Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqiiwwan Dhiheenyatti Raawwataman

Dinqiiwwan Dhiheenyatti Raawwataman

Dinqiiwwan Dhiheenyatti Raawwataman

DOKTOORRI tokko yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu cimaa taʼe sii gochuuf qophaaʼaa utuu jiruu, namni kun matumaa yaalii akkasii godhee akka hin beekne yoo dhageesse maaltu sitti dhagaʼama? Akka yaaddoftu beekamaadha. Karaa garabiraammoo, doktoorichi yaalii akkasii gochuutti beekamaa kan taʼeefi yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu siif godhamuuf jedhuu wajjin walfakkaatu dhibbaan lakkaaʼamu akka gaariitti akka raawwate yoo hubattehoo? Namni kun si gargaaruu akka dandaʼu caalaatti amanannaa hin qabaattuu?

Biyyi lafaa keessa jiraannu yaaliin fayyaa “baqaqsanii walʼaanuu” wajjin walfakkaatu godhamuufii qaba. Yihowaan doktoora muuxannoo qabuu wajjin kan walfakkaatu siʼa taʼu, biyyi lafaa kunimmoo dhukkubsataa yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu cimaan isa barbaachisuu wajjin walfakkaata. Yihowaan karaa Macaafa Qulqulluutiin, lafa kana deebisee Jannata akka godhu abdii kenneera. (2 Phexros 3:13) Haataʼu malee, kun raawwatamuusaa dura jalʼinni guutummaatti balleeffamuu qaba. (Faarfannaa 37:9-11; Fakkeenya 2:21, 22) Jannanni deebiʼee hundeeffamuusaa dura haalawwan naannoo keenya jiraniifi nama dhiphisan hundi balleeffamuu qabu. Kunimmoo dinqii raawwachuu kan gaafatudha.​—⁠Mulʼata 21:4, 5.

Dhugaa Baatonni Yihowaa jijjiiramni gurguddaan kun dhiheenyatti akka raawwataman amanu. Maaliif ? Dinqiiwwan Yihowaan kanaan dura raawwate, abdii kenne raawwachuuf humna akka qabu waan mirkaneessaniifidha. Dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman jaʼa, abdii gara fuulduraatti akka raawwataman kennaman wajjin wal bira qabii ilaali.

Abdii Macaafni Qulqulluun gara fuulduraa ilaalchisee kenne barachuukee itti fufi. Amantiinkee yommuu guddatu, abdiin ati yeroo Yihowaan dinqii raawwatu jiraattee faayidaa irraa argachuuf qabdus ni guddata.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 21, 22⁠rra jiru]

DINQII:

YESUS BUDDEENAAFI QURXUMMII MURAASAAN NAMOOTA KUMAAN LAKKAAʼAMAN SOOREERA.​—⁠MAATEWOS 14:13-21; MAARQOS 8:1-9; YOHANNIS 6:1-14.

ABDII:

“Lafti midhaan baaseera, Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera.”​—⁠FAARFANNAA 67:6.

HIIKA KUN NUUF QABU:

MATUMAA NAMNI BEELAAN DHIPHATU HIN JIRAATU.

DINQII:

YESUS NAMNI IJISAA ARGUU HIN DANDEENYE AKKA ARGU GODHEERA.​—⁠MAATEWOS 9:27-31; MAARQOS 8:22-26.

ABDII:

“Iji warra jaamotaa in banama.”​—⁠ISAAYAAS 35:5.

HIIKA KUN NUUF QABU:

NAMOONNI QARO DHABEEYYII TAʼAN HUNDI NI ARGU.

DINQII:

YESUS NAMA NAAFATE FAYYISEERA.​—⁠MAATEWOS 11:5, 6; YOHANNIS 5:3-9.

ABDII:

“Namni naafti akka borofaa in utaala.”​—⁠ISAAYAAS 35:6.

HIIKA KUN NUUF QABU:

NAMOONNI DHIBEE FAYYAA QABAN HUNDI NI FAYYU.

DINQII:

YESUS DHUKKUBA GARAAGARAA FAYYISEERA.​—⁠MAARQOS 1:32-34; LUQAAS 4:40.

ABDII:

“Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”​—⁠ISAAYAAS 33:24.

HIIKA KUN NUUF QABU:

DHUKKUBNI HUMNA NAMA BUUSU HUNDI NI BALLEEFFAMA. FAYYAA GUUTUU ARGANNA.

DINQII:

YESUS HUMNA UUMAMAA TOʼATEERA.​—⁠MAATEWOS 8:23-27; LUQAAS 8:22-25.

ABDII:

“Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Isaan siʼachi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan.”​—⁠ISAAYAAS 65:21, 23.

“Sodaan sittii in fagaatu, naasuunis gara keetti hin dhiʼaatu.”​—⁠ISAAYAAS 54:14.

HIIKA KUN NUUF QABU:

BALAAN UUMAMAA HIN JIRAATU.

DINQII:

YESUS NAMOOTA DUʼAN DUʼAA KAASEERA.​—⁠MAATEWOS 9:18-26; LUQAAS 7:11-17.

ABDII:

“Warri duʼanii awwaalaman . . . awwaala keessaa in baʼu.”​—⁠YOHANNIS 5:28, 29.

“Galaanni warra duʼanii isa keessa turan of keessaa baasee in kenne. Duunii fi mootummaan warra duʼaniis, warra duʼanii isaan harka turan of harkaa baasanii in kennan.”​—⁠MULʼATA 20:13.

HIIKA KUN NUUF QABU:

NAMOONNI JAALLANNUUFI DUʼAAN DHABNE DUʼAA KAAFAMU.