Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Eenyudha?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Eenyudha?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Eenyudha?

QAAMNI kadhannaa dhagaʼu jira taanaan, qaamni kun Uumaa taʼuu qaba. Qaama sammuu namaa uumeen alatti, qaamni wanta ati yaaddu hubachuu dandaʼu eenyudha? Qaamni kadhannaadhaaf deebii kennuufi gargaarsa ilmaan namootaatiif barbaachisu isaanii gochuu dandaʼu kan biraan eenyudha? Haataʼu malee, ‘Uumaan dhugumaan jiraa?’ jettee gaafatta taʼa.

Namoonni baayʼeen, Uumaatti amanuuf ragaa saayinsiin ammayyaa dhiheessu haaluu akka qabdu yaadu. Yaanni Waaqayyotti amanuun saayinsii wajjin wal hin simu jedhu dhugaa miti. Mee yaada armaan gadii ilaali.

◼ Qorannoon dhiheenyatti piroofeesaroota saayinsii yunivarsiitii Yunaayitid Isteetis 21 keessatti argamaniifi 1,646 taʼanirratti godhame akka argisiisutti, namoota gaafannoon godhameef keessaa, “Waaqayyotti hin amanu” kan jedhan harka sadii keessaa tokko qofadha.

Dhugaan jiru akka argisiisutti saayintistoonni hedduun Waaqayyo akka jiru ni amanu.

Ragaa Uumaan Jiraachuusaa Argisiisu

Qaamni kadhannaa dhagaʼu jiraachuusaa ragaa tokko malee amanuu qabnaa? Matumaa. Amantii jechuun ragaa tokko malee yaada tokko fudhachuu jechuudha ilaalchi jedhu dogoggoradha. Macaafni Qulqulluun, amantiin ‘wanti tokko ijaan argamuu baatus ragaa qabatamaa jiraachuusaa argisiisudha’ jedha. (Ibroota 11:1, NW ) Macaafni Qulqulluun afaan Oromoommoo, amantiin, “Waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaaʼuu dha” jedha. Fakkeenyaaf, dambalii raadiyoo ijaan arguu baattus, moobaayiliinkee dambaliin ijaan hin argamneefi sagalee dabarsu jiraachuusaa waan argisiisuuf wanta kana amantee fudhatta. Haaluma walfakkaatuun, qaama kadhannaa dhagaʼu arguu baannus, ragaawwan inni jiraachuusaa nu amansiisan qoruu ni dandeenya.

Ragaa Waaqayyo jiraachuusaa argisiisu eessaa argachuu dandeenya? Naannoo keenya ilaaluun barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun sababii, “Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha” jedhu dhiheessa. (Ibroota 3:4) Ragaa macaafni kun dhiheesserratti walii galtaa? Tarii, uumamni cufti seera kan qabu taʼuusaa, jireenyi eessaa akka dhufe ykn akkaataa sammuun namaa inni wantoota lafarra jiran hunda caalaa wal xaxaa taʼe itti uumamerratti yommuu xiinxaltu, qaamni dandeettii ilmaan namaatii ol taʼe qabu akka jiru yaaduu dandeessa. *

Taʼus, wanti uumamni waaʼee Waaqayyoo nu barsiisuu dandaʼu muraasadha. Waaqayyo jiraachuusaa ragaa uumamarratti mulʼaturraa hubachuun, balbala utuu hin banin kottee nama alaa dhufaa jiru tokkoo dhagaʼuu wajjin wal fakkaata. Namni tokko dhufaa akka jiru beektus, eenyu akka taʼe garuu beekuu hin dandeessu. Kanaaf eenyu akka taʼe beekuuf balbalicha banuu si barbaachisa. Qaamni waan hundumaa uume eenyu akka taʼe beekuufis wanta kanaa wajjin walfakkaatu gochuu nu barbaachisa.

Balballi waaʼee Waaqayyoo beekuuf nu gargaaru Macaafa Qulqulluudha. Balbala kana banuudhaan raajiiwwaniifi raawwiisaanii tokko tokko gad fageenyaan yommuu qortu, ragaa Waaqayyo akka jiru mulʼisu argatta. * Hunda caalaammoo, seenaan waaʼee walitti dhufeenya Waaqayyo namootaa wajjin godhe ibsu, qaamni kadhannaa dhagaʼu kun amala akkamii akka qabu argisiisa.

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Maal Fakkaata?

Macaafni Qulqulluun qaamni kadhannaa dhagaʼu akka jiruufi isa beekuu akka dandeessu ibsa. Wanta tokko dhagaʼee kan hubatu qaama yaaduu dandaʼu qofadha. Yaada, “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa” jedhu dubbisuun kan nama jajjabeessudha. (Faarfannaa 65:2) Waaqayyo warra amantiidhaan kadhannaa isatti dhiheessan ni dhagaʼa. Kana malees maqaa qaba. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo [“Yihowaan,” NW ] nama jalʼaattii fagoo dha, kadhata nama qajeelaa garuu in dhagaʼa” jedha.​—⁠Fakkeenya 15:29.

Yihowaan miira qaba. Inni ‘Waaqa jaalala qabu’ siʼa taʼu, “Waaqa gammadaa taʼe” jedhamees waamameera. (2 Qorontos 13:11; 1 Ximotewos 1:11, NW ) Macaafni Qulqulluu, keessumaa yeroo hammeenyi babalʼatetti Waaqayyotti maaltu akka dhagaʼame yommuu ibsu, “Guutummaa garaa isaatiinis in gadde” jedha. (Uumama 6:5, 6) Yaanni Waaqayyo namoota qoruuf jecha rakkinni akka isaanirra gaʼu godha jedhu dhugaa miti. Macaafni Qulqulluun, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, . . . haa fagaatu!” jedha. (Iyoob 34:10) Haataʼu malee, ‘Waaqayyo Uumaa hundumaa dandaʼu erga taʼee, rakkinni akka itti fufu kan heyyame maaliifi?’ jettee gaafatta taʼa.

Yihowaan ilmaan namootaa mirga filannaasaaniitti akka fayyadaman dandeettii kan kenneef siʼa taʼu, kunis Waaqayyo amala akkamii akka qabu waan nu barsiisu qaba. Akkamitti akka jiraannu filachuuf mirga argachuu keenya hin dinqisiifannuu? Kan nama gaddisiisu, namoonni baayʼeen mirga filannaasaaniitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuudhaan, ofiisaaniirrattis taʼe warra kaanirratti rakkina geessisu. Haataʼu malee gaaffii, ‘Waaqayyo, namoota mirga filannaasaanii utuu hin dhabsiisin akkamitti rakkina balleessuu dandaʼa?’ jedhurratti yaaduun keenya barbaachisaadha. Gaaffii kana mataduree ittaanurratti qorra.

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Waaqayyo jiraachuusaa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, birooshura, Yahiyiwat Aammaxaax​—⁠Malsi Yammiyaashaachawu Ammisti Xiyyaaqeewoochi, akkasumas kitaaba Iiz Zeer ee Kiriʼeetar Huu Keers Abaawut Yuu? jedhamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan ilaali.

^ key. 10 Birooshurri Lasaw Hullu Yammihon Matsihaaf, akkasumas kitaabni Matsihaaf Qiddus Yaʼamilaak Qaal Naw Wayis Yasaw jedhamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan ragaa Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuusaa argisiisu hubachuuf si gargaaru.

[Saanduqa fuula 5⁠rra jiru]

Amantiin, Waaqayyo Jiraachuusaa Akka Shakkitu Si Gochaa Jiraa?

Kan nama gaddisiisu, amantiin, namoonni hedduun qaamni gara laafessi kadhannaa dhagaʼu jiraachuusaa akka shakkan godheera. Amantiin waraanaafi shororkeessummaa keessa galuunsaa, akkasumas ijoolleen yommuu gudeedaman callisee bira darbuunsaa, namoonni kadhannaa dhiheessanillee “Waaqayyotti hin amanu” akka jedhan godheera.

Yeroo baayʼee amantiin hammina raawwachuuf kan nama kakaasu maaliifi? Namoonni hamoo taʼan maqaa amantiitiin gocha hamminaa waan raawwataniifidha. Macaafni Qulqulluun, namoonni tokko tokko waan gadhee raawwachuuf Kiristiyaanummaatti akka fayyadaman raajii dubbateera. Phaawulos ergamaan, “Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jalʼisuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in kaʼu” jechuudhaan jaarsolii gumiitti himee ture.​—⁠Hojii Ergamootaa 20:29, 30.

Waaqayyo amantii sobaa ni jibba. Macaafni Qulqulluun, amantiin sobaa ‘dhiiga warra lafarratti qalamanii hundumaatiif ’ akka itti gaafatamu dubbata. (Mulʼata 18:24) Amantiin sobaa waaʼee Waaqa dhugaa isa eenyummaansaa jaalala taʼee utuu hin barsiisin waan hafeef, Waaqayyo dhiiga dhangalaasuudhaan yakka akka raawwatanitti isaan ilaala.​—⁠1 Yohannis 4:8.

Qaamni kadhannaa dhagaʼu, namoota amantiin hacuuccaa isaanirraan geessiseef ni yaada. Waaqayyo dhiheenyatti jaalala ilmaan namootaatiif qabuun kakaʼee, Yesusitti fayyadamuudhaan amantiiwwan fakkeessitoota taʼanirratti ni farada. Yesus, “Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayʼeen, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra’ . . . anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mulʼinatti isaanitti hima” jedheera.​—⁠Maatewos 7:22, 23.