Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duʼa Yesus Haala Akkamiitiin Yaadachuu Qabna?

Duʼa Yesus Haala Akkamiitiin Yaadachuu Qabna?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Duʼa Yesus Haala Akkamiitiin Yaadachuu Qabna?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Duuti Yesus haala akkamiitiin yaadatamuu qaba?

Yesus duuka buutonnisaa irbaata akka fakkeenyaatti ibsamerratti, maxinoofi wayiniitti fayyadamuudhaan duʼasaa akka yaadatan itti himeera. Maxinoon sun foon Yesus, wayinichimmoo dhiigasaa bakka buʼa.​—Luqaas 22:19, 20 dubbisi.

Maxinoon Yesus itti fayyadame kan hin bukoofne ykn raacitii kan hin qabne ture. Macaafa Qulqulluu keessatti raacitiin yeroo baayʼee cubbuu argisiisa. Kanaaf maxinoon sun foon Yesus isa cubbuu hin qabne argisiisuunsaa sirriidha. Dhagnasaa aarsaa godhee kennuudhaan, aarsaan horii inni seera Musee jalatti dhihaachaa ture akka hafu godheera. (Ibroota 10:5, 9, 10) Wayiniin sun dhiiga Yesus isa gati jabeessa cubbuu keenyaaf jedhee dhangalaʼe argisiisa.​—1 Phexros 1:19; 2:24; 3:18 dubbisi.

2. Ayyaana duʼa Yesus kabajuu kan qabnu yoomi?

Yesus kan duʼe gaafa Ayyaana Faasikaa, jechuunis Niisaan 14 ture. Guyyaan Yihudootaa lakkaaʼamuu kan jalqabu erga aduun lixxee kaaseeti. Yesus galgala duʼasaa dura turetti, duuka buutotasaa wajjin irbaata Ayyaana Faasikaa nyaate. Achiis duʼasaa akka yaadataniif ayyaana haaraa, jechuunis Ayyaana Yaadannoo hundeesse.​—Luqaas 22:14, 15 dubbisi.

Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran akka yaadannootti kan kabajan, Waaqayyo karaa Yesusiin guutummaa addunyaa cubbuufi duʼa jalaa walaba baasuusaati. (Baʼuu 12:5-7, 13, 17) Akkuma ayyaanni Faasikaa waggaatti al tokko kabajamaa ture, Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesusis waggaatti siʼa tokko erga aduun lixxee booda, akka lakkoofsa addeessaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameetti Niisaan 14 kabajama.​—Yohannis 1:29 dubbisi.

3. Maxinoofi wayinii sanarraa hirmaachuu kan qaban eenyufaʼi?

Yesus duuka buutotasaatiif wayinii sana yeroo kenne, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa[dha]” jedhee ture. (1 Qorontos 11:25) Kakuu inni haaraan, kakuu seera Musee isa Waaqayyo Israaʼeloonni guutummaatti yoo isaaf abboomaman sabasaa akka taʼan waadaa galeef kan bakka buʼedha. (Baʼuu 19:5, 6) Haataʼu malee, sabni Israaʼel Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafeera. Kanaaf Yihowaan kakuu haaraa hundeesse.​—Ermiyaas 31:31 dubbisi.

Kakuu haaraa kanaan Yihowaan namoota muraasa taʼanitti fayyadamuudhaan namoonni baayʼeen akka eebba argatan godhe. Namoonni kakuu kana keessa jiran muraasa, jechuunis 144,000 qofadha. Karaasaanii, saba hundumaa keessaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman eebba lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuu argataniiru. Namoota kakuu kana keessa jiran keessaa muraasnisaanii yeroo harʼaa lafarratti Yihowaa tajaajilaa jiru. Xoofoon sun “kakuu isa haaraa” waan argisiisuuf, maxinoofi wayinii sanarraa qooda fudhachuu kan dandaʼan namoota kakuu sana keessa jiran qofadha.​—Luqaas 12:32; Mulʼata 14:1, 3 dubbisi.

4. Ayyaanni Yaadannoo kan nu fayyadu akkamitti?

Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesus waggaa waggaadhaan kabajnu, dinqisiifannaa nuti jaalala Yihowaa isa hangana hin jedhamneef qabnu nuu cimsa. Yihowaan cubbuu keenyaaf akka duʼuuf jedhee Ilmasaa nuuf erge. Kanaaf yeroo Ayyaana Yaadannoorratti argamnu, faayidaa duuti Yesus nuuf qaburratti xiinxaluu qabna. Akkasumas, wanta Yihowaafi Yesus nuuf godhaniif dinqisiifannaa qabnu akkamitti argisiisuu akka dandeenyurratti yaaduu qabna.​—Yohannis 3:16; 2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Macaafni Qqulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana fuula 206-208 ilaali.