Ilmikee Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiru Amantiikee Yommuu Shakku
Maatii Gammachuu Qabu
Ilmikee Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiru Amantiikee Yommuu Shakku
Ijoollee hedduun guddachaa yeroo adeeman amantii warrasaanii hordofuu filatu. (2 Ximotewos 3:14) Tokko tokko garuu akkas hin godhan. Mucaankee guddachaa jiru amantiikee shakkuu yoo jalqabe maal gochuu dandeessa? Matadureen kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa rakkina akkasii akkamitti akka hiikan ibsa.
“Kana booda amantii warrakoo hordofuu hin barbaadu. Amantiisaanii hordofuun na nuffisiiseera.”—Kooraa, umriinshee 18. *
JAARMIYAAN amantiikee waaʼee Waaqayyoo dhugaa akka barsiisu amanteetta. Macaafni Qulqulluun karaa jireenyaa hunda caalu akka barsiisus ni amanta. Kanaaf ejjennoo ati qabdu mucaankees akka qabaatu isa barsiisuuf yaaluunkee waanuma jirudha. (Keessa Deebii 6:6, 7) Haataʼu malee, mucaankee ennaa guddachaa deemutti wantoota hafuuraatiif fedhii yoo dhabehoo? * Amantii ennaa ijoollee turetti hawwiidhaan hordofaa akka turetti yaaddu shakkuu yoo jalqabe maal goota?—Galaatiyaa 5:7.
Haalli akkasii si mudachaa jira taanaan, itti gaafatamummaa Kiristiyaana warra taʼe tokkorraa eegamu baʼuu akka dadhabdetti hin yaadin. Ittaansinee akkuma ilaallu shakkiisaatiif sababiin garabiraan jiraachuu dandaʼa. Haataʼu malee, gaaffii mucaankee dhiheessuuf akkaataan ati deebii itti kennitu, gara amantii keetti caalaatti akka dhihaatu ykn akka irraa fagaatu kan isa godhu taʼuusaa hubadhu. Ilmikee amantiikee hin hordofu jechuusaatiin kan kaʼe isaa wajjin falmii yoo kaaste, lola moʼuu hin dandeenye keessa seenteetta jechuudha.—Qolosaayis 3:21.
Gama kanaan gorsa Phaawulos ergamaan kenne hojiirra oolchuun baayʼee gaariidha. “Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, namoota barsiisuu dandaʼuun . . . isaaf in taʼa malee, nama qoccoluun isaaf hin taʼu” jedhee barreesseera. (2 Ximotewos 2:24) Maarree mucaankee amantiikee yoo shakke, ‘barsiisuuf’ dandeettii akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
Hubataa Taʼi
Jalqaba, wantoonni ilaalcha mucaa keerratti dhiibbaa godhan maal taʼuu akka dandaʼan hubachuuf yaali. Fakkeenyaaf:
▪ Gumii keessaa hiriyaa waan hin qabneef, kophummaan isatti dhagaʼamaa jiraa laata? “Hiriyoota waanan barbaaduuf, ijoollee mana barumsaakoo hedduuttan michoome, kunimmoo waggoota baayʼeedhaaf karaa hafuuraa akkan hin guddanne gufuu natti taʼe. Hiriyoota gadhee horachuunkoo
wantoota hafuuraatiif fedhii akkan dhabuu waan na godheef, yeroo ammaa waan hedduuttan gaabba.”—Laanor, umriinshee 19.▪ Ofitti amantaa dhabuutu waaʼee amantiisaa akka hin dubbanne isa godhee laata? “Yeroon mana barumsaa turetti, ijoollee kutaakoo baratanitti waaʼee amantiikoo himuu nan sodaadhan ture. Kan namatti hin madaqne ykn nama amantii qofatti cichu godhanii na ilaalu jedheen sodaadhan ture. Nama isaanirraa adda taʼe kamiyyuu ofirraa fageessu; animmoo kun akka narra gaʼu hin barbaadu.”—Raamoon, umriinsaa 23.
▪ Itti gaafatamummaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eegee jiraachuun isatti fidutu isa sodaachisee laata? “Abdii Macaafni Qulqulluun jireenya barabaraa ilaalchisee kennu, fiixee yaabbannoo dheeraa taʼerra akka jiru, animmoo yaabbannoo kana yaabbachuullee akkan hin jalqabne godheen yaada; kana malees baayʼee irraa fagaadheen jira. Yaabbannoo kanarra baʼuuf baayʼee waanan sodaadhuuf amantiikoo dhiisuufan murteesse.”—Ranee, umriinshee 16.
Miirasaa Beekuuf Isa Haasofsiisi
Wanti mucaakee umrii dargaggummaarra jiru baayʼee yaaddessu maalidha? Kana beekuuf hunda caalaa kan si gargaaru isa gaafachuudha! Haataʼu malee, mareen waliin gootan gara falmiitti akka hin jijjiiramne of eeggadhu. Gorsa Yaaqoob 1:19rratti, ‘Dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuufi dheekkamuutti suuta jedhaa taʼi’ jedhu hojiirra oolchi. Obsa qabaadhu. Nama miseensa maatiikee hin taane yommuu haasofsiistu akkuma gootu, ‘obsaafi ogummaadhaan barsiisuuf’ carraaqi.—2 Ximotewos 4:2, NW.
Fakkeenyaaf, mucaankee walgaʼii Kiristiyaanaarratti hirmaachuu hin barbaadu yoo taʼe, wanta isa yaaddessaa jiru baruuf carraaqqii godhi. Yeroo kanatti garuu obsa qabaadhu. Akka armaan gadii goota taanaan, wanta garaa ilmakee keessa jiru beekuu hin dandeessu.
Ilma: Kana booda walgaʼii dhaquu hin barbaadu.
Abbaa: [dheekkamsaan] Walgaʼii dhaquu hin barbaadu yeroo jettu maal jechuu keeti?
Ilma: Na nuffisiise!
Abbaa: Waaqayyoof jaalala hin qabdu jechuudhaa? Waaqayyotu si nuffisiisee? Kun baayʼee nama gaddisiisa! Jaallattus jibbitus hamma mana kana keessa jirtutti nuu wajjin gumii dhaqxa!
Waaqayyo, warri ijoolleesaanii waaʼeesaa akka barsiisan, ijoolleenis warrasaaniitiif akka abboomaman barbaada. (Efesoon 6:1) Haataʼu malee, ilmikee dirqamaan si duukaa walgaʼii akka dhaquufi utuu itti hin amanin amantiikee akka hordofu gochuu caalaa wanti barbaaddu jira. Hamma sii dandaʼame walgaʼiirratti kan argamu ofiisaatiin itti amanee, akkasumas jaalala Yihowaadhaaf qabuun kakaʼee taʼuu akka qabu gochuu barbaadda.
Wantoota ilmikee ilaalcha akkasii akka qabaatu dhiibbaa isarratti godhan yoo hubatte isa gargaaruuf carraa gaarii argatta. Kana yaadatti qabachuudhaan maree olitti dhihaate karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti geggeessuun akka dandaʼamu qalbeeffadhu.
Ilma: Kana booda walgaʼii dhaquu hin barbaadu.
Abbaa: [tasgabbiidhaan] Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi?
Ilma: Na nuffisiise!
Abbaa: Saʼaatii tokko ykn lama guutuu taaʼuun dhuguma nama nuffisiisuu dandaʼa. Garuu caalaatti kan sitti ulfaate maalidha?
Ilma: Kana siin jechuu hin dandaʼu. Saʼaa sanatti iddoo garabiraa utuun dhaqee kan natti tolu natti fakkaata.
Abbaa: Hiriyoota keettis akkasuma isaanitti dhagaʼamaa?
Ilma: Rakkinni kooyyuu kanumadha! Ani hiriyaa tokkollee hin qabu. Hiriyaankoo erga asii deemee naman wajjin haasaʼu hin qabu. Warri kaan hiriyootasaanii wajjin yeroo gaarii dabarsu. Ani garuu kophummaan natti dhagaʼama!
“Obsa Qabaadhu!” jedhu ilaali.
Abbaan maree olitti godhamerra jiru, yaanni ilmasaa dhiphisu kophummaa taʼuusaa hubachuu dandaʼeera. Kana malees wal amantaan gidduusaanii akka jiraatu waan godheef, gara fuulduraatti maree dabalataa gochuuf haala mijeesseera.—SaanduqaDargaggoonni hedduun wantoota guddina hafuuraasaaniitiif gufuu isaanitti taʼan yoo moʼan, ilaalcha gaarii qabaachuufi amantiitti guddachuu akka dandaʼan barataniiru. Yeroo kana godhanitti siʼa baayʼee ofitti amantaafi ilaalchi isaan amantiisaaniitiif qaban akka fooyyaʼe hubataniiru. Fakkeenyaaf, Raamoon isa olitti caqasameefi mana barumsaatti Kiristiyaana taʼuusaa dubbachuun isa yeellaasisaa ture haa ilaallu. Kan isatti gaʼisamu taʼus, waaʼee amantiisaa dubbachuun hammana kan nama yeellaasisu akka hin taane yeroo booda hubachuu dandaʼeera. Akkas jedheera:
“Yeroo tokko mana barumsaatti gurbaan tokko sababa amantii kootiin natti gaʼise. Baayʼee aaree kanan ture yommuu taʼu, barattoonni daree keessa turan hundi nu dhaggeeffachaa akka jiran natti dhagaʼame. Kanaaf anis deebisee waaʼee amantiisaa isa gaafachuufan murteesse. Kan nama ajaaʼibsiisu innumtiyyuu ana caalaa aare! Yeroo kanatti dargaggoonni hedduun amantii kan qaban taʼus, waaʼee amantiisaanii sirriitti kan hin beekne taʼuusaaniin hubadhe. Yoo xinnaate ani waaʼee amantiikoo ibsuu nan dandaʼa. Dhugaasaa dubbachuuf, dhimmi amantii ilaallatu yeroo kaʼutti kan qaanaʼuu qabu ana utuu hin taʼin, ijoollee kutaa kooti.”
AKKAS GOCHUUF YAALI: Ilmikee umrii waggoota kurnanii keessa jiru, Kiristiyaana taʼuusaatiin wanta isatti dhagaʼamu gaafachuudhaan wanta garaasaa keessa jiru beekuuf yaali. Akka ilaalchasaatti Kiristiyaana taʼuun faayidaa akkamii qaba? Rakkinni akkamii isa mudachuu dandaʼa? Faayidaan argamu rakkina isa mudaturra ni caalaa? Taanaan akkamitti? (Maarqos 10:29, 30) Ilmikee waraqaa tokko bitaafi mirgatti qooduudhaan karaa bitaa rakkina isa mudatu, karaa mirgaammoo faayida argatu akka barreessu godhi. Yaadasaa isa waraqaarratti barreessee ilaaluunsaa, rakkinasaa addaan baasee beekuufi furmaatasaa barbaaduuf isa gargaaruu dandaʼa.
“Dandeettii Yaaduu” Ilmikee Qabu
Warriifi hayyoonni tokko tokko akka dubbatanitti karaan ijoolleen xixinnoon itti yaadaniifi karaan ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran itti yaadan garaagaradha. (1 Qorontos 13:11) Yeroo baayʼee ijoolleen xixinnoon wanta isaanitti himame shakkii malee kan fudhatan siʼa taʼu, ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran garuu wanta isaanitti himamu tokko sababiisaa wajjin beekuu barbaadu. Fakkeenyaaf, Waaqayyo waan hundumaa akka uume mucaa xinnoo tokkotti yoo himame fudhachuun isa hin rakkisu. (Uumama 1:1) Mucaan umrii waggoota kurnanii keessa jiru garuu gaaffiiwwan armaan gadii gaafachuu dandaʼa: ‘Waaqayyo jiraachuusaa akkamittan beeka? Waaqni jaalala qabeessa taʼe hammeenyi akka jiraatu maaliif heyyame? Waaqayyo dhugumaan barabaraa jalqabee hamma barabaraatti akka ture akkamitti beekama?ʼ—Faarfannaa 90:2.
Ilmikee gaaffii akkasii kaasuunsaa amantiinsaa laafaa akka jiru akka yaaddu si gochuu dandaʼa. Dhugaansaa garuu, kun carraaqqii inni amantiisaa cimsachuuf gochaa jiru kan argisiisudha. Gaaffii gaafachuuniyyuu guddina hafuuraa Kiristiyaana tokkootiif murteessaa taʼuu dandaʼa.—Hojii Ergamootaa 17:2, 3.
Kana malees, ilmikee umrii waggoota kurnanii keessa jiru ‘dandeettii yaaduusaatti’ fayyadamuu barachaa jira. (Roomaa 12:1, 2) Kanaan kan kaʼes, wanta yeroo inni ijoollee xinnoo turetti raawwachuu hin dandeenye, jechuunis amantiin Kiristiyaanaa “hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus” hubachuu dandaʼa. (Efesoon 3:18) Wanti inni barate ragaa cimaadhaan kan deggerame taʼuusaa ofumasaatiin irratti yaaduudhaan amantii cimaa akka qabaatu yeroon itti gargaaruu dandeessu ammadha.—Fakkeenya 14:15; Hojii Ergamoota 17:11.
AKKAS GOCHUUF YAALI: Boodatti deebiʼuudhaan barumsa buʼuuraa atiifi ilmikee salphaadhumatti amantanii fudhattanirratti mariʼadhaa. Fakkeenyaaf, ilmikee gaaffiiwwan akkasiirratti akka xiinxalu godhi: ‘Waaqayyo jiraachuusaa akkan amanu kan na godhe maalidha? Waaqayyo akka naaf yaadu amanuuf ragaa maaliin qaba? Yeroo hunda seera Waaqayyootiif abboomamuun akka na fayyadu kan natti dhagaʼamu maaliifi?’ Ilaalchakee akka fudhatu isa dirqisiisuurraa of qusadhu. Kanaa mannaa, amantaa qabu akka guddifatu isa gargaari. Yoo akkas goote, amantiisaarratti amanannaa qabaachuu dandaʼa.
‘Wanta Si Amansiisanii Fudhatte’
Macaafni Qulqulluun, dargaggeessi Ximotewos jedhamu tokko ‘mucummaasaatii jalqabee’ Caaffata Qulqullaaʼoo akka barate dubbata. Haataʼu malee Phaawulos ergamaan, “isa baratteefi wantoota namoonni si amansiisanii fudhattetti jabaadhuu itti fufi [NW]” jedhee isa gorsee ture. (2 Ximotewos 3:14, 15) Akkuma Ximotewos ilmikees, xinnummaasaatii kaasee seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu barateera taʼa. Amma garuu, amantiisaa akka cimsatu gochuuf isa amansiisuu qabda.
Kitaabni Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildiin 1 (Ingiliffa) akkas jedha: “Ilmikee umrii waggoota kurnanii keessa jiru hamma sii wajjin jiraatetti sochii hafuuraa gooturratti sii wajjin akka hirmaatu isa gaafachuuf mirga qabda. Haataʼu malee kaayyoonkee mucaankee jaalala Waaqayyoof qabu akka jabeeffatu gargaaruuf malee, wantootuma baramaa taʼan tokko tokko akka raawwatu gochuu miti.” Kaayyoo kana yaadatti qabachuudhaan, ilmikee umrii waggoota kurnanii keessa jiru amantiikee ati waan hordoftuuf qofa utuu hin taʼin, ‘amantiitti jabaachuudhaan’ ofiisaatiin itti amanee akka hordofu isa gargaaruu dandeessa. *—1 Phexros 5:9.
[Miiljaleewwan]
^ key. 4 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.
^ key. 5 Mataduree kana keessatti dhiiraan kan ibsine taʼus, seerri buʼuuraa as keessatti caqasame saala lamaaniif ni hojjeta.
^ key. 40 Odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa 2009, fuula 28-30fi Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildii 1, fuula 315-318 ilaali. (Ingiliffa)
AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .
▪ Ilmikoo amantiikoo shakkuu yoo jalqabe maal gochuun qaba?
▪ Yaada mataduree kana keessatti dhihaatetti fayyadamee deebii gaarii kennuu kanan dandaʼu akkamitti?
[Saanduqa fuula 13rra jiru]
Gowwoomfamaniiruu?
Ilaalcha dogoggoraa: Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleensaanii amantiisaanii akka hordofan dirqisiisu.
Dhugaa jiru: Akkuma Macaafni Qulqulluun abboomu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleensaanii Waaqayyoon akka jaallatan gochuuf carraaqu. (Efesoon 6:4) Haataʼu malee, mucaansaanii yommuu guddatu waaqeffannaa ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuu akka qabu ni hubatu.—Roomaa 14:12; Galaatiyaa 6:5.
[Saanduqa/Fakkii fuula 14rra jiru]
Obsa Qabaadhu!
Ilmakee umrii waggoota kurnanii keessa jiruu wajjin mariʼachuun obsa guddaa akka gaafatu beekamaadha. Haataʼu malee ijoolleenkee amantaa akka qabaatan waan godhuuf, faayidaan yeroo booda argamu kan nama kiisudha. Intalli umrii waggoota kurnanii keessa jirtu tokko akkas jetteetti: “Gaaf tokko galgala abbaa kootti, teessoo Intarneetii tokkotti dhoksaadhaan akkan fayyadamu, hiriyaa dhiiraa akkan qabuufi manaa badee deemuuf yaadee akkan turen isatti hime. Inni garuu kana hunda siʼan isatti himu tasgabbiidhaan na dhaggeeffata ture! Abbaan, intallisaa dhiiraa wajjin akka wal dhungatteefi isaa wajjin yeroo hunda ergaa akka walii ergan beekee tasgabbiidhaan dhaggeeffatu waan jiru natti hin fakkaatu. Abbaakootti waanan barbaade hunda himuu akkan dandaʼu natti dhagaʼama. Akka inni na gargaaruu barbaadu sirriittan beeka.”
[Saanduqa fuula 15rra jiru]
Faayidaa Nama Gaʼeessa Taʼe Argachuun Qabu
Yeroo tokko tokko dargaggoonni yommuu namni gaʼeessi miseensa maatiisaanii hin taane isaan jajjabeessu faayidaa argatu. Nama ilaalcha hafuuraa qabuufi ilmakee umrii waggoota kurnanii keessa jiruuf hiriyaa taʼuu dandaʼu beektaa? Taanaan ijoolleekee wajjin yeroo akka dabarsu haala mijeessuu dandeessa. Akkas jechuun garuu itti gaafatamummaa kee nama kan biraatti dabarsita jechuu miti. Mee waaʼee Ximotewos yaadi. Fakkeenya Phaawulosirraa waan hedduu kan barate yommuu taʼu, Phaawulosis Ximotewos michuusaa taʼuusaatiin faayidaa argateera.—Filiphisiiyus 2:20, 22. *
[Miiljalee]
^ key. 57 Kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan, Jildii 1, maxxansa 2011, fuula 318rraa kan fudhatameefi Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe. (Ingiliffa)