitti argaman buusii akka godhan gaafachuun barbaachisaa miti. Obboleettonni harka qalleeyyii taʼaniifi hiriyoonni gaaʼelaasaanii irraa duʼan yoo jiraatan garuu, obboloonni gumiisaanii isaan gargaaruun akka isaan gammachiisu beekamaadha. Kun gaʼaa miti taanaan, jaarsoliin gumii namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruuf qophii gochuu dandaʼu.—1 Ximotewos 5:3, 4.

Sirni awwaalaa hundi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessudha jechuu miti. Sirni seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessu kan raawwatamu yoo taʼe garuu, Kiristiyaanonni Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhachuuf murteessuu qabu. * (Hojii Ergamootaa 5:29) Tarkaanfii akkasii fudhachuun rakkina garabiraa kan fidu taʼus, tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun qorumsa akkasii moʼuun akka dandaʼamu argisiisaniiru. Humna Yihowaa isa ‘Waaqa jajjabina hundumaa’ taʼeefi gargaarsa hidhata amantiisaanii warra yeroo rakkinaatti isaan jajjabeessanirraa argataniin qorumsa akkasii moʼuu dandaʼaniiru.—2 Qorontos 1:3, 4.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 14 Aadaawwan tokko tokko keessatti jechi “reeffa eegaa buluu” jedhu, yeroo gabaabaadhaaf nama gadde sana jajjabeessuuf dhaqanii gaafachuu kan argisiisudha. Yeroo kanatti wanti Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faallessu hin raawwatamu taʼa. Dammaqaa! Caamsaa 22, 1979, fuula 27-8 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 31 Aadaan sirna awwaalaa Kiristiyaana tokkorra dhiibbaa kan geessisu yoo taʼe, naannoowwan akkasiitti jaarsoliin kaadhimamtoonni cuuphaa gara fuulduraatti maaltu akka isaan eeggatu isaan qopheessuu dandaʼu. Gaaffiiwwan Buukleetii, ‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan, Bartootakoo Godhaa!’ jedhamurratti mariʼachuuf kaadhimamtoota kanaa wajjin yommuu walgaʼan gaaffiiwwan Lubbuu, Cubbuufi Duʼa, akkasumas Garee Amantii Kaanii Wajjin Sirna Waaqeffannaa Raawwachuu jedhamaniif xiyyeeffannaa addaa kennuu qabu. Matadureewwan kun gaaffiiwwan dabalataa mareedhaaf gargaaran qabataniiru. Namni cuuphamuuf qophaaʼe tokko sirna awwaalaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu akka hubatu gochuuf jaarsoliin yaada dabalataa kennuufii dandaʼu.

[Saanduqa fuula 32⁠rra jiru]

Ejjennoosaanii Eeguudhaan Eebba Argataniiru

SIBOONGIILIIN dubartii abbaan manaa irraa duʼeefi Suwaazilaanditti argamtudha. Obboleettiin kun Kiristiyaana ija jabina qabdu waan taateef, abbaan manaashee erga duʼee booda, sirnawwan namoota hedduu biratti fudhatama qabaniifi namoota duʼan gammachiisu jedhamanii yaadaman tokko tokko hin raawwadhu jettee didde. Fakkeenyaaf, mataashee hin haaddanne. (Keessa Deebii 14:1) Miseensonni maatiishee saddeet, kanatti waan aaraniif humnaan qabanii mataashee irraa haadan. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa manashee dhufanii akka ishee hin jajjabeessine dhowwan. Haataʼu malee, namoonni ergaa Mootummichaatiif fedhii qaban tokko tokko xalayaa jaarsoliin isheedhaaf barreessan ni geessuuf turan. Guyyaa isheen uffata gaddaa akka uffattu eegamutti garuu wanta nama ajaaʼibsiisu tokkotu raawwatame. Miseensota maatiishee keessaa namni kabajamaa taʼe tokko, sirna gaddaa aadaasaanii keessatti baramaa taʼe kana maaliif hordofuu akka isheen didde mariʼachuuf firootasaanii walitti sassaabe.

Siboongiiliin akkas jechuudhaan ibsiteetti: “‘Amantiinkee uffata gaddaa uffachuudhaan gaddakee akka ibsitu sii heyyamaa?’ jedhanii na gaafatan. Ejjennookoo ergan ibseefii booda, akka na hin dirqisiisne natti himan. Fedhakoo malee mataakoo waan narraa haadaniif hundisaanii dhiifama na gaafachuunsaanii baayʼee na ajaaʼibsiiseera.” Yeroo booda obboleettiinshee, Dhugaa Baatonni Yihowaa amantiinsaanii dhugaa akka taʼe ibsuudhaan, Macaafa Qulqulluu akka ishee qayyabsiisan gaafatteetti.

Fakkeenya garabiraa ilaali: Beenjaamiin inni Afriikaa Kibbaa jiraatuufi umriinsaa waggaa 29 taʼe, abbaansaa akka tasaa duʼuusaa dhagaʼe. Yeroo sanatti maatiisaa keessaa Dhugaa Baatuu kan taʼe isa qofa ture. Namoonni sirna awwaalaa sanarratti argaman hundi, biyyoo kaballaa tokko hammaaranii saanduqa reeffaa sanatti darbachaa akka bira darban irraa eegama ture. * Awwaalcha boodammoo, fira foonii kan taʼan hundi mataasaanii haaddatan. Beenjaamiin kana waan hin gooneef, ollaawwaniifi miseensonni maatiisaa hundi ekeraan abbaasaa akka isa adabu dubbatan.

Beenjaamiin garuu, “Yihowaatti waanan amanameef, wanti tokkoyyuu narra hin geenye” jedheera. Miseensonni maatiisaas rakkinni tokkoyyuu akka isarra hin geenye hubatan. Yeroo booda, baayʼeensaanii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatanii cuuphamaniiru. Beenjaamiinoo maal taʼe? Hojii Wangeela lallabuurratti hirmaachuuf jecha tajaajilaa yeroo guutuu taʼe. Waggoottan muraasa darbaniif ilaaltuu olaanaa aanaa taʼuudhaan, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa tajaajiluuf mirga guddaa argateera.

[Miiljaleewwan]

^ key. 40 Namoonni tokko tokko, abaaboo ykn biyyoo kaballaa tokko awwaalarratti darbachuun rakkina hin qabu jedhanii yaaduu dandaʼu. Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko hawaasichi wanti kun nama duʼe gammachiisuuf akka raawwatamutti kan ilaalu ykn sirna kana luba amantii sobaatu geggeessa yoo taʼe gocha kanarraa ni fagaata.—Dammaqaa! Bitootessa 22, 1977, fuula 15 ilaali. (Ingiliffa)