Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Yesus Waaqayyodhaa?

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Yesus Waaqayyodhaa?

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Yesus Waaqayyodhaa?

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA waaʼee Macaafa Qulqulluu namootaa wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa. Gaaffii Macaafa Qulqulluurraa deebiisaa argachuu barbaaddu tokko qabdaa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn haala amantiisaanii wajjin wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, yeroo ittaanutti Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko yommuu argattu, gaaffii kana isa gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasiirratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

Mareen armaan gadii, maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin gochuu dandaʼan keessaa tokkodha. Dhugaa Baatuun Daraartuu jedhamtu tokko gara mana dubartii Gaaddisee jedhamtu tokkoo dhaqxe haa jennu.

Yesusitti Hin Amantan Inni Jedhamu Dhugumaa?

Gaaddisee: Qeesiin keenya Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusitti hin amanan jedheera. Kun dhugaadhaa?

Daraartuu: Yesusitti akka amannu sii mirkaneessuun barbaada. Yesusitti amanuun fayyinaaf barbaachisaa akka taʼe ni amanna.

Gaaddisee: Anis nan amana.

Daraartuu: Kanaaf, kun wanta lamaan keenyayyuu itti amannudha jechuudha. Utuu dubbannuu, ani Daraartuun jedhama. Maqaankee eenyu?

Gaaddisee: Gaaddiseedha.

Daraartuu: Gaaddisee, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhuguma Yesusitti ni amanu erga taʼee, namoonni kaan hin amanan kan jedhan maaliifi? jettee yaadda taʼa.

Gaaddisee: Eeyyee, maaliifi garuu?

Daraartuu: Gabaabumatti, nuyi Yesusitti ni amanna; garuu wanta namoonni waaʼeesaa dubbatan hunda amanna jechuu miti.

Gaaddisee: Fakkeenyaaf maalfaa?

Daraartuu: Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko Yesus namuma gaarii qofa ture jedhu. Nuyi garuu kanarratti walii hin gallu.

Gaaddisee: Anis kanatti hin amanu.

Daraartuu: Kunis wanta lamaan keenyayyuu irratti walii galludha jechuudha. Fakkeenyi lammaffaanimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa, barumsa Yesus garaagarummaa Abbaasaa wajjin qabu ilaalchisee barsiisee wajjin wanta wal faallessu hin fudhatan.

Gaaddisee: Maal jechuu keeti?

Daraartuu: Amantiiwwan hedduun Yesus Waaqayyodha jedhanii barsiisu. Atis kana barattee taʼuu dandaʼa.

Gaaddisee: Eeyyee, qeesiin keenya Waaqayyoofi Yesus tokkodha nuun jedheera.

Daraartuu: Garuu, waaʼee Yesus dhugaasaa beekuuf malli hundarra caalu, wanta innumti waaʼee ofiisaa barsiise qorachuu sitti hin fakkaatuu?

Gaaddisee: Kanarratti waliin gala.

Yesus Maal Jedhe?

Daraartuu: Mee caqasa Macaafa Qulqulluu yaada kana nuu ibsu tokko haa ilaallu. Yohannis 6:38 maal akka jedhu qalbeeffadhu. Yesus, “Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad buʼe malee” jedheera. Yesus Waaqayyo yoo taʼe, asirratti gaaffiin tokko ni kaʼa.

Gaaddisee: Gaaffiin akkamii?

Daraartuu: Yesus, gara lafaa kan dhufe fedha ofiisaa raawwachuuf akka hin taane dubbachuusaa qalbeeffadhu.

Gaaddisee: Eeyyee, fedha qaama isa ergee raawwachuu akka dhufe dubbateera.

Daraartuu: Yesus Waaqayyo erga taʼee, samiirraa kan gadi isa erge eenyuree? Yesus fedha qaama sanaa kan raawwatehoo maaliifi?

Gaaddisee: Yaannikee naa galaa jira. Garuu caqasni kun qofti Yesus Waaqayyo akka hin taane kan mirkaneessu natti hin fakkaatu.

Daraartuu: Yaada Yesus yeroo kan biraatti dubbates ilaaluu dandeenya. Wangeela Yohannis boqonnaa itti aanurrattis yaada kanaan wal fakkaatu dubbateera. Mee Yohannis 7:16 dubbisi!

Gaaddisee: Tole. “Yesus immoo isaaniif deebisee, ‘Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.’”

Daraartuu: Galatoomi, Gaaddisee. Akka caqasni kun jedhutti, Yesus yaada ofiisaa barsiisee?

Gaaddisee: Lakki, barumsi inni barsiise kan isa erge Sanaa akka taʼe dubbateera.

Daraartuu: Sirriidha. Kunimmoo gaaffii, ‘Yesusiin kan erge eenyu? Dhugaa inni barsiise kan isaa kennehoo eenyu?’ jedhu kaasa. Maarree, Qaamni kun Yesusirra kan caalu mitii? Kana malees, inni erge isa ergamerra ni caala.

Gaaddisee: Baayʼee nama dinqisiisa. Kanaan dura caqasa kana dubbisee hin beeku.

Daraartuu: Wanta Yesus Yohannis 14:28⁠ratti dubbates ilaali: “‘Amma nan adeema deebiʼees isin bira nan dhufa’ akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caalaʼo.” Caqasa kanarraa akka ilaallutti, Abbaasaa wajjin haala wal qabateen Yesus iddoo akkamii akka qabu itti dhagaʼama jettee yaadda?

Gaaddisee: Abbaan isarra akka caalu dubbate. Kanaaf, isarra Waaqayyo akka caalu kan amanu natti fakkaata.

Daraartuu: Sirriidha. Mee fakkeenya kan biraa ilaaluuf, Yesus bartootasaatiin maal akka jedhe Maatewos 28:18⁠rraa haa dubbisnu. Caqasichi, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedha. Yesus, yeroo hunda aangoo hundumaa akka qabu dubbateeraa?

Gaaddisee: Lakki, aangoon akka isaaf kenname dubbate.

Daraartuu: Utuu Yesus Waaqayyo taʼee garuu, aangoon dabalataa akkamitti kennamuufii dandaʼa? Eenyutummoo isaaf kenna?

Gaaddisee: Mee yaada kana irra deebiʼeen itti yaada.

Eenyutti Dubbachaa Ture?

Daraartuu: Dhuguma Yesus Waaqayyo utuu taʼee gaaffiin gara biraanis ni kaʼa.

Gaaddisee: Gaaffiin akkamii?

Daraartuu: Wanta cuuphamuu Yesus ilaalchisee ibsamedha. Yaada Luqaas 3:21, 22⁠rra jiru qalbeeffadhu. Caqasa kana dubbistaa?

Gaaddisee: “Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname. Hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee irra buʼe; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, ‘Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama’ jedhe.”

Daraartuu: Yesus yeroo cuuphamu maal gochaa akka ture hubattee?

Gaaddisee: Kadhachaa ture.

Daraartuu: Eeyyee. Garuu, ‘Yesus Waaqayyo erga taʼee eenyuun kadhachaa ture?’ jennee gaafachuu qabna.

Gaaddisee: Kun gaaffii sirriidha. Qeesii keenya gaafachuun qaba.

Daraartuu: Akkuma Yesus bishaan keessaa baʼeen qaamni samiirraa dubbate akka jirus hubadhu. Qaamni sun maal akka jedhe hubatteettaa?

Gaaddisee: Yesus Ilmasaa akka taʼe, Yesusiin akka jaallatuufi gammachuunsaa akka isatti raawwatamu ibseera.

Daraartuu: Sirriidha. Yesus Waaqayyo yoo taʼe garuu, samiirraa kana kan dubbate eenyuree?

Gaaddisee: Kana dura karaa kanaan irratti yaadee hin beekun ture.

“Abbaa” Fi “Ilma” Kan Jedhaman Maaliifi?

Daraartuu: Mee karaa gara biraadhaanimmoo irratti haa yaannu: Yesus, Waaqayyo Abbaasaa isa samii taʼuusaa akka dubbate dubbisneerra. Yeroo Yesus cuuphamettimmoo, sagaleen samiidhaa dhufe tokko Yesus Ilmasaa akka taʼe dubbateera. Yesus Ilma Waaqayyoo taʼuusaa ifatti dubbateera. Ati, namoonni lama qixxee taʼuusaanii na barsiisuu utuu barbaaddee, miseensota maatii keessaa warra kam akka fakkeenyaatti fayyadamta?

Gaaddisee: Obbolaa lamattin fayyadama.

Daraartuu: Eeyyee. Tariimmoo lakkuu wal fakkaatanitti fayyadamta taʼa. Yesus garuu Waaqayyoon akka Abbaatti, ofimmoo akka Ilmaatti ibse. Kanaaf, Yesus ergaa akkamii dabarsaa kan ture sitti fakkaata?

Gaaddisee: Yaannikee naa galeera. Yesus inni tokko isa kaanirra umriifi aangoodhaan akka caalu ibsaa jira.

Daraartuu: Sirriidha. Mee yaadi: Ati obbolaa ykn lakkuuwwanitti fayyadamtee namoota wal qixxee taʼan fakkeenya gaariidhaan ibsuu dandeesseetta. Dhuguma Yesus Waaqayyo utuu taʼee, Barsiisaa Guddaa waan taʼeef fakkeenya akkasiitti yookiinimmoo fakkeenya yaada kana caalaatti ifa godhu fayyadamuu hin dandaʼu turee?

Gaaddisee: Ni dandaʼa.

Daraartuu: Inni garuu, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu ibsuuf jecha “Abbaa” fi “Ilma” jedhutti fayyadame.

Gaaddisee: Kun yaada gaariidha.

Duuka Buutonni Yesus Warri Durii Maal Jedhan?

Daraartuu: Daqiiqaa muraasa yoo qabaatte, dhumarratti yaada dabalataa tokko kaasuun barbaada.

Gaaddisee: Daqiiqaa muraasa qaba.

Daraartuu: Dhuguma Yesus Waaqayyo utuu taʼee, bartoonnisaa yaada kana kallattiidhaan kan dubbatan sitti hin fakkaatuu?

Gaaddisee: Akkas kan godhan natti fakkaata.

Daraartuu: Garuu, Caaffata Qulqullaaʼoo keessaa bakka kamittiyyuu akkas jedhanii hin barsiisne. Kanaa mannaa duuka buutota Yesus keessaa tokko kan ture Phaawulos ergamaan maal jedhee akka barreesse qalbeeffadhu. Filiphisiiyus 2:9⁠rratti, erga Yesus duʼeefi duʼaa kaʼee booda Waaqayyo maal akka godhe yeroo ibsu, “Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa [Yesusiin] qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf” jedheera. Caqasni kun Waaqayyo Yesusiif maal akka godhe dubbata?

Gaaddisee: Waan hundarra caalchisee guddaa akka ol isa qabe dubbata.

Daraartuu: Sirriidha. Haataʼu malee, Yesus duʼuusaa dura Waaqayyoo wajjin qixxee utuu taʼeefi boodammoo Waaqayyo guddaa kan ol isa qabe yoo taʼe, Waaqayyorra caaluu isatti hin taʼuuree? Qaamni Waaqayyorra caaluu dandaʼummoo jiraa?

Gaaddisee: Eenyuyyuu isa caaluu hin dandaʼu. Kun waan hin taanedha.

Daraartuu: Anis kanarrattan walii gala. Ragaa kana hunda yeroo ilaaltu, Macaafni Qulqulluun Yesus Waaqayyodha jedhee kan barsiisu sitti fakkaataa?

Gaaddisee: Lakki, natti hin fakkaatu. Macaafni Qulqulluun Yesus Ilma Waaqayyoo akka taʼe dubbata.

Daraartuu: Dhugaadha. Garuu Gaaddisee, Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusiif bakka guddaa akka kennan sii mirkaneessuun barbaada. Masiihii abdachiifame taʼee duʼuunsaa, namoota amanamoo taʼan hundaaf fayyina akka argamsiisu ni amanna.

Gaaddisee: Anis kana nan amana.

Daraartuu: Egaa, ‘Yesus nuuf jedhee lubbuusaa kennuusaa akka dinqisiifannu akkamitti argisiisuu dandeenyaree?’ jettee gaafatta taʼa. *

Gaaddisee: Waaʼee kanaa yaadaan ture.

Daraartuu: Tarii, yeroo gara biraatti dhufee deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu sitti argisiisuu nan dandaʼa. Torban dhufu saʼaatii kanatti manatti ni argamtaa?

Gaaddisee: Eeyyee, jira.

Daraartuu: Nan dhufa, jedhi egaa nagaatti.

[Miiljalee]

^ key. 76 Yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 5 ilaali.