Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jaallachuun Yeroo Qaba, Jibbuunis Yeroo Qaba”

“Jaallachuun Yeroo Qaba, Jibbuunis Yeroo Qaba”

“Jaallachuun Yeroo Qaba, Jibbuunis Yeroo Qaba”

“WAAQAYYO jaalala.” Biyyoota tokko tokkotti namoonni caqasa kana barreessanii manasaanii keessatti fannifatu. Yaanni kun amala Waaqayyoo isa guddaa, jechuunis jaalala akka gaariitti kan ibsu akka taʼe beekamaadha.

Haataʼu malee, namoonni hedduun caqasni kun Macaafa Qulqulluurraa kan fudhatame taʼuusaa hin beekan. “Waaqayyo jaalala waan taʼeef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne” jedhee kan barreesse Yohannis ergamaa ture. (1 Yohannis 4:8) Akkasumas, Yohannis jaalala Waaqayyo ilmaan namootaa furamuu qabaniif qabu yeroo ibsu, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedhee barreesseera.—Yohannis 3:16.

Namoonni tokko tokko kana yaadatti qabachuudhaan, Waaqayyo wanta raawwannu hundaaf akka nu hin gaafanne isaanitti dhagaʼama. Akkaataan jireenyaa namoota hedduu, wanta fedheyyuu yoo raawwatan Waaqayyo akka isaan hin gaafanne akka yaadan argisiisa. Haataʼu malee yaannisaanii kun sirriidhaa? Waaqayyo namoota gaariis taʼe namoota hamoo ni jaallataa? Yeroon Waaqayyo itti jibbuhoo jiraa?

Garaagarummaa Wanta Waaqayyo Jaallatuufi Wanta Inni Jibbu Gidduu Jiru

Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba . . . jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba” jedhee dubbateera. (Lallaba 3:1, 8) Akka seera buʼuuraa kanatti Waaqayyo jaalalaafi gaarummaa guddaa kan qabu taʼuyyuu, yeroon inni itti jibbu jira.

Jalqaba, Macaafa Qulqulluu keessatti jechi ‘jibba’ jedhu kan itti hojjetame akkamitti? Galmeen jechootaa tokko akkas jedheera: “Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti jechi ‘jibba’ jedhu hiika addaddaa qaba. Nama tokko miidhuuf yeroo baayʼee jibba guddaa qabachuu argisiisuu dandaʼa. Jibbi akkasii nama jibban sana miidhuuf fedhii guddaa qabaachuu argisiisa.” Hiikasaa kana baayʼeen keenya kan beeknu taʼuu keenyarrayyuu, guutummaa addunyaarratti miidhaa jibbi akkasii geessisu argaa jira. Galmeen kun ittaansuudhaan, “‘Jibbi’ nama sana miidhuuf kaayyoo kan hin qabne taʼus, wanta tokkoof jibba guddaa qabaachuu argisiisuus dandaʼa” jechuudhaan ibsa.

Hiikni inni lammaffaan kun wanta irratti mariʼachuuf jennudha. Maqaa balleessuuf, aarsuuf ykn miidhaa geessisuuf yaadamee utuu hin taʼin jibba guddaa qabaachuu argisiisa. Waaqayyo jibba akkasii qabaachuu dandaʼaa? Mee yaada Fakkeenya 6:16-19⁠rratti ibsame kana qalbeeffadhu: “Waaqayyo wanta jaʼa in jibba, isa torbaffaa immoo in ciiggaʼa; isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu, nama sobaan nama irratti dhugaa baʼu, isa soba gad jijjigsu, nama gargar baʼuu obboloota gidduutti facaasuu dha.”

Caqasa kanarraa akka hubannutti gochawwan Waaqayyo jibbu tokko tokko jiru. Taʼus, nama gocha kana raawwatu ni jibba jechuu miti. Wanta gocha sana raawwachuuf hamma tokko sababii taʼe, jechuunis cubbuu kan dhaale taʼuusaa, haala keessa ture, akkaataa guddinaasaafi beekumsa gaʼaa kan hin qabe taʼuusaa tilmaama keessa galcha. (Uumama 8:21; Roomaa 5:12) Barreessaan Macaafa Fakkeenyaa, “Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba” jechuudhaan yaada kana fakkeenya gaariitiin ibseera. (Fakkeenya 3:12) Abbaan tokko mucaansaa kan hin abboomamne taʼuusaa ni jibba; taʼus abbaan kun mucaasaa kan jaallatu taʼuusaarrayyuu hamma isaaf dandaʼame isa adabuudhaan amala gadhee qabu akka sirreessu gochuuf carraaqa. Yihowaanis namni cubbuu raawwate sun sirreeffamuuf abdii kan qabu taanaan jaalalasaarratti hundaaʼee tarkaanfii wal fakkaatu fudhata.

Yeroo Jibbuun Sirrii Itti Taʼu

Haataʼu malee, namni tokko fedha Waaqayyoo erga beekee booda raawwachuu yoo didehoo? Namni akkasii jaalala Waaqayyoo hin argatu, kanaa mannaa surraa Waaqayyoo dhaba. Taʼe jedhee gochawwan Yihowaan jibbu kan raawwatu yoo taʼe, Isa biratti ni jibbama. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jalʼaas in qora, isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba” jedha. (Faarfannaa 11:5) Akkuma Phaawulos ergaa warra Ibrootaaf barreesserratti ibse namni akkasii dhiifama cubbuu hin argatu. Phaawulos akkas jedheera: “Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhiʼaatu siʼachi hin jiru. Firdiinii fi ibiddi hinaaffaa inni warra Waaqayyoon morman gubu garuu, sodaadhaan eeggatamaa jiru.” (Ibroota 10:26, 27) Haataʼu malee, Waaqni jaalalaa tarkaanfii akkasii kan fudhatu maaliifi?

Namni tokko taʼe jedhee cubbuu cimaa kan hojjetu taanaan, hammeenyi amala waan isatti taʼuuf, cubbuu sana raawwachuu dhiisuun baayʼee isatti ulfaachuu dandaʼa. Namni sun hamaa, kan hin qajeelfamneefi kan hin sirreeffamne taʼa. Macaafni Qulqulluun nama akkasii qeerransa buburrinasaa geddaruu hin dandeenyee wajjin wal fakkeessa. (Ermiyaas 13:23) Namni akkasii yaada garaasaa geddarachuu waan hin dandeenyeef, cubbuu Macaafni Qulqulluun “cubbuu bara baraa” jedhee waamuufi dhiifama hin qabne raawwata.—Maarqos 3:29.

Addaamiifi Hewwaan, akkasumas Yihudaa inni biyya Keriyot namoota cubbuu akkasii raawwatanidha. Addaamiifi Hewwaan mudaa malee kan uumamaniifi abboommiin Waaqayyo lamaansaaniitiif kenne ifaafi hubatamuu kan dandaʼu waan tureef, cubbuu kan raawwatan taʼe jedhaniiti; kanaaf dhiifama cubbuu hin argatan. Wanti Waaqayyo cubbuu erga raawwatanii booda isaanitti dubbate, yaada garaasaanii akka geddaratan akka isaan afeere hin argisiisu. (Uumama 3:16-24) Yihudaan cubbuu kan dhaale taʼus, michuu Ilma Waaqayyoo ture; yeroo booda garuu isa ganeera. Kanaaf, Yesus “ilma badiisaa” jedhee isa waameera. (Yohannis 17:12) Akkasumas Macaafni Qulqulluun Seexanni taʼe jedhee cubbuu raawwachuu kan amaleeffate akka taʼeefi badiisni isa eeggachaa akka jiru ibsa. (1 Yohannis 3:8; Mulʼata 12:12) Warri armaan olitti caqasaman hundi Waaqayyo biratti jibbamuunsaanii sirriidha.

Haataʼu malee, namoonni cubbuu raawwatan hundi yaada garaa geddarachuu hin dandaʼan jechuu akka hin taane beekuun kan nama jajjabeessudha. Yihowaan obsa guddaa kan qabu taʼuusaarrayyuu, namoota utuu hin beekin cubbuu raawwatan adabuun isa hin gammachiisu. (Hisqiʼel 33:11) Yaada garaasaanii geddarachuudhaan dhiifama cubbuu akka argatan isaan afeera. Akkas kan jedhu dubbisna: “Namni jalʼaan karaa isaa isa jalʼaa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebiʼu! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa taʼeetti haa deebiʼu, innis isa in maara.”—Isaayaas 55:7.

Jaalalaafis Taʼe Jibbaaf Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

Kiristiyaanonni dhugaan fakkeenya Waaqayyoo waan hordofaniif yeroo itti “jaallachuu,” akkasumas yeroo itti “jibbuu” qaban hubachuu isaan barbaachisa. Namni tokko miiraan kan geggeeffamu taʼuunsaa, jaalalaafi gara laafinaaf ilaalcha dogoggoraa akka qabaatu isa gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanti Yihudaan ergamtichi barreesse gara laafina argisiisuufi cubbuu jibbuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaruu dandaʼa. Akkas jedheera: “Warra maman[itti] gara-laafina argisiisaa! Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraaʼe iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa!” (Yihudaa 22, 23) Kanaaf gocha gadhee jibbuu kan qabnu taʼuyyuu, nama wanta gadhee raawwate sana hin jibbinu.

Kiristiyaanonni wanta gaarii gochuudhaan diinotasaaniis akka jaallatan abboomamaniiru. Yesus, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa!” jedheera. (Maatewos 5:44) Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni tokko tokko ergaa isaan lallabaniif deebii kan hin kennine taʼaniyyuu, misraachoo Mootummaa Waaqayyoo irra deddeebiʼanii lallabuusaanii kan hin dhiisnee kanaafidha. (Maatewos 24:14) Dhugaa Baatonni dhimma tokkoof ilaalcha Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe qabaachuudhaan, namoonni hundi jaalalaafi ooʼa Yihowaarraa fayyadamuu dandaʼu jedhanii abdatu. Namoonni carraaqqii Dhugaa Baatonni warra kaan gargaaruuf godhan utuu hin dinqisiifatin yommuu hafan ykn yommuu tuffataman ykn yommuu ariʼataman gorsa Phaawulos isa akkas jedhu hordofu: “Warra isin ariʼatan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa! Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa!” (Roomaa 12:14, 17) Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoota jaalallisaa isaaniif malu ykn isa duratti jibbaman murteessuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe yeroo hunda ni yaadatu. Abbaan Firdii inni guddaan jireenya kennu ykn duʼa namatti murteessu isa qofadha.—Ibroota 10:30.

Eeyyee, “Waaqayyo jaalala.” Nuyis gama keenyaan jaalalasaa dinqisiifachuu, fedhisaa maal akka taʼe beekuufi hojiirra oolchuuf carraaquu qabna. Dhugaa Baatonni Yihowaa naannookee jiran Macaafa Qulqulluu keerraa fedha Waaqayyoo akka hubattuufi jireenyakee keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu si gargaaruuf qophaaʼoodha. Akkas gochuudhaan, Waaqayyo duratti jibbamuurraa fagaachuufi isa biratti jaallatamuu dandeessa.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30⁠rra jiru]

“Waaqayyo wanta jaʼa in jibba, isa torbaffaa immoo in ciiggaʼa; isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu, garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu, nama sobaan nama irratti dhugaa baʼu, isa soba gad jijjigsu, nama gargar baʼuu obboloota gidduutti facaasuu dha.”—FAKKEENYA 6:16-19

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 31⁠rra jiru]

“Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhiʼaatu siʼachi hin jiru. Firdiin . . . garuu, sodaadhaan eeggatamaa jir[a].”—IBROOTA 10:26, 27

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32⁠rra jiru]

“Namni jalʼaan karaa isaa isa jalʼaa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebiʼu! Gara Waaqayyo . . . isa araarri isaa guddaa taʼeetti haa deebiʼu, innis isa in maara.” —ISAAYAAS 55:7

[Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

Abbaan jaalala qabeessa taʼe mucaasaa gargaaruuf jecha isa adaba

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

Namoonni mana adabaatti hidhaman hedduun jaalalaafi ooʼa Waaqayyoorraa faayidaa argachaa jiru