Waaʼee Waaqayyoo Ijoollee Barsiisuu Kan Qabu Eenyu?
Waaʼee Waaqayyoo Ijoollee Barsiisuu Kan Qabu Eenyu?
“Bartuun tokko barsiisaa isaa hin caalu; yoo taʼe illee guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa taʼa.”—LUQAAS 6:40.
WARRI tokko tokko waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii barsiisuuf gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼama. Barumsa gaʼaa akka hin qabne ykn waaʼee amantii beekumsa gaarii akka hin qabne itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, hojii barbaachisaa kana firoottansaanii ykn geggeessitoota amantiitiif dhiisu.
Haataʼu malee, waaʼee amantii wanta dhugaa taʼeefi seerawwan amalaaf baʼan ijoollee barsiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyu? Dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu erga ilaaltee booda, yaadawwan kana wanta qorattoonni jedhanii wajjin wal bira qabii ilaali.
Gaʼeen Abbaa Maalidha?
Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!”—Efesoon 6:4.
Yaada qorattoonni argatan: Abbootiin amantiisaaniitiif ejjennoo cimaa qabaachuunsaanii kan isaan fayyadu akkamitti? Barreeffamni Faazarsi Riliijiyas Invoolvimanti eendi Erlii Chaayildihuud Biheeviyar jedhamuufi bara 2009tti maxxanfame akkas jedha: “Abbootiin hawaasa amantii akka gaariitti hordofu keessa jiraachuunsaanii, abbootii gaarii akka taʼan isaan gargaara. Amantiin deggersaafi eegumsa hawaasaa
kan namaaf argamsiisu taʼuusaarrayyuu, namni tokko akkamitti jiraachuu akka qabu ilaalchisee barumsaafi qajeelfama kenna.”Macaafni Qulqulluun, abbaan ijoollee guddisuufi leenjisuurratti gaʼee guddaa akka qabu ibsa. (Fakkeenya 4:1; Qolosaayis 3:21; Ibroota 12:9) Haataʼu malee, gorsi kun yeroo ammaatti ni hojjetaa? Yunivarsiitiin Filooriidaa bara 2009tti, dhiibbaa abbootiin ijoolleesaaniirratti geessisan ilaalchisee mataduree tokko qopheessee ture. Qorattoonni sun ijoolleen xiyyeeffannaa abbootiisaanii argatanii guddatan, rakkina warra kaanii kan hubataniifi ofiifis kabaja kan qaban akka taʼan hubataniiru. Ijoolleen dhiiraa haala kanaan guddatan, yeroo baayʼee amala gadhee kan hin qabne taʼu; ijoolleen durbaammoo caalaatti sammuu fayyaa kan qaban taʼu. Kanaaf, gorsi Macaafa Qulqulluu yeroo ammaattis akka hojjetu hin shakkisiisu.
Gaʼeen Haadhaa Hangam Barbaachisaadha?
Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: “Barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.”—Fakkeenya 1:8.
Yaada qorattoonni argatan: Bara 2006tti kitaabni Haandibuuk oov Chaayildi Saayikooloojii jedhamu akkas jedhee ture: “Haadhotiin giddu galeessaan saʼaatii dhibbeentaa 65 hanga 80 taʼu abbootii manaa caalaa ijoolleesaanii wajjin yeroo kan dabarsan siʼa taʼu, lakkoofsi kunimmoo biyyoota addaddaa hedduutti wal fakkaata.” Haadhotiin ijoolleesaanii wajjin yeroo kana hunda dabarsuunsaanii dubbiin, gochiifi ilaalchisaanii guddina ijoolleesaaniirratti dhiibbaa guddaa akka geessisu godha.
Abbaafi haati waliin taʼanii waaʼee Waaqayyoo ijoolleesaanii yommuu barsiisan, yoo xinnaate kennaawwan gurguddaa lama isaaniif kennaa jiru jechuudha. Tokkoffaa, ijoolleen Abbaasaanii isa samii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf carraa argatu; kunimmoo umriisaanii guutuu isaan fayyada. Lammaffaa, ijoolleen abbaafi haati galma barbaachisaa tokkorra gaʼuuf akkamitti wal gargaaranii hojjechuu akka qaban baratu. (Qolosaayis 3:18-20) Namoonni kaan ijoollee barsiisuurratti isaan gargaaruu kan dandaʼan taʼus, waaʼee Waaqayyoofi wanta inni maatiirraa eegu ijoollee barsiisuuf itti gaafatamummaa kan qaban warradha.
Haataʼu malee, warri ijoolleesaanii barsiisuu kan qaban akkamitti? Malawwan caalaatti buʼa qabeessa taʼanoo kamfaʼi?