Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu

Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu

Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu

“Namoonni kun eenyu anaan jedhu?”​—LUQAAS 9:18.

YESUS duuka buutotasaa gaaffii kana kan gaafate, namoonni waaʼeesaa ilaalcha garaagaraa akka qaban waan beekuuf ture. Haataʼu malee, Yesus nama iccitiidhaan sochoʼu waan hin taaneef, eenyummaasaa beekuun kan nama rakkisu hin turre. Mandarootaafi magaalota keessa ifatti namoota gidduu jiraata ture. Namoonni waaʼeesaa dhugaasaa akka beekan waan barbaaduuf, fuulleetti lallabaafi barsiisaa ture. —Luqaas 8:1.

Dubbiifi gocha Yesusirraa waaʼeesaa beekuun kan dandaʼamu siʼa taʼu, wanti inni dubbateefi godhemmoo Wangeelota arfan, jechuunis Wangeela Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannisirratti galmeeffameera. Seenaawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun, gaaffiiwwan Yesusiin ilaalchisee qabnuuf deebii argachuuf nu gargaaru. *Yohannis 17:17.

GAAFFII: Yesus nama dhugumaan jiraatedhaa?

DEEBII: Eeyyee. Joseefasiifi Taasiitasiin dabalatee barreessitoonni seenaa jaarraa jalqabaatti turan, Yesus nama dhugumaan jiraate taʼuusaa caqasaniiru. Hunda caalaammoo Wangeelonni, Yesus nama dhugumaan jiraate malee nama yaadaan uumame akka hin taane ragaa amansiisaa qabataniiru. Seenaan Wangeelotarratti waaʼeesaa ibsame, yeroofi iddoo wanti tokko itti raawwatame balʼinaan kan ibsudha. Fakkeenyaaf, barreessaa Wangeelaa kan taʼe Luqaas, bara Yesus tajaajilasaa itti jalqabe yeroo ibsu maqaa namoota yeroo sana aangoorra turan torbaa kan caqase siʼa taʼu, barreessitoonni seenaas maqaa namoota kanaa caqasuudhaan kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessaniiru.—Luqaas 3:1, 2, 23.

Ragaan Yesus nama dhugumaan jiraate taʼuusaa ibsu kan nama amansiisudha. Kitaabni, Eeviidansi foor za Histoorikaal Jiisas jedhamu, “Barreessitoonni seenaa hedduun, nama Naazireet kan taʼe Yesus jaarraa jalqabaatti kan jiraate taʼuusaa ni amanu” jedheera.

GAAFFII: Yesus dhuguma Waaqayyodhaa?

DEEBII: Miti. Yesus matumaa Waaqayyoo wajjin qixxee akka taʼe yaadee hin beeku. Kanaa mannaa, akka Yihowaan isa caalu irra deddeebiʼee ibseera. * Fakkeenyaaf Yesus, “Waaqayyo ko” akkasumas “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa” jedhee Yihowaa waameera. (Maatewos 27:46; Yohannis 17:3) Yesus Yihowaadhaan akkas jechuu kan dandaʼe, Yihowaan isarra waan caaluufidha. Hojjetaan tokko nama isa hojjechiisuun, “hogganaakoo” ykn “itti gaafatamaakoo” yoo jedhe, nama sanaa gadi taʼuusaa ibsaa akka jiru beekamaadha.

Yesus Waaqayyorraa adda taʼuusaa dubbateera. Yesus, yeroo tokko mormitootasaatiin, “Seera keessan keessattis immoo, ‘Dhugaan namoonni lama dhugaa baʼan in fudhatama’ kan jedhu caafamee jira. Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa, abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa in baʼa” jedhee ture. (Yohannis 8:17, 18) Kanaafuu, Yesus Yihowaarraa addadha jechuudha. Utuu akkas taʼuu baatee, akkamitti akka ragaa lamaatti ilaalamuu dandaʼuree? *

GAAFFII: Yesus namuma gaarii qofa turee?

DEEBII: Lakki. Nama gaarii qofa hin turre. Yesus fedha Waaqayyoo raawwachuurratti shoora gurguddaa akka taphatu beeka ture. Shoorawwan kana keessaa tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

“Tokkicha ilma Waaqayyoo.” (Yohannis 3:18) Yesus eessaa akka dhufe beeka ture. Jiraachuu kan jalqabe, lafarratti dhalachuusaa yeroo dheeraa dura ture. Innumtiyyuu, ‘Ani Waaqa irraan gad buʼe’ jedheera. (Yohannis 6:38) Yesus uumama Waaqayyoo isa jalqabaa siʼa taʼu, wantoota hunda uumuurrattis Abbaasaa gargaareera. Waaqayyo kallattiidhaan kan uume isa qofa waan taʼeef, Yesus “tokkicha ilma Waaqayyoo” jedhamee waamamuunsaa sirriidha.—Yohannis 1:3, 14; Qolosaayis 1:15, 16.

‘Ilma namaa.’ (Maatewos 8:20) Yesus yeroo baayʼee ‘ilma namaa’ jechuudhaan kan of ibse siʼa taʼu, yaanni kunis Wangeelota keessatti gara al 80 argama. Yaanni kun Yesus Waaqa foon uffate utuu hin taʼin, guutummaatti nama akka ture argisiisa. Tokkichi Ilmi Waaqayyoo nama taʼee kan dhalate akkamitti? Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee, lubbuu Ilmasaa gadameessa durba Yihudii Maariyaam jedhamtuu keessa kaaʼe. Kanaan kan kaʼes, Yesus cubbuufi mudaa kan hin qabne taʼee dhalateera.—Maatewos 1:18; Luqaas 1:35; Yohannis 8:46.

“Barsiisaa.” (Yohannis 13:13) Yesus, hojiin Waaqayyo isaaf kenne, ‘barsiisuufi wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabuu’ akka taʼe dubbateera. (Maatewos 4:23; Luqaas 4:43) Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼeefi fedha Yihowaa raawwachuuf maal akka godhu karaa ifaafi salphaa taʼeen ibseera.—Maatewos 6:9, 10.

‘Sagalicha.’ (Yohannis 1:1) Yesus Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo, jechuunis karaa Waaqayyo warra kaaniif odeeffannoofi qajeelfama itti dabarsu taʼee tajaajileera. Yihowaan namoota lafarratti argamaniif ergaasaa dabarsuuf Yesusitti fayyadameera.—Yohannis 7:16, 17.

GAAFFII: Yesus Masiihicha abdachiifame turee?

DEEBII: Eeyyee. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, Masiihichi ykn Kiristos, jechuunis ‘Inni Dibame’ akka dhufu dursanii dubbataniiru. Inni Abdachiifame kun kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu gochuurratti shoora guddaa taphata. Yeroo tokko, dubartiin Samaariyaa tokko Yesusiin, “Masiihiin inni Kristos jedhamu akka dhufu anuu beeka” jettee turte. Innis ifatti, “Inni amma sii wajjin dubbachaa jira; kunoo, ani isa” jedheen.—Yohannis 4:25, 26.

Ragaan Yesus dhugumaan Masiihicha taʼuusaa argisiisu jiraa? Akkuma ashaaraan eenyummaa nama tokkoo ibsu, ragaawwan walitti qabamanii eenyummaa Yesus sirriitti ibsan sadii jiru. Haalli Yesus, ragaawwan sadan armaan gaditti ibsaman kanaa wajjin walsimaa? Mee haa ilaallu:

Hidda dhalootaasaa. Macaafni Qulqulluun, Masiihichi Abrahaamirraa jalqabee karaa hidda dhalootaa Daawit akka dhufu raajii dubbateera. (Uumama 22:18; Faarfannaa 132:11, 12) Yesus, sanyii Abrahaamiifi sanyii Daawitirraa kan dhufedha.—Maatewos 1:1-16; Luqaas 3:23-38.

Raajiiwwan raawwataman. Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Ibrootaa, raajiiwwan waaʼee dhalootaafi duʼa Masiihichaa balʼinaan ibsan dabalatee, raajiiwwan waaʼee jireenyasaa isa lafarraa ibsan hedduu qabataniiru. Raajiiwwan kun hundi Yesusirratti raawwatamaniiru. Yesus Betlihemitti dhalachuudhaan (Miikiyaas 5:2; Luqaas 2:4-11), biyya Gibxiitii waamamuudhaan (Hoseʼaa 11:1; Maatewos 2:15), akkasumas lafeensaa tokkollee utuu hin cabin ajjeefamuudhaan, raajiiwwan kana raawwateera (Faarfannaa 34:20; Yohannis 19:33, 36). Yesus, raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman isarratti akka raawwataman gochuuf jireenyasaarratti jijjiirama fiduu akka hin dandeenye beekamaadha. *

Waaqayyo dhugaa baʼuusaa. Yeroo Yesus dhalatetti, Waaqayyo ergamoonnisaa Masiihichi dhalachuusaa tiksitootatti akka himan isaan ergeera. (Luqaas 2:10-14) Yeroo Yesus tajaajilasaa raawwachaa turetti, Waaqayyo Ilmasaatti akka gammadu samiirraa yeroo baayʼee dubbateera. (Maatewos 3:16, 17; 17:1-5) Yihowaan, Yesus Masiihii taʼuusaatiif ragaa dabalataa akka taʼutti, dinqiiwwan gurguddaa akka raawwatu isa gargaareera.—Hojii Ergamootaa 10:38.

GAAFFII: Yesus dhiphachuufi duʼuun kan isa barbaachise maaliifi?

DEEBII: Yesus nama cubbuu hin qabne waan taʼeef, duʼuun isaaf hin malu turre. Akka yakkamtoota kaanii mismaaraan mukarratti fannifamee duʼa salphinaa duʼuunis isaaf hin malu ture. Haataʼu malee, Yesus dabni akkasii akka isarratti raawwatamu kan beeku siʼa taʼu, kun akka isarra gaʼus heyyameera.—Maatewos 20:17-19; 1 Phexros 2:21-23.

Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman, Masiihichi cubbuu warra kaanii balleessuuf jecha akka dhiphatuufi akka duʼu ibsanii turan. (Isaayaas 53:5; Daaniʼel 9:24, 26) Yesus, “lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf kennuuf” akka dhufe dubbateera. (Maatewos 20:28) Namoonni aarsaan Yesus dhiifama argamsiisuuf humna akka qabu amanan, cubbuufi duʼarraa oolanii lafa Jannata taaturra barabaraan jiraachuuf abdii qabu. *Yohannis 3:16; 1 Yohannis 4:9, 10.

GAAFFII: Dhuguma Yesus duʼaa kaafamuusaa amanuu dandeenyaa?

DEEBII: Eeyyee ni dandeenya. Yesus duʼaa akka kaafamu amantii guddaa qaba ture. (Maatewos 16:21) Haataʼu malee, Yesusis taʼe namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan, Yesus humna Waaqayyootiin ala karaa garabiraatiin duʼaa akka kaʼu hin dubbanne. Kun waan taʼuu hin dandeenyedha. Kanaa mannaa Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo garuu Yesusiin hidhaa duʼaarraa hiikee, duʼaa isa kaase’ jedha. (Hojii Ergamootaa 2:24) Waaqayyo akka jiruufi inni Uumaa waan hundumaa akka taʼe yoo amanne, Ilmasaa duʼaa kaasuu akka dandaʼu amanuunis nu hin rakkisu.—Ibroota 3:4.

Yesus duʼaa kaʼuusaatiif ragaan amansiisaa taʼe jiraa? Yaadawwan armaan gadii ilaali.

Namoonni ijaan isa argan jiru. Yesus erga duʼee gara waggoota 22 booda, Phaawulos ergamaan namoonni 500 ol taʼan, Yesus isa duʼaa kaʼe akka arganiifi isaan keessaammoo hedduunsaanii yeroo Phaawulos ergaa kana barreesse lubbuudhaan akka turan ibseera. (1 Qorontos 15:6) Ragaan namni tokko ykn lama dhiheessu fudhatama dhabuu dandaʼa; haataʼu malee, namni ragaa namoonni 500 dhiheessan haaluu dandaʼu jiraa?

Ragaawwan amansiisaa. Duuka buutonni Yesus warri jalqabaa wanta raawwatame sirriitti beekan, Yesus duʼaa kaʼuusaa ija jabinaan lallabaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:29-32; 3:13-15) Namoonni kun duʼaa kaʼuu Yesusitti amanuun, amantii Kiristiyaanummaatiif barbaachisaa akka taʼetti ilaalu turan. (1 Qorontos 15:12-19) Duuka buutonni kun amantii Yesusirratti qaban ganuu mannaa, duʼa filatu turan. (Hojii Ergamootaa 7:51-60; 12:1, 2) Namni utuu beekuu fedhasaatiin sobaaf jedhee duʼu jiraa?

Gaaffiiwwan barbaachisaa Yesusiin ilaalchisee kaʼan jaʼaaf deebii Macaafni Qulqulluun kennu ilaalleerra. Deebiiwwan kun Yesus eenyu akka taʼe sirriitti nuu ibsu. Haataʼu malee, deebiiwwan kun jijjiirama fiduu? Jechuunis, Yesusiin ilaalchisee wanti amantu jijjiirama fidaa?

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Garaagarummaa Wangeelonni Macaafa Qulqulluu, barreeffamoota dhugaarratti hin hundoofneefi waaʼee Yesus dubbatanii wajjin qaban hubachuuf mataduree, “Wangeelonni Dabalataa Yesusiin Ilaalchisee Dhugaawwan Dhokatan Qabataniiruu?” jedhuufi fuula 18-19⁠rratti argamu ilaali.

^ key. 9 Macaafa Qulqulluu keessatti, maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ibsameera.

^ key. 21 Raajiiwwan Yesusirratti raawwataman tokko tokko, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 200⁠rraa ilaali.

^ key. 25 Humna aarsaan Yesus dhiifama argamsiisuuf qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba, Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 5 ilaali.