Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Raajii 4. Jaalala Dhabuu

Raajii 4. Jaalala Dhabuu

Raajii 4. Jaalala Dhabuu

“Warra jaalala of keessaa hin qabne.” —2 XIMOTEWOS 3:1-3.

● Kiriis nama biyya Noorzi Weelsi jiraatu yommuu taʼu, dhaabbata namoota mana keessatti miidhaan irra gaʼu gargaaru keessa hojjeta. Kiriis, “Dubartiin kanaan dura beeku tokko, hangan eenyummaashee addaan baafachuu dadhabutti garmalee reebamtee garakoo dhufuushee nan yaadadha. Dubartoonni kaanimmoo, miirrisaanii baayʼee waan miidhameef ol jedhanii nama ilaaluullee ni sodaatu” jedheera.

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Biyya Afriikaa keessa jirtu tokkotti, tilmaamaan dubartoota 3 keessaa 1 ijoollummaasaaniitti gudeedamu. Qorannoon biyyuma sana keessatti godhame tokko akka ibsetti, dhiirota harka sadii keessaa harka tokkoo ol kan taʼan, haadha manaasaanii reebuun sirrii akka ture isaanitti dhagaʼama. Mana keessatti miidhaan kan isaanirra gaʼu garuu dubartoota qofa miti. Fakkeenyaaf, Kaanaadaa keessatti dhiirota 10 keessaa 3 kan taʼan haadha manaasaaniitiin reebamu ykn midhaan kan biraan isaanirra gaʼa.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Miidhaan mana keessaa yoomiyyuu kan jirudha. Dhimma kana ilaalchisee jijjiirama kan fide bara durii caalaa yeroo ammaatti xiyyeeffannaan waan kennameefidha.

MORIMIIN KUN SIRRIIDHAA? Waggoota kurnanii asitti miidhaa mana keessatti raawwatamuuf xiyyeeffannaan kennamuunsaa waan hin haalamnedha. Haataʼu malee, rakkina kanaaf xiyyeeffannaan guddaan kennamuunsaa miidhaan kun akka hirʼatu godheeraa? Matumaa akka hirʼatu hin goone. Kanaa mannaa yeroo kamiyyuu caalaa jaalala dhabuun babalʼateera.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Yaanni 2 Ximotewos 3:1-3⁠rra jiru raawwatamaa jiraa? Dhugumaan namoonni hedduun maatiisaaniitiif jaalala kan hin qabne taʼaniiruu?

Raajii shanaffaan ittaansuudhaan raawwatamaa akka jiru ilaallu, lafa bakka jireenyaa keenya taatee wajjin kan wal qabatedha. Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubadhu.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 17rra jiru]

“Miidhaan mana keessaa yakka raawwatamuufi bakkee baʼee hin beekamne keessaa isa guddaa akka taʼe hubatameera. Dubartiin tokko miidhaa isheerra gaʼu poolisiitti gabaasuushee dura, giddu galeessaan abbaan manaashee al 35 ishee reeba.”​—BIYYA WEELSITTI, BAKKA BUUTUU DHAABBATA NAMOOTA MANA KEESSATTI MIIDHAAN IRRA GAʼE BILBILAAN GARGAARTU.