Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa!

Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa!

Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa!

YESUS KIRISTOS, “Dhugichis birmaduu isin in baasa” jedheera. (Yohannis 8:32) Eeyyee, Kiristiyaanummaan aadaa gadhee, barumsa amantii sobaafi gochawwan ciiggaasisoorraa birmaduu nama baasa.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argamanis, akkuma bara durii aadaawwan kanaan dura dhiisanitti akka deebiʼan dhiibbaan isaanirra gaʼuu dandaʼa. (Galaatiyaa 4:9, 10) Kana jechuun garuu, aadaawwan hundi gadheedha jechuu miti. Kiristiyaanni tokko, aadaa gaariifi faayidaa qabeessa taʼe hordofuuf filachuu dandaʼa. Aadaawwan kun Dubbii Waaqayyoo wajjin kan wal faallessan yeroo taʼanitti garuu, Kiristiyaanonni ejjennoosaanii hin laaffisan. Kanaan kan kaʼes, Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Qillee, guyyaa dhalootaafi aadaawwan Dubbii Waaqayyoo wajjin wal hin simne kaan kan hin kabajne taʼuusaaniitiin beekamu.

Ejjennoo ija jabina gaafatu akkasii qabaachuunsaanii yeroo baayʼee michoonni, ollaawwaniifi firoottansaanii hin amanne akka isaan mormaniifi akka isaanitti gaʼisan godheera. Keessumaa biyyoota Afriikaa sirna awwaalchaa, fuudhaafi heerumaa, akkasumas guyyaa dhalootaa wajjin haala wal qabateen aadaawwan hedduun itti kabajamanitti yeroo baayʼee mormiin akkasii uumamuu dandaʼa. Kana malees, namoonni gocha kanarratti akka hirmaatan doorsifamuufi humnaan dhibbaan irratti godhamuu dandaʼa. Kiristiyaanonni naannoo akkasiitti argaman jabaatanii dhaabachuu kan dandaʼan akkamitti? Ejjennoo ofii utuu hin laaffisin wal dhabiinsi akka hin uumamne gochuun ni dandaʼamaa? Deebiisaa argachuuf, Kiristiyaanonni amanamoon aadaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faallessanirratti hirmaachuurraa kan of qusatan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Aadaawwan Gadhee Sirna Awwaalchaa Wajjin Walitti Dhufeenya Qaban

Kibba Afriikaatti aadaawwan sirna awwaalchaa wajjin wal qabatan hedduun jiru. Namoonni gaddan guyyaa tokko ykn guyyoota hedduudhaaf mana booʼichaa sana halkan guutuu ibidda bobeessanii taʼaa bulu. Namoonni firrisaanii jalaa duʼe, hamma reeffi awwaalamutti nyaata bilcheessuu, rifeensa murachuu ykn dhagna dhiqachuullee hin dandaʼan. Sana booda, baalawwan addaddaatiin dhagnasaanii dhiqatu. Aadaawwan akkasii Kiristiyaanota biratti fudhatama qabuu? Matumaa hin qaban. Kun hundi amantii lubbuun hin duutu jedhurraafi nama duʼe sana garmalee sodaachuurraa kan dhufedha.

Lallabni 9:5, “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. Namni tokko dhugaa kana beekuunsaa ‘hafuura warra duʼanii’ sodaachuurraa walaba isa baasa. Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko firoottansaa barsiifata akkasiirratti akka hirmaatu yoo isa dirqisiisan maal gochuu qaba?

Mee muuxannoo Dhugaa Baatuu Jeen jedhamtu tokkoo haa ilaallu. Jeen biyya Afriikaa kan jiraattu siʼa taʼu abbaashee duʼaan dhabdeetti. Akkuma isheen mana booʼichaa sana geesseen, hafuura nama duʼe sanaa gammachiisuuf isheeniifi miseensonni maatiishee kaan reeffichatti naannaʼanii halkan guutuu sirbaa buluu akka qaban itti himame. Jeen akkas jetteetti: “Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef gochawwan akkasiirratti hirmaachuu akkan hin dandeenyen isaanitti hime. Haataʼu malee, guyyaa awwaalchaa booda, maanguddoonni firoota keenya taʼan miseensota maatichaa hafuura nama duʼee sanarraa eeguuf dhagnasaanii dhiquu akka barbaadan dubbatan. Kanarrattis akkan hin hirmaannen isaanitti hime. Harmeen kophaashee kutaa tokko keessa akka teessu godhame. Namni ishee ilaaluu barbaadu kamiyyuu, jalqaba dhugaatii alkoolii kaayyoo kanaaf qophaaʼe dhuguu qaba ture.

“Ani garuu kana hundarratti hin hirmaanne. Kanaa mannaa, gara manaatti seenee nyaata qopheessuudhaan bakka Harmeen jirtuttin geesse. Kunis miseensota maatiikoo baayʼee mufachiise. Firoottankoo waanan maraadhe isaanitti fakkaatee ture” jetteetti. Firoottanshee kan isheetti gaʼisan taʼuusaaniirrayyuu, “Amantii keetiif jettee aadaa keenya waan tuffatteef hafuurri abbaakee rakkina sitti haa fidu. Ijoollees hin godhatin” jedhanii ishee abaaran. Kun garuu Jeen hin sodaachisne. Abaarsi kun isheerra gaʼeeraa? Akkas jetteetti: “Yeroo sana ijoollee lama qofan qaba ture. Amma garuu ijoollee jaʼan qaba! Kunimmoo namoota akkan lammata mucaa hin godhanne na abaaran kan qaanessu ture.”

Saalqunnamtii Raawwachuudhaan “Qulqullaaʼuu”

Aadaan kan biraammoo, qulqulleeffamuu yeroo hiriyaan gaaʼelaa duʼutti raawwatamudha. Yeroo haati manaa duutu, maatiinshee obboleettiishee ykn fira haadha manaasaa fidanii isa fuusisu. Dubartii kanaa wajjin saalqunnamtii raawwachuun dirqamasaati. Dubartii barbaade fuudhuu kan dandaʼu yoo akkas godhe qofadha. Yeroo abbaan manaa dubartii tokkoo duʼus haaluma akkasiitu raawwatama. Gochi kun, hiriyaa gaaʼelaa isa lubbuudhaan jiru “hafuura” hiriyaa gaaʼelaa isa duʼerraa qulqulleessuuf gargaara jedhamee yaadama.

Namni haala kanaan “qulqulleeffamuu” dide firoottansaa biratti baayʼee jibbama. Namoonni kaan isa balaaleffachuu, isatti gaʼisuufi isa abaaruu dandaʼu. Taʼus, Kiristiyaanonni aadaa kana hin hordofan. Saalqunnamtiin gaaʼelaan alatti raawwatamu kan nama “qulqulleessu” utuu hin taʼin, ija Waaqayyoo duratti kan nama xureessu akka taʼe beeku. (1 Qorontos 6:18-20) Kana malees, Kiristiyaanonni “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu qabu.—1 Qorontos 7:39.

Kiristiyaanni Vaayooleet jedhamtuufi biyya Zaambiyaa jiraattu tokko abbaa manaashee duʼaan dhabde. Sana booda, firoottanshee nama tokko fidanii isaa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu ishee dirqisiisuuf yaalan. Vaayooleet kana gochuu waan diddeef, boolla bishaanii uummataaf qophaaʼe keessaa bishaan akka hin waraabbanne dhowwamte. Akkasumas, karaa guddaarra akka hin deemne kan ishee akeekkachiisan siʼa taʼu, kunis rakkina isheerraan gaʼee ture. Haataʼu malee, doorsisa firootasheefi namoota naannoosheetiin hin moʼamne.

Yeroo booda Vaayooleet mana murtii naannooshee jirutti geeffamte. Achittis saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuu kan didde maaliif akka taʼe sodaa tokko malee Macaafa Qulqulluurraa isaaniif ibsite. Manni murtii sunis, duudhaafi aadaa naannoo sanaa hordofuuf jecha gocha amantiishee wajjin wal faallessu akka raawwattu namoonni ishee dirqisiisuu akka hin dandeenye isheedhaaf farade. Tarkaanfii cimaa akkasii fudhachuunshee, dhiibbaan Dhugaa Baatota naannoo sana jiraataniifi rakkinni wal fakkaatu irra gaʼu akka salphatu gochuunsaa nama gammachiisa.

Dhugaa Baatuun biyya Afriikaa jiraattuufi Moonikaa jedhamtu tokko, yeroo abbaan manaashee duʼe dhiibbaan akkasii isheerra gaʼee ture. Firoottan abbaa manaashee nama kan biraatti akka heerumtu ishee dirqisiisuuf yaalanii turan. Moonikaan, “Abboommii 1 Qorontos 7:39⁠rra jiru hordofuuf waanan murteesseef kana gochuun dide” jetteetti. Dhiibbaan isheerra gaʼe garuu kanumaan hin dhaabanne. Moonikaan akkas jetti: “Na doorsisu turan. ‘Namicha kanatti hin heerumtu taanaan lammata heerumuu hin dandeessu’ naan jedhan. Jarri kun, namoonni hidhata amantiikoo taʼan tokko tokkos dhoksaatti sirna akkasiitiin akka qulqulleeffaman natti himan.” Haataʼu malee Moonikaan ejjennooshee hin laaffisne. “Qeenxee taʼee waggaa lama ergan jiraadhee booda, karaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeen lammata heerumuu dandaʼeera” jetteetti. Moonikaan yeroo ammaatti qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti.

Ulfi Namarraa Baʼuufi Ijoollee Duʼanii Dhalatan

Kiristiyaanonni Afriikaa kibbaa jiraatanis, duudhaawwan yeroo ulfi namarraa baʼuufi ijoolleen garaa keessatti duʼanii dhalatan raawwatamanii wajjin haala wal qabateen rakkinni isaanirra gaʼa. Haalli gaddisiisaan akkasii kan uumamu cubbuu kan dhaalle taʼuu keenyaan malee adaba Waaqayyootiin miti. (Roomaa 3:23) Haataʼu malee biyyoota Afriikaa tokko tokkotti dubartiin tokko yoo ulfi irraa baʼe, aadaan naannoo sanaa yeroo muraasaaf namootarraa fagaattee akka jiraatu ishee dirqisiisa.

Dubartiin dhiheenyatti ulfi irraa baʼe tokko, Dhugaa Baatuun tokko gara manasheetti adeemaa akka jiru yeroo argitu baayʼee dinqisiifatte. Yeroo inni isheetti dhihaatu, “Natti hin dhihaatin! Akka aadaa keenyaatti mana dubartii ulfi irraa baʼee dhaquun dhowwaadha” jetteen. Obboleessi kun garuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota hundumaaf ergaa Macaafa Qulqulluu akka lallabaniifi aadaa akkasii akka hin hordofne itti hime. Achiis Isaayaas 65:20, 23 erga dubbiseefii booda, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti ulfi namarraa baʼuunis taʼe mucaan duʼee dhalatu akka hin jirre itti hime. Kanaan kan kaʼes, dubartiin kun qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabdeetti.

Aadaawwan gadheen awwaalcha mucaa duʼee dhalatee wajjin wal qabatanis jiru. Dhugaa Baatuun Joseef jedhamuufi sirna awwaalchaa akkasiirratti argame tokko, namoonni sirna kanarratti argaman hundi baalawwan tokko tokkoon harkasaanii akka dhiqataniifi qorichichaan qomasaanii akka sukkuuman itti himame. Kun kan godhamu, “hafuurri” mucaa duʼe sanaa deebiʼee dhufee akka isaan hin miine godha jedhamee waan amanamuufidha. Joseefis warri duʼan namoota lubbuudhaan jiranirratti miidhaa geessisuu akka hin dandeenye Macaafa Qulqulluurraa waan hubateef, inni wanta kana akka hin raawwanne karaa ulfina qabuun ibse. Haataʼu malee, namoonni tokko tokko qoricha kana akka dibatu isa dirqisiisuuf yaalii yoo godhaniyyuu, ni dide. Ejjennoo cimaa inni qabu erga hubatanii booda, namoonni sirna awwaalchaa sanarratti argaman kaanis qoricha sana dibachuu didan.

Falmii Hin Barbaachisnerraa Fagaachuudhaan Jabaadhaa Dhaabadhaa

Namoota sodaachuufi hawaasni na jibba jedhanii yaaddaʼuun, namni tokko ejjennoosaa akka laaffisu gochuu dandaʼa. Fakkeenyi 29:25, “Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha” jedha. Muuxannoowwan olitti ibsaman kutaan caqasa kanaa inni, “Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina” jedhu dhugaa taʼuusaa argisiisu.

Haataʼu malee, yeroo baayʼee falmii hin barbaachisne hambisuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko sirna awwaalchaa firootasaarratti akka argamu yoo afeerame, haalawwan ejjennoosaa akka laaffisu isa godhan hamma isa mudatanitti eeguu hin qabu. “Namni hubataan wanta hamaa argee jalaa in dhokata, wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.”—Fakkeenya 27:12.

Wantoota sirna awwaalichaatti aansanii raawwataman malaan gaafachuun gaariidha. Kiristiyaanni tokko wantoonni sirna kanarratti raawwataman sirrii akka hin taane yoo hubate, carraa kanatti fayyadamee sirna kanarratti kan hin hirmaanne maaliif akka taʼe “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” ibsuu dandaʼa. (1 Phexros 3:16) Ejjennoosaa isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe dursee kabajaan kan ibsu yoo taʼe, yeroo baayʼee firoottansaa isa doorsisuu mannaa ejjennoosaa isaaf kabaju.

Kiristiyaanni tokko firoottansaa yoo isa abaaranis taʼe yoo isa arrabsan, aadaawwan Waaqayyoon hin gammachiisne hordofuudhaan ejjennoosaa laaffisuu hin qabu. Aadaa miidhaa geessisa jedhamee yaadamu sodaachuurraa walaba baaneerra. Phaawulos ergamaan, “Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!” jechuudhaan nu gorseera.—Galaatiyaa 5:1.