Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira

NAMA amantii ijoollummaatti hordofaa ture dhiisee baʼe tokko, akka deebiʼu kan isa kakaase maalidha? Dargaggeessi tokko abbaa gaarii jireenyasaa guutuu argachuuf hawwaa ture kan argate akkamitti? Wanta namoonni kun jedhan akka dubbistu si afeerra.

“Gara Yihowaatti deebiʼuun barbaade.”—ILII KALIIL

BARA DHALOOTAA: 1976

BIYYA DHALOOTAA: QOPHROS

SEENAA: ILMA BADEE ARGAME

JIREENYAKOO DURAA: Kanan dhaladhe Qophrositti taʼus, Awustiraaliyaattan guddadhe. Warrikoo Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, Yihowaafi Dubbiisaa kan taʼe Macaafa Qulqulluutiif jaalala akkan qabaadhu waan isaanii dandaʼame hunda godhaniiru. Haataʼu malee umrii waggoota kurnaniirra yommuun gaʼu hammina raawwachuun jalqabe. Ijoollee hiriyootakoo taʼanii wajjin taʼuuf jecha halkan dhokadheen manaa deeman ture. Konkolaataa hanna, akkasumas haala rakkisaa hedduu keessa seenna turre.

Jalqaba, warrakoo akkan hin gaddisiisneef wantoota kana dhoksaadhaanan raawwadhan ture. Haataʼu malee, suutuma suuta isaan sodaachuun dhiise. Namoota umriidhaan baayʼee na caalaniifi Yihowaaf jaalala hin qabnetti kanan michoome siʼa taʼu, isaanis dhiibbaa gadhee narratti godhaniiru. Dhumarrattis amantii warrakoo matumaa hordofuu akkan hin barbaannen isaanitti hime. Warrikoo obsaan na gargaaruuf yaalii godhanis, gargaarsa isaan naa godhan hunda fudhachuun dide. Kanaaf baayʼee gaddan.

Ergan manaa baʼee booda, qoricha sammuu hadoochu fudhachuufi maariwaanaa hedduu oomishee gurguruun jalqabe. Jireenya gadhiisii kanan jiraadhu siʼa taʼu, mana dhugaatii halkan itti sirbanitti saʼaatii dheeraan dabarsan ture. Akkasumas dafee aaruun jalqabe. Namoonni waanan hin jaallanne tokko yoo dubbatan ykn yoo raawwatan, yeroo baayʼee aarii guddaadhaan isaanitti iyya, akkasumas isaaniinan rukuta. Wanta yommuun Kiristiyaana ture akkan hin raawwanne baradhe hunda raawwachaan ture.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Dargaggeessa abbaansaa ijoollummaatti irraa duʼeefi qoricha sammuu hadoochu fudhatu tokkottan michoome. Yeroo baayʼee halkan saʼaatii dheeraadhaaf waliin haasofna turre. Yeroo kanatti al tokko tokko waan garaasaa keessa jiru baasuudhaan abbaasaa dhabuun baayʼee akka isa gaddisiise ifatti natti hima ture. Anis ijoollummaakootii kaasee waaʼee abdii duʼaa kaʼuu waanan baradheef, Yesus namoota duʼan akka kaaseefi fuulduraattis kana gochuuf abdii akka kenne isattan himan ture. (Yohannis 5:28, 29) “Abbaakee lammata yommuu argitu sitti haa mulʼatu” jedhaaniin ture. “Hundi keenya lafa Jannata taaturra barabaraaf jiraachuu dandeenya.” Yaadni kun garaa michuukoo tuqe.

Yeroo kaanimmoo michuunkoo kun waaʼee guyyoota gara dhumaa ykn waaʼee Sillaasee na gaafata ture. Anis Macaafa Qulqulluusaa harkaa fuudhee, caqasoota garaagaraa waaʼee Yihowaa, waaʼee Yesusiifi guyyoota gara dhumaa dubbatanan isatti argisiisa. (Yohannis 14:28; 2 Ximotewos 3:1-5) Michuu kootti waaʼee Yihowaa caalaatti himaa yommuun adeemu, waaʼee Yihowaa caalaatti yaaduun jalqabe.

Suutuma suuta sanyiin dhugaa Macaafa Qulqulluu warrikoo cimanii dhaabaa turaniifi garaakoo keessatti ukkaamamee ture guddachuu jalqabe. Fakkeenyaaf, yeroo tokko tokko michootakoo wajjin mana dhugaatiitti qoricha sammuu hadoochu utuun fudhachaa jiruu, akka tasaa waaʼee Yihowaa yaaduun jalqaba. Michoonnikoo hedduun Waaqayyoon akka jaallatan kan dubbatan taʼus, amallisaanii garuu kana kan argisiisu miti. Akkasaanii taʼuu waanan hin barbaanneef, maal gochuu akkan qabun hubadhe. Gara Yihowaatti deebiʼuun barbaade.

Dhugaadha, maal gochuu akka qaban beekuufi wanta sana gochuun garaagaradha. Jijjiirama tokko tokko gochuun ulfaataa waan hin turreef, salphaadhumatti qoricha samuu hadoochu fudhachuu dhiiseera. Michootakoo duriis kanan dhiise yommuu taʼu, jaarsa gumii tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe.

Jijjiirama kaan gochuun garuu baayʼee ulfaataa ture. Keessumaa aariikoo toʼachuun na rakkisee ture. Yeroo tokko fooyyaʼiinsaa kanan godhu taʼus, booda garuu natti deebiʼa. Yeroo kanatti fooyyaʼuu akkan hin dandeenye yaaduudhaan ofan ceephaʼan ture. Abdii kanan kutadhe taʼus, jaarsi gumii Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisu sun akka na gargaarun gaafadhe. Obboleessi kun obsa guddaafi gaarummaa kan qabu waan tureef, madda jajjabinaa naa taʼeera. Yeroo tokko abdii kutachuu dhiisuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee Masaraa Eegumsaarraa mataduree tokko akkan dubbisu godhe. * Yommuu aariin natti dhagaʼamu tarkaanfiiwwan ani fudhachuu dandaʼurratti mariʼanne. Yaada kana sammuutti qabachuufi Yihowaatti kadhannaa hedduu dhiheessuudhaan, suutuma suuta aariikoo toʼachuun dandaʼe. Dhumarrattis, Ebla bara 2000 cuuphameen Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼe. Warra koottis gammachuu guddaatu dhagaʼame.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Ammaa gadhiisiitti jiraachuufi qoricha sammuu hadoochu fudhachuudhaan qaamakoo xureessaa akkan hin jirre waanan beekuuf, nagaa sammuufi yaada garaa qulqulluun qaba. Amma yeroon hojii hojjedhu, walgaʼiirratti hirmaadhus taʼe bashannanu, gammachuu guddaan qaba. Jireenyaafis ilaalcha gaariin qaba.

Warrikoo abdii kutatanii matumaa na gargaaruu waan hin dhiisneef Yihowaa nan galateeffadha. Wanta Yesus, Yohannis 6:44⁠rratti, “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedhee dubbates nan yaadadha. Yihowaan ofitti na harkisuusaatiin garasaatti deebiʼuu dandaʼuukoo yommuun yaadu baayʼeen dinqisiifama.

“Jaalala abbaa argachuuf baayʼeen hawwan ture.”​—MAARKOO ANTOONIYOO ALVAAREEZ SOOTOO

BARA DHALOOTAA: 1977

BIYYA DHALOOTAA: CHIILII

SEENAA: MISEENSA TUUTA MUUZIQAA HEEVII MEETAAL

JIREENYAKOO DURAA: Kan na guddiste haadhakoo yommuu taatu, kanan guddadhe magaalaa bareedduu fiixee Kibba Ameerikaa jirtu, Galoo Galaanaa Maajilaanitti argamtuufi Puuntaa Areenaas jedhamtuttidha. Warrikoo kan gargar baʼan yommuun waggaa shan turetti waan taʼeef, akkan gatame natti dhagaʼama ture. Jaalala abbaa argachuuf baayʼeen hawwan ture.

Haatikoo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu waan qayyabattuuf, walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurratti akkan argamu na fuutee dhaqxi turte. Haataʼu malee, walgaʼiirratti argamuu waanan hin jaallanneef, yeroo baayʼee utuu dhaqaa jirruu sagaleekoo guddiseen iyyan ture. Yommuu umriinkoo waggaa 13 taʼu, walgaʼiirratti argamuun dhaabe.

Yeroo sanatti muuziqaadhaaf jaalala guddaa kanan horadhe siʼa taʼu, gama kanaan dandeettii uumamaa akkan qabus hubadheen ture. Yommuu umriinkoo waggaa 15 guutu, ayyaanotarratti, mana bunaafi iddoo namoonni walgaʼanitti muuziqaa heevii meetaal jedhamu nan taphadhan ture. Namoota dandeettii muuziqaa qabanii wajjin michoomuunkoo muuziqaa meeshaan qofan qindeeffame akkan jaalladhu na godheera. Mana barumsaa naannoo sana jirutti waaʼee muuziqaa barachuun jalqabe. Yommuu umriinkoo waggaa 20 guutu, barumsa dabalataa fudhachuuf, gara magaalaa guddittii Santiyaagoon dhaqe. Tuuta muuziqaa heevii meetaal taphatuu wajjin taphachuus ittan fufe.

Yeroo kana hundatti akkan gatii hin qabne natti dhagaʼama ture. Miira kanarraa boqonnaa argachuuf, miseensota tuuta muuziqaa warran akka maatiikootti ilaaluu wajjin hangan machaaʼuttan dhuga, akkasumas qoricha sammuu hadoochun fudhadhan ture. Jalʼina raawwachuuf fedhii kanan qabu siʼa taʼu, kunis qaama koorraa ni mulʼata. Uffata gurraachan uffadha, areedakoo nan guddifadha, rifeensakoos hamma mudhiikoo gaʼuttan dheeressan ture.

Amallikoo yeroo baayʼee namootaa wajjin akkan wal loluufi poolisootaa wajjin akkan walitti buʼu na godha. Yeroo tokko dhugaatii alkoolii dhugee waanan machaaʼeef, daldaltoota qoricha sammuu hadoochu gurguran, anaafi michootakoo sossodaachisaa turanan lole. Daldaltoonni kun garmalee na reebuudhaan mangaagaakoo cabsan.

Haataʼu malee miidhaa guddaan kan narra gaʼe michootakoo warra baayʼee natti dhihaatanirraa ture. Guyyaa tokko jaalalleenkoo michuu baayʼee walitti dhihaannu tokkoo wajjin waggoota dheeraadhaaf wal jaallachaa akka turaniifi michoonnikoo kaanis kana akka na dhoksanan hubadhe. Kanaan kan kaʼes baayʼeen gadde.

Sana booda Puuntaa Areenaasitti kanan deebiʼe siʼa taʼu, achittis muuziqaa barsiisuufi meeshaa muuziqaa taphachuun jalqabe. Tuuta muuziqaa heevii meetaal taphatuu wajjin taphachuufi waraabuukoos ittan fufe. Achiis intala bareedduu Suusaan jedhamtuu wajjin kan wal barre yommuu taʼu, walii wajjin jiraachuu jalqabne. Suusaan yeroo muraasa booda haatishee barumsa Sillaaseetti akka amantuufi ani garuu akkan hin amanne hubatte. “Kanaaf dhugaansaa maalidha?” jettee na gaafatte. Anis, ‘Barumsi Sillaasee soba akka taʼe beeka, Macaafa Qulqulluu keessaa sitti argisiisuu hin dandaʼu. Eenyu sitti argisiisuu akka dandaʼu garuu beeka’ jedheen deebiseef. Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessaa dhugaasaa isheetti argisiisuu akka dandaʼanin isheetti hime. Achiis wantan waggoota hedduudhaaf utuun hin godhin hafe tokko, jechuunis Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseen akka na gargaaru isa gaafadhe.

Guyyaa muraasa booda, naman waanan beeku fakkaatu tokko kanan arge yommuu taʼu, ‘Ati Dhugaa Baatuu Yihowaatii?’ jedheen gaafadheen. Bifnikoo akka isa rifaasise kan isarraa beekamu taʼus, walgaʼii Galma Mootummaatti godhamu ilaalchisee gaaffiin isa gaafadhe gaarummaadhaan naa deebise. Anis kun deebii kadhannaa kootii akka taʼen hubadhe. Achiis gara Galma Mootummaa ergan dhaqee booda namni tokkollee akka na hin barreef tarree dhumaarran taaʼe. Haataʼu malee, obboloonni baayʼeen ijoollummaakootti walgaʼiirratti argamaa akkan ture beekan na baruu jalqaban. Isaanis na simachuudhaan jaalala hoʼaa kan natti argisiisan yommuu taʼu, nagaa guddaa akkan argadhe natti dhagaʼame. Akkuman manatti deebiʼe natti dhagaʼame. Obboleessa ijoollummaatti Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisaa ture yommuun argu ammas akka na qayyabsiisun isa gaafadhe.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Guyyaa tokko Fakkeenya 27:11⁠rraa yaada, “Yaa ilma ko, . . . ogeessa taʼi, garaa na ciibsi” jedhun dubbise. Anis namoonni iddoo guddaa hin qabne Uumaa uumama cufaa gammachiisuu akka dandaʼan yaadeen dinqisiifame. Yihowaan Abbaa ani jireenyakoo guutuu barbaadaa ture akka taʼen hubadhe.

Abbaakoo isa samii gammachiisuufi fedhasaa raawwachuu kanan barbaadu taʼus, waggoota hedduudhaaf qoricha sammuu hadoochuufi dhugaatii alkooliitiif garba taʼeen ture. Taʼus, barumsa Yesus isa, “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu” jedhuufi Maatewos 6:24⁠rratti galmeeffamee jirun yaadadhe. Seerri buʼuuraa, “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jedhuufi 1 Qorontos 15:33⁠rra jiru, qabsoo ani jijjiiramuuf godhurratti baayʼee na gargaareera. Kanaaf, iddoo kanaan duraatti argamuufi namoota kanaan duraatti michoomuu yoon itti fufe amala gadheerraa walaba taʼuu akkan hin dandeenyen hubadhe. Gorsi Macaafni Qulqulluun kennu ifa ture. Wantoota na gufachiisanirraa walaba taʼuuf tarkaanfii guddaa fudhachuu na barbaachisa.—Maatewos 5:30.

Muuziqaa waanan jaalladhuuf, murtoo cimaa ani hamma yoonaatti godhe keessaa baayʼee kan natti ulfaate muuziqaa heevii meetaal jedhamu dhiisuudha. Haataʼu malee, gargaarsa michoonnikoo gumii keessa jiran naa godhaniin dhumarratti dhiisuu dandaʼeera. Garmalee dhuguufi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu nan dhaabe. Rifeensakoo nan muradhe, areedakoo nan haadadhe, akkasumas wayyaa gurraacha qofa uffachuu nan dhiise. Suusaan rifeensakoo murachuu akkan barbaadu yommuun isheetti himu sababiisaa baruuf baayʼee hawwite. “Si wajjin deemee wanta Galma Mootummaa sanatti raawwatamu arguun qaba” jette. Isheenis wanta achitti argite kan jaallatte siʼa taʼu, utuma baayʼee hin turin fedhasheetiin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Booda aniifi Suusaan gaaʼela godhanne. Bara 2008, cuuphamnee Dhugaa Baatota Yihowaa taane. Haadhakoo wajjin taanee Yihowaa tajaajiluu keenyatti ni gammanna.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Gammachuu sobaa biyyi lafaa argamsiisuufi michoota haxxee taʼan jalaa baʼeera. Ammayyuu muuziqaa kanan jaalladhu yoo taʼellee, filannaa guddaan godha. Miseensota maatiikoofi warra kaan keessumaa dargaggoota gargaaruuf muuxannoo koottan fayyadama. Wanti biyyi lafaa argamsiisu baayʼeensaa gaarii fakkaachuu akka dandaʼuufi dhumarratti garuu, akka “waan gatamee” akka taʼe isaan hubachiisuufan yaala.—Filiphisiiyus 3:8.

Gumii Kiristiyaanaa iddoo jaalalliifi nagaan jiru keessaa michoota amanamoo taʼan argadheera. Hunda caalaammoo, caalaatti Yihowaatti dhihaachuudhaan Abbaa argadheera.

[Miiljalee]

^ key. 14 Matadureen, “Milkaaʼina Obsuudhaan Argamu” jedhu Guraandhala 1, 2000, fuula 4-6⁠rratti argama. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 13⁠rra jiru]

‘Yihowaan ofitti na harkisuusaatiin garasaatti deebiʼuu dandaʼeera’