Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaama Kadhannaa Dhagaʼutti Dhihaadhu

Qaama Kadhannaa Dhagaʼutti Dhihaadhu

Qaama Kadhannaa Dhagaʼutti Dhihaadhu

NAMOONNI akka Waaqayyotti amanan dubbatan hedduun amantiisaanii ilaalchisee ibsa gaʼaa kennuu hin dandaʼan. Namoonni akkasii, amantiin yeroo baayʼee wanta gadhee kan raawwatu maaliif akka taʼe ykn Waaqayyo rakkina maaliif akka heyyame ibsuu hin dandaʼan. Wanti isaan godhan, Waaqa waaʼeesaa hin beeknetti kadhannaa dhiheessuu qofadha.

Haataʼu malee, caalaatti Waaqayyotti dhihaachuu ni dandeessa. Amantiikee ragaa Waaqayyoon akka jaallatuufi bakka guddaa akka isaaf kennitu si godhurratti hundeeffachuu dandeessa. Amantii dhugaan ragaarratti kan hundaaʼedha. (Ibroota 11:1) Waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa yoo baratte, isa beekuufi akka michuukeetti isatti dubbachuu dandeessa. Muuxannoo namoota Waaqayyo jiraachuusaa kan shakkan taʼuyyuu, kadhannaa dhiheessaa turan tokko tokkoo ilaali.

Paatriishiyaa, ishee mataduree jalqabaarratti caqasamte. “Guyyaa tokko michoonnikoo kudhan yommuu waaʼee amantii mariʼatan isaanii wajjinan ture. Anis, kanaan dura yommuu abbaankoo inni Waaqayyo akka jiru hin amanne Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mana keenyatti mariʼatu, mareesaanii baqadhee akkan deemen isaanitti hime. Yeroo kanatti michootakoo keessaa tokko, ‘Tarii Dhugaa Baatonni Yihowaa sirrii taʼuu dandaʼu’ jedhe.

“Isheen kaanimmoo, ‘Maaliif walgaʼiisaanii dhaqnee hin ilaallu?’ jette. Nutis akkuma isheen jette ni dhaqne. Shakkii kan qabnu taʼus, Dhugaa Baatonni sun jaalala waan nutti argisiisaniif nu keessaa tokko tokko walgaʼiirratti argamuu keenya itti fufne.

“Haataʼu malee, guyyaa Dilbataa tokko wanta ilaalchakoo jijjiire tokkon dhagaʼe. Obboleessi haasaa dhiheessu rakkinni namootarra kan gaʼu maaliif akka taʼe ibse. Sanaan dura, namni jalqaba mudaa kan hin qabne taʼee akka uumame, akkasumas cubbuufi duuni karaa nama tokkoo ilmaan namootaa hundumaatti akka darbe hin beekun ture. Obboleessi haasaa dhiheessu ilmaan namootaa wanta namni jalqabaa dhabe akka argataniif, sababa duuti Yesus barbaachisaa itti taʼes ibseera. * (Roomaa 5:12, 18, 19) Yeroo sanaa kaasee waan hundumaa hubachuun jalqabe. ‘Dhuguma Waaqni waaʼee keenya yaadu jira’ jedheen yaade. Macaafa Qulqulluu qayyabachuukoo kanan itti fufe siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin yeroo jalqabaatiif qaama na dhagaʼu tokkotti kadhannaa dhiheessuu akkan dandaʼun hubadhe.”

Alan isa mataduree jalqabaarratti caqasame. “Guyyaa tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa mana keenya kan dhufan siʼa taʼu, haati manaakoo barabaraaf lafarra jiraachuu ilaalchisee wanta isaan dubbatan dhagaʼuu waan barbaaddeef akka ol seenan isaan afeerte. Ani garuu aareen ture. Kanaaf keessummoota kana saalooniitti dhiisee haadha manaakoo iddoo nyaata itti bilcheessanitti waamuudhaan, ‘Hin gowwoomin. Waan akkasii amanuu hin qabdun!’ isheedhaan jedhe.

Isheenis “ ‘Tole, isammoo koottuu akkasaan sirrii hin taane isaan amansiisi’ jettee naa deebiste.

“Dhugaasaa dubbachuuf dogoggora isaan qaban tokkollee mirkaneessuu hin dandeenye. Taʼus isaan gaarummaa guddaa kan natti argisiisan siʼa taʼu, kitaaba gaaffii ‘Jireenyi kan argame uumamaanimoo jijjiirama tirannaatiin?’ jedhu ilaalchisee ibsa kennu tokko naa kennan. Yaanni kitaabichi dhiheessu, ifaafi ragaadhaan kan deggerame waan tureef waaʼee Waaqayyoo caalaatti baruufan murteesse. Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kanan jalqabe siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin wanti inni jedhu, waaʼee amantii ilaalchisee yaadan duraan qaburraa baayʼee adda akka taʼe hubachuun jalqabe. Waaʼee Yihowaa barachaa yommuun deemu, caalaatti rakkinakoo adda baasee ibsuudhaan kadhannaa dhiheessuun jalqabe. Amala gaarii hin taane tokko tokko waanan qabuuf akka na gargaarun kadhannaa dhiheesse. Yihowaan kadhannaa kootiif deebii akka naa kenne natti dhagaʼama.”

Andiruu isa Ingilaandi keessa jiraatu. “Saayinsiidhaaf ilaalcha cimaafi fedhii guddaa kanan qabu siʼa taʼu, namoonni kaan dhugaa akka taʼe waan dubbataniif qofa barumsa jijjiirama tirannaatti nan amanan ture. Wantoota gadhee hedduu lafarratti mulʼataniin kan kaʼe, Waaqayyotti amanuu dhiiseen ture.

“Taʼus, yeroo tokko tokko akkas jedheen yaada: ‘Waaqayyo jira taanaan, wanti kun hundi maaliif akka jiraate beekuun qaba. Hammeenyiifi waraanni kan babalʼate maaliifi?’ Al tokko tokko yeroo rakkinni na mudatu, gargaarsa argachuuf kadhannaa nan dhiheessa; eenyutti akkan dubbadhu garuu hin beekun ture.

“Booda namni tokko tiraaktii Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼefi Biyyi Lafaa Kun Badiisarraa Ni Oolaa Laata? jedhu haadha manaakootiif kenne. Yeroo baayʼee gaaffii kanarratti nan yaadan ture. Tiraaktichi, ‘Deebii Macaafni Qulqulluun kennu qoruun gaariidhaa laata?’ jedhee akkan yaadu na godhe. Booda utuun boqonnaarra jiruu, namni tokko kitaaba Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo Kan Namaati? jedhamu naa kenne. * Macaafni Qulqulluun saayinsii dhugaa wajjin kan walsimu taʼuusaa yommuun hubadhu, caalaatti barachuu akkan qabu natti dhagaʼame. Kanaaf, Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko akkan isaa wajjin qayyabadhu yommuu na afeeru tolen jedhe. Yommuun kaayyoo Yihowaa hubachaa deemu, inni qaama dhugumaan jiruufi kadhannaadhaan akkan fedhetti itti dubbachuu dandaʼu akka taʼetti natti dhagaʼame.”

Jaan ishee Landanitti maatii Pirootestaantii taʼe keessatti guddatte. “Fakkeessitummaan amantii keessatti mulʼatuufi rakkinni babalʼachuunsaa amantiitti abdii akkan kutadhu na godhe. Kana malees, barumsan kolleejjiitti barachaa ture kanan dhaabe siʼa taʼu, qarshii argachuuf jecha sirbuufi gitaara taphachuun jalqabe. Paat wajjin kan wal barre yeroo kanatti ture. Inni maatii amantii Kaatolikii hordofu keessatti kan guddate siʼa taʼu, akkumakoo Waaqayyotti amanuu dhiisee ture.

“Namoota barumsasaanii addaan kutaniifi amantii biyyoota gara Bahaatiif fedhii qaban hedduu wajjin mana ona taʼe keessa jiraanna turre. Yeroo kanatti kaayyoo jireenyaa ilaalchisee hamma halkan walakkaatti saʼaatii dheeraadhaaf mariʼanna. Paatiifi ani Waaqayyotti amanuu baannuyyuu, ‘humni waan hundumaa uume’ tokko jiraachuu akka qabu nutti dhagaʼama ture.

“Muuziqaa taphachuudhaan qarshii argachuuf jecha gara kaaba Ingilaandi erga deemnee booda mucaa godhanne. Gaaf tokko mucaan keenya kan dhukkubsate siʼa taʼu, anis utuun hin beekin Waaqa isan itti hin amannetti kadhannaa dhiheesse. Utuu baayʼee hin turin hariiroon Paatiifi ana gidduu jiru kan mancaʼe siʼa taʼu, anis mucaa keenya fudhadheen mana dhiisee baʼe. Ammas qaamni na dhagaʼu akka jiru yaaduudhaan, gargaarsa argachuuf kadhannaan dhiheesse. Ani beekuu baadhuyyuu, yeroo kanatti Paatis kadhannaa dhiheessee ture.

“Guyyaa sana waaree booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala Paat rurrukutuudhaan gorsa tokko tokko Macaafa Qulqulluurraa itti argisiisan. Paat naa bilbiluudhaan, waliin taanee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu na gaafate. Utuma baayʼee hin turin, Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne gaaʼela keenya seeraan galmeessisuu akka qabnu baranne. Hariiroon keenya garmalee badee waan tureef kana gochuun ulfaataa fakkaata ture.

“Rakkinni maaliif akka jiraateefi Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe, akkasumas waaʼee raawwii raajiiwwan Macaafa Qulqulluu caalaatti barachuu barbaanne. Suutuma suuta, Waaqayyo kan namaa yaadu taʼuusaa kan hubanne siʼa taʼu, waan inni dubbatus raawwachuu barbaanne. Achiis gaaʼela godhanne. Ogummaan Dubbii Waaqayyoo, ijoollee keenya sadan guddisuuf nu gargaareera. Amma Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼe mirkanaaʼoo taaneerra.”

Ragaa Jiru Ofuma Keetiin Qori

Akkuma namoota miliyoonaan lakkaaʼaman kaanii, namoonni mataduree kana keessatti caqasaman amantii sobaatiin hin gowwoomfamne; sababa Waaqayyo rakkina itti heyyames baraniiru. Namoonni kun hundi, Yihowaan dhugumaan kadhannaa akka dhagaʼu kan isaan amansiise Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuusaanii akka taʼe hubatteettaa?

Ragaa Waaqayyo akka jiru argisiisu qoruu barbaaddaa? Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee Yihowaa dhugaasaa akka beektuufi ‘Isa kadhata namaa dhagaʼutti’ caalaatti akka dhihaattu si gargaaruuf fedhii qabu.​—⁠Faarfannaa 65:2.

Miiljaleewwan]

^ key. 6 Faayidaa aarsaan furii Yesus qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 5 ilaali.

^ key. 12 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10⁠rra jiru]

“Yommuun kaayyoo Yihowaa hubachaa deemu, qaama dhugumaan jiruufi kadhannaadhaan akkan fedhetti itti dubbachuu dandaʼu akka taʼetti natti dhagaʼame”

[Fakkii fuuula 9rra jiru]

Amantii dhugaan ragaafi fedhii waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa beekuuf qabnurratti kan hundaaʼudha