Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqiiwwan Dhugumaan Raawwatamuu Dandaʼuu? Mormiiwwan Baramaa Taʼan Sadan

Dinqiiwwan Dhugumaan Raawwatamuu Dandaʼuu? Mormiiwwan Baramaa Taʼan Sadan

Dinqiiwwan Dhugumaan Raawwatamuu Dandaʼuu? Mormiiwwan Baramaa Taʼan Sadan

MORMII 1: Dinqiin seera uumamaa wajjin waan wal faallessuuf raawwatamuu hin dandaʼu. Beekumsi waaʼee seera uumamaa qabnu, wanta saayintiistonni uumama ilaalchisee hubatanirratti kan hundaaʼedha. Haataʼu malee, seerri kun seera caasluga afaanii wajjin waan walfakkaatuuf yeroo itti hin hojjenne qaba. “Seera uumamaa” ilaalchisee hubannaan qabnu baayʼee muraasadha. (Iyoob 38:4) Saayintiistiin tokko seerri uumamaa tokko haala taʼe tokko keessatti akkamitti akka hojjetu qorachuudhaan umriisaa guutuu dabarsuu dandaʼa. Taʼus, seerri kun haala gara biraa keessatti hojjechuuf dhiisuusaa mirkaneessuuf carraa hin arganne.

Seenaan nama kolfisiisu tokko yaanni tokko salphaadhumatti ragaa qabatamaa kan hin qabne akka taʼetti yaadamuu akka dandaʼu argisiisa. Joon Lok (1632-1704) ambaasaaddara biyya Neezarlaandiifi mootii biyya Siyaam ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: Ambaasaaddarichi, biyyasaa Hoolaanditti yeroo tokko tokko arbi bishaanirra deemuu akka dandaʼu mootichaaf ibse. Mootiin kun ambaasaaddarichi akka isa sobe waan isatti dhagaʼameef yaada kana hin fudhanne. Haataʼu malee, wanti ambaasaaddarri kun dubbate hubannaa mootichaatii ol ture. Mootichi bishaan diilallaaʼee gara cabbiitti yommuu jijjiiramu arba baachuu akka dandaʼu hin beeku ture. Mootichi dhugaa qabatamaa taʼe kana hunda waan hin beekneef kun taʼuu akka hin dandeenye itti dhagaʼameera.

Wantoota yeroo harʼaatti hojjetamaniifi waggoota muraasa dura waan hin dandaʼamne fakkaatan tokko tokko ilaali:

● Xiyyaarri tokko nama 800 ol feʼee saʼaatiitti kiilomeetira 900 balaliʼuudhaan utuu hin dhaabatin Niwuu Yoorkii kaʼee Singaapoor gaʼuu dandaʼa.

● Namoonni ardii addaddaarra taʼanii mala viidiyoo koonfaransi jedhamuun wal ilaalaa walgaʼii gochuu dandaʼu.

● DVDn tokko sirboota dhibba hedduutti lakkaaʼaman baachuu dandaʼa.

● Doktooronni yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu godhan onneefi kutaa qaamaa garabiraa nama tokkorraa gara nama kaaniitti dabarsuu dandaʼu.

Ragaawwan akkasiirratti hundaaʼuudhaan maal jennee yaaduu dandeenya? Namoonni wantoota waggoota muraasa dura kan hin dandaʼamne fakkaatan raawwachuu erga dandaʼanii, Waaqni inni uumama cufaafi waan achi keessa jiru hunda uume, wantoota dinqisiisaa nuyi guutummaatti hin hubanne ykn yeroo harʼaa gochuu hin dandeenye raawwachuu dandaʼa. *​—⁠Uumama 18:14; Maatewos 19:26.

MORMII 2: Macaafni Qulqulluun namoonni akka itti amanan gochuuf dinqiitti fayyadama. Macaafni Qulqulluun dinqii hunda amanuu akka qabnu hin dubbatu. Kanaa mannaa, dinqiifi milikkitoota humna guddaa of keessaa qaban amanuu ilaalchisee of eeggannoo cimaa akka goonu nu akeekkachiisa. Akeekkachiisa ifa taʼe kana hubadhu: “Inni seera malee jiraatu kunis gochaa Seexanaatiin wanta hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa; . . . gowwoomsaa hamminaa hundumaa isaan irratti in fida.”​—⁠2 Tasaloniiqee 2:9, 10.

Yesus Kiristos, namoonni hedduun duuka buutotasaa akka taʼan kan dubbatan taʼus, dhugumaan duuka buutotasaa akka hin taane akeekkachiisee ture. Namoonni hedduun akkas isaan jedhu: “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin hafuurota hamoota hin baafnee? Dinqii hedduus hin raawwannee?” (Maatewos 7:22, Niiwu Intarnaashinaal Varshin) Haataʼu malee, Yesus namoota kana duuka buutotasaa akka taʼanitti akka hin ilaalle dubbateera. (Maatewos 7:23) Kanarraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesus dinqiin hundi humna Waaqayyootii kan raawwatamu akka taʼe hin barsiisne.

Waaqayyo, waaqeffattoonnisaa dinqii qofarratti hundaaʼanii akka isatti amanan hin ajajne. Kanaa mannaa, amantiinsaanii dhugaawwan barbaachisaa taʼan garabiraarrattis kan hundaaʼe taʼuu qaba.​—⁠Ibroota 11:1.

Mee dinqiiwwan beekamaa taʼaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa duʼaa kaʼuu Yesus Kiristos akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Erga dinqiin kun raawwatame waggoota hedduu booda, Kiristiyaanonni Qorontos keessa jiran tokko tokko, duʼaa kaʼuu Yesus shakkuu jalqaban. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota kana kan gargaare akkamitti ture? “Amantii keessan guddifadhaa” qofa isaaniin jedhee dhiisee? Lakki. Ragaawwan qabatamaa taʼan akkamitti akka isaan yaadachiise hubadhu. Phaawulos akkas jedheera: “[Yesus] awwaalameera, caaffanni qulqullaaʼoon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis duʼaa kaafameera. Inni Phexrositti mulʼate, ergasii bartoota kudha lamaan keessaa warra hafanitti mulʼate. Kana booddee immoo ergaan-takkaa obboloota dhibba shan caalanitti mulʼate; isaan keessaa . . . garri caalan . . . amma iyyuu jiru.”​—⁠1 Qorontos 15:4-8.

Kiristiyaanonni kun dinqii kanatti amanuufi dhiisuunsaanii jijjiirama fidaa? Phaawulos itti dabaluudhaan, “Kristos duʼaa hin kaafamne erga taʼee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu” jedheera. (1 Qorontos 15:14) Phaawulos dhimma kana akka laayyootti hin ilaalle. Amantiinsaa dinqii dhugumaan raawwatamerratti akka hundaaʼu gochuun baayʼee isa barbaachisa ture. Phaawulos, Yesus dinqiidhaan duʼaa kaafamuunsaa dhugaa akka taʼe beeka. Namoonni dinqii kana ijaan arganiifi dhibbaan lakkaaʼaman yeroo sana lubbuudhaan akka jiranis beeka ture. Namoonni kun, wanta ijaan argan sana haaluu mannaa duʼa filatu turan.​—⁠1 Qorontos 15:17-19.

MORMII 3: Dinqiin waanuma uumamaan jiruufi namoonni hin baranne dogoggoraan hubatanidha. Hayyoonni tokko tokko dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman, Waaqayyoon kan raawwataman utuu hin taʼin, waanuma uumamaan yeroosaanii eeganii raawwataman akka taʼan ibsuuf yaalu. Ibsi kun seenaa Macaafa Qulqulluu amanuuf caalaatti akka gargaaru isaanitti dhagaʼama. Wantoonni uumamaan raawwataman, kan akka dhaʼicha, sochoʼaafi sigigaachuu lafaa jiran, dinqii wajjin walitti dhufeenya kan qaban taʼus, ibsi namoonni kun kennan wanti wal isaan fakkeessu jira. Namoonni kun, ibsa Macaafni Qulqulluun yeroo dinqiin sun itti raawwatame ilaalchisee kennu hin fudhatan.

Fakkeenyaaf, hayyoota kana keessaa tokko tokko dhaʼichi jalqaba Gibxiirratti dhufe, jechuunis Bishaan Abbayyaa gara dhiigaatti kan jijjiirame, biyyoo diimaafi lubbu qabeeyyii diddiimoo ‘filaajileetis’ jedhamaniifi Lagni Abbayyaa haree fideen kan kaʼedha jedhanii falmu. Macaafni Qulqulluun garuu bishaanichi dhiigatti malee, dhoqqee diimaatti akka jijjiirame hin dubbatu. Baʼuu 7:14-21 of eeggannoodhaan dubbisuudhaan, dinqiin kun kan raawwatame yeroo Aaron ajaja Museetiin uleesaatiin Laga Abbayyaa rukutetti taʼuusaa hubachuun ni dandaʼama. Bishaan sun jijjiiramuunsaa uumamaan kan raawwatame yoo taʼellee, kun kan taʼe yeroo Aaron bishaanicha rukutetti taʼuunsaa garuu dinqii ture.

Fakkeenya garabiraa yeroon dinqiin sun itti raawwatame barbaachisaa taʼuusaa argisiisu hubachuuf, wanta yeroo Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanitti raawwatame tokko ilaali. Daandiin isaan irra deeman Laga Yordaanos isa guutuu taʼeen cufamee ture. Seenaan Macaafa Qulqulluu akkas jechuudhaan wanta ittaansee raawwatame nutti hima: “Luboonni warri sanduuqa kakuu baatan laga Yordaanos gaʼanii, miilla isaanii hidhii bishaanichaa keessa akkuma kaaʼaniin, bishaanichi yaaʼuu dhiisee in dhaabate; inni gararraadhaa gad yaaʼaa jiru ol kaʼee hamma mandara Adaam isa Zaaretaanitti dhiʼoo jirutti ol fagaatee in tuulame.” (Iyaasuu 3:15, 16) Haalli kun sochoʼa ykn sigigaachuu lafaatiin kan raawwatame turee? Seenaansaa haala kanaan akka raawwatame hin ibsu. Yeroo wanti kun itti raawwatame hubachuun keenya haalli kun dinqii taʼuusaa ifa nuu godha. Yeroo Yihowaan ni raawwatama jedhee dubbatetti raawwatameera.​—⁠Iyaasuu 3:7, 8, 13.

Kanaaf wantoonni akkasii dinqii akka taʼanitti ilaalamuu qabuu? Eeyyee! Macaafni Qulqulluun dinqii akka taʼan dubbata. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti wantoonni kun waanuma uumamaan taʼan miti. Maarree, dinqiiwwan guyyaa guyyaadhaan raawwatamuu dhiisuunsaanii qofti, dinqiin raawwatamuu akka hin dandeenye argisiisaa?

[Miiljalee]

^ key. 9 Waaqayyo jiraachuusaa ilaalchisee ragaa dabalataa argachuuf, birooshura Dhugumaan Waaqayyo Waaʼee Keenya Ni Yaadaa? jedhamu ilaali; ykn nama barruu kana sii kenne gaafadhu.

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Namoonni hedduun waggoota muraasa dura, saʼaatiitti kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu xiyyaaraan deemuun akka waan hin dandaʼamneetti yaadu turan