Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Raajii 6. Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa

Raajii 6. Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa

Raajii 6. Hojii Lallabaa Addunyaa Maraa

“Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama.”—MAATEWOS 24:14.

● Viiyaateʼaan, dubartii odoola Paasifiik fagootti argamtuufi Tuʼaamootuu jedhamtu tokko keessa jiraattudha. Tuʼaamootun odoola xixinnoo gara 80 taʼan kan qabduufi iskuweer kiilomeetira 802,900 kan balʼattu taʼus jiraattota 16,000 qofa qabdi. Haataʼu malee Viiyaateʼaanaafi ollaawwanshee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arganii turan. Maaliif? Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoonni bakka fedheyyuu yoo jiraatan misraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota hundumaatti himuu waan barbaadaniifidha.

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Ergaan Mootummichaa addunyaa maratti lallabamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa, bara 2010 qofatti biyyoota 236 keessatti misraachoo lallabuudhaan saʼaatii biliyoona 1.6 ol dabarsaniiru. Kana jechuun Dhugaa Baatuun tokko gidduu galeessaan guyyaa guyyaadhaan hojii lallabaarratti daqiiqaa 30 dabarseera jechuudha. Waggoota kurnaan darbanitti barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan biliyoona 20 ol taʼu maxxansuudhaan raabsaniiru.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Ergaan Macaafa Qulqulluu waggoota kumaan lakkaaʼamuuf lallabamaa tureera.

MORMIIN KUN SIRRIIHDAA? Namoonni hedduun ergaa Macaafa Qulqulluu hamma tokko lallabaa akka turan beekamaadha. Haataʼu malee, kana kan godhan yeroo xinnoofi bakka murtaaʼe qofatti ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu, addunyaa maratti karaa qindoomina qabuun namoota miliyoona dhibba hedduutti lakkaaʼamaniif misraachoo lallabaa jiru. Jaarmiyaawwan seenaa keessatti humna guddaa qabaniifi hamoo taʼan, ariʼatama cimaa isaanirra geessisanii turanis, Dhugaa Baatonni hojii lallabaasaanii itti fufaniiru. * (Maarqos 13:13) Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa akka lallabaniif qarshiin isaaniif hin kaffalamu. Kanaa mannaa, ergaa kana namootaan gaʼuuf yeroosaanii fedhiidhaan kan itti fayyadaman taʼuusaanirrayyuu, barreeffamootasaanii kaffaltii malee namootaaf kennu. Hojiinsaanii guutummaatti buusii namoonni fedhiidhaan godhaniin deggerama.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? “Wangeelli mootummaa” addunyaa maratti lallabamaa jiraa? Raajiin kun raawwatamuunsaa yeroo dhihootti wanti gaariin akka dhufu kan mirkaneessudhaa?

[Miiljalee]

^ key. 6 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo, “Feezfuul Andar Tiraayalsi,” “Parpil Tiraayaangil,” akkasumas “Jehoovaas Wiitinasis Istaandi Farmi Ageenisti Naazii Aassoolti” jedhamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan ilaali. (Ingiliffa)

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 19rra jiru]

“Hanga Yihowaan heyyametti, karaa itti namoota argachuu dandeenyu hundatti fayyadamnee misraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna.”​—KITAABA WAGGAA DHUGAA BAATOTA YIHOWAA 2010.