Yesus Kiristos Eenyu?
Macaafa Qulqulluurraa Baradhu
Yesus Kiristos Eenyu?
Matadureen kun gaaffiiwwan tarii gaafattee taʼuu dandaʼu kaasuudhaan, deebiinsaanii Macaafa Qulqulluukee keessatti iddoo kamitti akka argaman ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
1. Yesus Kiristos eenyu?
Yesus Kiristos, ilmaan namootaarraa haala adda taʼeen nama taʼee lafarratti dhalachuusaa dura, qaama hafuuraa taʼee samiirra jiraachaa ture. (Yohannis 8:23) Inni uumama Waaqayyoo isa jalqabaa yommuu taʼu, wantoota kaan hunda uumuurratti Waaqayyoo wajjin hojjeteera. Yihowaan kallattiidhaan isa qofa waan uumeef, ‘tokkicha’ Ilma Waaqayyoo jedhamee waamameera. Yesus Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo taʼee waan tajaajileefis, ‘sagalicha’ jedhamee waamameera.—Yohannis 1:1-3, 14; Fakkeenya 8:22, 23, 30; Qolosaayis 1:15, 16 dubbisi.
2. Yesus gara lafaa kan dhufe maaliifi?
Waaqayyo jireenya Ilmasaa samiirraa fuudhee gara gadameessa durba Yihudii Maariyaam jedhamtu tokkootti naannessuudhaan, nama taʼee akka dhalatu godheera. Kanaaf, Yesus abbaansaa nama hin turre jechuudha. (Luqaas 1:30-35) Yesus gara lafaa kan dhufe, (1) waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barsiisuuf, (2) fedhii Waaqayyoo raawwachuudhaan fakkeenya taʼuufi (3) lubbuusaa isa mudaa hin qabne “furii” godhee kennuufidha.—Maatewos 20:28; Yohannis 18:37 dubbisi.
3. Furiin kan nu barbaachisu maaliifi?
Furiin, gatii nama garbummaa jala jiru tokko baasuuf kennamudha. Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa ilmaan namootaa akka duʼaniifi akka dullooman hin turre. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Waaqayyo, nama jalqabaa kan taʼe Addaam wanta Macaafni Qulqulluun cubbuu jedhee waamu yoo raawwate akka duʼu itti himee ture. Utuu cubbuu hin hojjenne taʼee, matumaa hin duʼu ture. Addaam jaarraa hedduudhaaf kan jiraate taʼus, duʼuu kan jalqabe guyyaa itti abboommii Waaqayyoo cabse sanaa kaasee ture. (Uumama 2:16, 17; 5:5) Kanaaf, Addaam cubbuufi duʼa isa adaba cubbuu taʼe sanyiisaa hundatti dabarseera. Kanaan kan kaʼe, duuti karaa Addaam gara addunyaa ilmaan namootaatti “gale.” Furiin kan nu barbaachises kanaafi.—Roomaa 5:12; 6:23 dubbisi.
4. Yesus kan duʼe maaliifi?
Cubbuu jalaa nu baasuuf furii kaffaluu kan dandaʼu eenyu? Yeroo duunu adaba cubbuu kaffaluu keenyadha. Namni mudaa qabu kamiyyuu cubbuu warra kaaniitiif gatii furii baasuu hin dandaʼu.—Faarfannaa 49:7-9 dubbisi.
Yesus abbaa nama taʼerraa cubbuu hin dhaale; inni kan duʼe cubbuu warra kaaniitiif jedheeti malee ofiisaatii cubbuu waan hojjeteef hin turre. Waaqayyo jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabuun kakaʼee Ilmisaa nuuf jedhee akka duʼu ergeera. Yesusis, Abbaasaatiif abboomamee cubbuu keenyaaf lubbuusaa kennuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.—Yohannis 3:16; Roomaa 5:18, 19 dubbisi.
5. Yesus amma maal gochaa jira?
Yesus kan dhukkubsatan fayyisuu, kan duʼan kaasuufi haala rakkisaa keessa kan turan oolchuudhaan, wanta namoota abboomamoo taʼan hundaaf gochuuf jiru argisiiseera. (Luqaas 18:35-42; Yohannis 5:28, 29) Erga duʼee booda, Waaqayyo isa kaasee deebisee qaama hafuuraa kenneeraaf. (1 Phexros 3:18) Achiis lafaarratti Mootii taʼee bulchuuf hamma Yihowaan aangoo isaaf kennutti mirgasaa taaʼee eeggachaa tureera. (Ibroota 10:12, 13) Amma Yesus samiirratti Mootii taʼee bulchaa jira; duuka buutonnisaas addunyaa maratti misraachicha labsaa jiru.—Daaniʼel 7:13, 14; Maatewos 24:14 dubbisi.
Dhihoottis, aangoo Mootummaasaatti fayyadamee, dhiphinaafi wantoota dhiphinaaf sababa taʼan hunda ni balleessa. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Yesusitti akka amanan argisiisan, akkasumas isaaf abboomaman lafa jannata taaturra gammachuudhaan jiraatu.—Faarfannaa 37:9-11 dubbisi.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf, boqonnaa 4ffaa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana ilaali.
[Fakkii fuula 11rra jiru]
Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Yesusitti amanan, akkasumas isaaf abboomaman lafa jannata taaturra gammachuudhaan jiraatu