Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaan Jireenyakee Jijjiiruu Dandaʼa

Dhugaan Jireenyakee Jijjiiruu Dandaʼa

Dhugaan Jireenyakee Jijjiiruu Dandaʼa

SOBAWWAN mataduree walitti aanan kana keessatti caqasaman keessaa tokko dhageessee ykn barattee taʼuu dandaʼa. Taʼus, keessumaa barumsa kana yeroo dheeraadhaaf itti amanaa kan turte yoo taʼe, amantiikee jijjiiruun sitti ulfaata taʼa.

Taanaan kun waanuma jirudha. Dhaabbileen amantii tokko tokko wanti isaan barsiisan Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuusaa namoonni akka mirkaneessan hin jajjabeessan. Warri kaanimmoo Macaafni Qulqulluun wal xaxaa akka taʼeefi namni hundi hubachuu akka hin dandeenye dubbachuudhaan barumsasaanii isa sobaatiif falmuuf yaalu. Haataʼu malee, bartoonni Yesus baayʼeensaanii iddoo guddaafi barumsa dheeraa kan hin qabne taʼanis, wanta Yesus barsiise yeruma sana hubachuu dandaʼaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:13.

Kana malees, akkas gochuun amantii dhabuukoo argisiisa jettee sodaachuudhaan amantiikee qoruurraa duubatti jetta taʼa. Haataʼu malee, Waaqayyo ergaa inni ilmaan namootaatiif kenne, akkasumas wanta inni akka gootu barbaadu hubachuuf, Macaafa Qulqulluu qoruu keetti ni mufata jechuun dhugaa sitti fakkaataa? Faallaa kanaatiin Dubbiinsaa, “Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha” jechuudhaan Caaffata Qulqullaaʼoo dhuunfaatti akka qortu si jajjabeessa.—Roomaa 12:2.

Waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuun beekumsa sammuu sii argamsiisuu qofa utuu hin taʼin, jireenya keerrattis jijjiirama gaarii fiduu dandaʼa. (Yohannis 8:32) Deyaan isheen mataduree jalqabaarratti ibsamte, amma Dubbii Waaqayyoorratti amantii cimaa qabdi. Akkas jetti: “Macaafa Qulqulluu qayyabachuu hamman jalqabutti, Caaffanni Qulqullaaʼoon baayʼee ifaa akka taʼan matumaa hin beekun ture. Amma Yihowaan Waaqa qaama hin qabne utuu hin taʼin, Abbaakoo isa samii jaalala qabeessa akka taʼe hubadheera. Jireenyikoos kaayyoo dhugaa kan qabu taʼeera.”

Tarii Macaafni Qulqulluun akka si fayyadu utuu hin beekin qayyabachuu jalqabdee taʼuu dandaʼa. Taanaan qayyabachuukee hin dhiisin. Waaʼee Waaqayyoo soba barachaa Macaafa Qulqulluu hubachuuf yaaluun, bakka kanaan dura waaʼeesaa dhageessee hin beekne tokko dhaquu wajjin wal fakkaata. Gammachuudhaan jalqabuu dandeessa taʼa, booda yommuu karaarraa kaattu garuu abdii kutatta. Kanaaf bakka yaadde gaʼuu yoo barbaadde, karaa sirrii taʼeefi ibsa sirrii bakka yaadde gaʼuuf si gargaaruun geggeeffamuudhaan jalqabi.

Karaa sirrii beekuufi waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuu ni barbaaddaa? Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yoo barbaadde, Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiran gaafadhu ykn teessoo barruu kanarra fuula 4⁠rra jiruun barreessuudhaan gaafachuu dandeessa.

[Yaada gabaatti fudhatameefi fuula 9⁠rra jiru]

“Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.”​—ROOMAA 12:2