Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”

“Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”

“Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”

● Lafti ennaa samiirraa gadi ilaalamtu dhagaa gati jabeessa halluu cuquliisaafi adii taʼe qabu fakkaatti. Yeroo itti siqanii ilaalan garuu bakki jireenyaa keenya kun mancaʼaa jirti. Maaliif? Deebiinsaa salphaadha: Ilmaan namootaa lafa kunuunsaa hin jiran. Kanaa mannaa faalama qilleensaatiin, bosona mancaasuufi qabeenyashee fixuu dabalatee hammeenya raawwachuu, dhiiga dhangalaasuufi ejja raawwachuudhaan karaa hafuuraafi amalaa ishee mancaasaa jiru.

Haala gaddisiisaa kana ilaalchisee gara waggaa kuma lamaa dura, raajiin dinqisiisaa taʼe Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. (2 Ximotewos 3:1-5; Mulʼata 11:18) Waaqayyo malee, namni kamiyyuu guutummaatti haala kana sirreessuu akka hin dandeenyes raajii dubbateera. Dhimmi xiyyeeffannaan kennamuufii qabu kun, haasaa sabaa mataduree “Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?” jedhurratti ibsama. Haasaan kun Walgaʼii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa, “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhamuufi jiʼa Caamsaatti Ameerikaatti jalqabamee addunyaa maratti godhamurratti dhihaata.

Atis walgaʼii koonyaa naannoo keetti godhamurratti akka argamtu kabajaan si afeerra. Ibsa dabalataa argachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argaman gaafadhu ykn qopheessitoota barruu kanaatiif barreessi. Waggaa kanaa jalqabee bakkaafii guyyaan walgaʼii koonyaa itti godhamu Masaraa Eegumsaarratti waan hin baaneef, sagantaa walgaʼichi biyyoota garaagaraatti yoomiifi eessatti akka godhamu ibsu Weeb saayitii www.pr418.com jedhamurraa argachuu dandeessa.