Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqii Macaafa Qulqulluu Keessatti Galmeeffame Amanuu Dandeessaa?

Dinqii Macaafa Qulqulluu Keessatti Galmeeffame Amanuu Dandeessaa?

Dinqii Macaafa Qulqulluu Keessatti Galmeeffame Amanuu Dandeessaa?

SEENAA nama gammachiisu tokko dhageessee beekta taanaan, wanta dhageesse sana akka amantu kan si godhe namni sitti hime sun amanamaa taʼuusaa akka taʼe beekamaadha? Namni tokko amanamaadha yommuu jedhamu dubbii dhugaa dubbata jechuu qofa utuu hin taʼin, gama kanaan seenaa gaarii qabaachuusaas kan dabalatudha. Kana malees, waggoota dheeraadhaaf yeroo hunda dhugaa kan sitti dubbatuufi matumaa si sobee kan hin beekne yoo taʼe, wanta inni amma dubbatu amanuuf sababa gaarii qabda.

Dinqii Macaafa Qulqulluu keessa jiru amanuunis kanaa wajjin kan walfakkaatudha. Hundi keenya yeroo dinqiiwwan sun raawwatamanitti hin turre. Taʼus, seenaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu dhugaa taʼuusaa beekuu ni dandeenya. Akkamitti? Yaadawwan armaan gadii dinqiin Macaafa Qulqulluu keessatti ibse dhugaa taʼuusaa argisiisa.

Dinqii hedduun kan raawwatame bakka namoonni baayʼeen argamanittidha. Dinqiiwwan kana keessaa tokko tokko kan raawwataman bakka namoonni kuma hedduutti ykn miliyoonaan lakkaaʼaman argamanittidha. (Baʼuu 14:21-31; 19:16-19) Iccitiidhaan ykn dhoksaatti kan raawwataman hin turre.

Dinqiin sun salphaadhumatti kan raawwatamedha. Dinqii kana raawwachuuf gola ykn golgaa adda taʼanitti fayyadamuun, akkasumas ibsaa nama burjaajessutti gargaaramuun hin barbaachisne. Dinqiin Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame baayʼeen akka carraa ykn gaaffii namoonni dhiheessaniin kan raawwatamedha. (Maarqos 5:25-29; Luqaas 7:11-16) Yeroo akkasiitti namni dinqii raawwatu sun haala sana akka isaaf taʼutti mijeeffachuu akka hin dandeenye beekamaadha.

Namoonni sun dinqii sana kan raawwatan beekamummaa, ulfinaafi qabeenya argachuuf hin turre. Kaayyoon dinqii itti raawwatan Waaqayyoof ulfina fiduu ture. (Yohannis 11:1-4, 15, 40) Namni dinqii raawwachuudhaan qabeenya argachuuf yaalu ni balaaleffatama ture.​—⁠2 Mootota 5:15, 16, 20, 25-27; Hojii Ergamootaa 8:18-23.

Dinqiin Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame addadda taʼuunsaa namootaan akka hin raawwatamne argisiisa. Fakkeenyaaf, galaanniifi qilleensi tasagabbaaʼeera; bishaan gara wayiniitti jijjiirameera; bokkaan caameera; deebiʼees roobeera; namoonni dhukkubsatan fayyaniiru; akkasumas namoonni qaroo dhabeeyyii taʼan arguu dandaʼaniiru. Dinqiiwwan kunis taʼan kan biraa hedduun, kan raawwataman qaama humna guddaa qabuufi wanta hundarratti dhiibbaa gochuu dandaʼuun taʼuu qabu.​—⁠1 Mootota 17:1-7; 18:41-45; Maatewos 8:24-27; Luqaas 17:11-19; Yohannis 2:1-11; 9:1-7.

Mormitoonni yommuu dinqiin kun raawwatamu argan dhugaa taʼuusaa hin shakkine. Yommuu inni michuusaa Alaazaariin duʼaa kaase, geggeessitoonni amantii diinota Yesus taʼan Alaazaar duʼee akka ture hin shakkine. Kan hin shakkine maaliif ture? Alaazaar guyyaa afuriif awwaala keessa waan tureefidha. (Yohannis 11:45-48; 12:9-11) Yesus erga duʼee jaarraa hedduu boodallee, namoonni kitaaba Yihudootaa Taalmuud jedhamu barreessan, Yesus dinqii raawwachuuf humna kan qabu akka ture amanuusaanii itti fufaniiru. Wanti isaan shakkan madda humna inni ittiin dinqii raawwatu sanaa ture. Haaluma walfakkaatuun gaaffiin bartoonni Yesus yommuu yaaʼii warra Yihudootaa duratti dhiheeffaman gaafataman “Dinqii ni raawwattuu?” kan jedhu utuu hin taʼin, “Humna maaliitiin yookiis maqaa eenyuutiin kana gootan?” kan jedhu ture.​—⁠Hojii Ergamootaa 4:1-13.

Maarree, wanta Macaafni Qulqulluu dinqii ilaalchisee dubbatutti amanuu ni dandeessaa? Wanta olitti ilaallerraa kaʼuudhaan seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee dinqii dubbatu dhugaa taʼuusaa ifatti hubachuu dandeenya. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu kana amanuuf sababii gara biraanis jira. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun haala tokko yommuu ibsu, siʼa baayʼee yeroo, iddoofi maqaa namoota wanta raawwatame sana keessatti hirmaatanii ni caqasa. Namoonni Macaafa Qulqulluu ceephaʼanillee seenaan macaafa kana keessa jiru sirrii taʼuunsaa isaan ajaaʼibsiisa. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu dhibbaan lakkaaʼaman hundi tokko tokkoon raawwatamaniiru. Kana malees, Macaafni Qulqulluun, gorsa hedduu namoonni walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan gargaaru qabateera; gorsi kun namoota umriifi akkaataa jireenyaa garaagaraa qaban hedduu gargaareera. Gorsi walitti dhufeenya ilmaan namootaa ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennuun qixxaatu hin jiru.

Macaafni Qulqulluun dhugaa taʼuusaa ni shakkita taanaan, yeroo muraasa fudhattee caalaatti maaliif hin qortu? Caalaatti barachaa yommuu deemtu, amantiin isarratti qabdu caalaatti guddata. (Yohannis 17:17) Kana kan gootu taanaan, dinqii kanaan dura raawwatame ilaalchisee wanta macaafni kun dubbatutti amanuu dandeessa. Seenaawwan kana amanuunkee, wanta Macaafni Qulqulluun dinqii dhiheenyatti raawwatamu ilaalchisee dubbatutti amanuuf si gargaara.

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Namoonni Yesusiin morman Alaazaar duʼee akka ture hin shakkine