Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Jiraa?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Jiraa?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Jiraa?

“Waaqayyo jiraachuusaa nan shakkan ture. Taʼus, yeroo tokko tokko kadhannaa nan dhiheessa. Kadhannaa kan dhagaʼu akka jiru mirkanaaʼaa taʼuu baadhus, qaamni tokko akka na dhagaʼu amanee fudhachuun qaba ture. Jireenya gammachuufi kaayyoo hin qabneen jiraadha. Waaqayyotti kan amanan namoota dadhaboo qofa akka taʼan waanan yaaduuf, Waaqayyotti amanuu hin barbaadun ture.”​—⁠PAATRIISHIYAA, * AYERLAANDI.

AKKA Paatriishiyaa sitti dhagaʼamee beekaa? Waaqayyo jiraachuusaa kan shakkitu taʼus, kadhannaa ni dhiheessitaa? Taanaan kan akkas itti dhagaʼamu si qofa miti. Yaada armaan gadii ilaali.

◼ Qorannoon lammiiwwan Biritaaniyaa 2,200 taʼanirratti godhame akka argisiisutti, Waaqni biyya lafaa uumeefi kadhannaa dhagaʼu akka jiru kan amanan parsantii 22 qofadha. Taʼus namoota qorannoon irratti godhame kana keessaa parsantii 55 kan taʼan darbee darbee kadhannaa ni dhiheessu.

◼ Qorannoon namoota 10,000 taʼaniifi ardii afurirra jiraatanirratti godhame tokko, namoota Waaqayyo akka hin jirre amanan keessaa garri parsantii 30 kadhannaa akka dhiheessan argisiisa.

Waaqayyo Jiraachuusaa Kan Shakkan Maaliifi?

Namni lammii Ingilaandi taʼeefi Alaan jedhamu akkas jedheera: “Amantiin namoota toʼachuufi qarshii argachuuf kan uumame akka taʼe waanan yaaduuf, Waaqayyotti hin amanun jedha ture. Kana malees, utuu Waaqayyo jira taʼee, jalʼinni hin babalʼatu ture jedheen sababii dhiheessa. Taʼus, yeroo tokko tokko callisee taaʼuudhaan ‘qaama taʼe tokkottan’ dubbadha. Akkasumas, ‘Kaayyoon jireenyakoo maalidha?’ jedheen of gaafadha.”

Namni miirri akkasii itti dhagaʼamu kamiyyuu kadhannaansaa deebii akka hin arganne shakkuuf sababii mataasaa qaba. Shakkiin akkasii yeroo baayʼee gaaffiiwwan akka armaan gadiitiif deebii dhabuurraa kan madde taʼuu dandaʼa:

◼ Uumaan jiraa?

◼ Amantiiwwan yeroo baayʼee gocha gadhee kan raawwatan maaliifi?

◼ Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?

Deebii gaaffiiwwan kanaa utuu beekuu dandeessee, kadhannaa dhiheessuuf caalaatti amananna ni qabaattaa?

[Miiljalee]

^ key. 2 Maqaawwan matadureewwan walitti aanan kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru