Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Maaliif Rakkina Heyyame?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Maaliif Rakkina Heyyame?

Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Maaliif Rakkina Heyyame?

NAMOONNI tokko tokko kadhannaa kan dhiheessan taʼus, Waaqayyo akka jiru ni shakku. Maaliif ? Biyya lafaa kanarratti rakkina hedduu waan arganiif taʼuu dandaʼa. Waaqayyo rakkina maaliif akka heyyame gaafattee beektaa?

Waaqayyo namoota kan uume haala amma keessa jiraniin akka jiraatan, jechuunis cubbamoota akka taʼaniifi akka rakkataniif turee? Waaqa namoonni akka rakkatan barbaadu matumaa kabajuu hin dandeenyu. Haataʼu malee mee yaada kana hubadhu: Konkolaataa haaraa tokkotti naannoftee dinqisiifachaa utuu jirtuu, bakka taʼe tokkoon mudaa yoo argite, warshaa oomishe sanatu akkas godhee hojjete jettee yaaddaa? Matumaa! Warshaan oomishe sun akka gaariitti kan hojjete taʼus, nama ykn wanta taʼe tokkotu mudaa akka qabaatu godhe jettee yaadda.

Haaluma walfakkaatuun, seeraafi diizaayinii uumamaa yommuu dinqisiifannu, akkasumas jeequmsaafi malaanmaltummaa ilmaan namootaa rakkisaa jiru yommuu ilaallu, murtoo akkamiirra geenya? Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin mudaa kan hin qabne godhee kan uume taʼus, namoonni kun garuu booda miidhaa akka ofirraan geessisan barsiisa. (Keessa Deebii 32:4, 5) Waaqayyo miidhaa gaʼe sirreessuuf, akkasumas ilmaan namootaa cubbuurraa walaba gochuuf abdii kennuunsaa garuu baayʼee kan nama gammachiisudha. Haataʼu malee, yeroo dheeraa hammanaa kan ture maaliifi?

Yeroo Dheeraa Hammanaa Kan Ture Maaliifi?

Sababiin kanaa, gaaffii ‘Ilmaan namootaa bulchuu kan qabu eenyudha?’ jedhuu wajjin kan walqabatedha. Yihowaan namoonni ofiin akka of bulchan matumaa kaayyoosaa hin turre. Bulchaasaanii taʼuu kan qabu Waaqayyo ture. Macaafni Qulqulluun, “namni . . . karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye” dubbata. (Ermiyaas 10:23) Kan nama gaddisiisu, namoonni jalqabaa bulchiinsa Waaqayyoorratti kaʼuu filataniiru. Gochisaanii inni seeraan ala taʼe cubbamoota akka taʼan isaan godheera. (1 Yohannis 3:4) Kanaan kan kaʼes, mudaa kan qabaatan siʼa taʼu, ofiisaaniirrattis taʼe ijoolleesaaniirratti miidhaa geessisaniiru.

Yihowaan, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoonni ofiin akka of bulchan kan heyyame siʼa taʼu, namoonni ofiin of bulchuuf dandeettii akka hin qabne seenaan mirkaneesseera. Bulchiinsi ilmaan namootaa hundi rakkina akka geessise seenaan ni argisiisa. Bulchiinsi waraana, yakka, jalʼina ykn dhukkuba balleessuu dandaʼe hin jiru.

Waaqayyo Miidhaa Gaʼe Kan Sirreessu Akkamitti?

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo dhiheenyatti addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate akka fidu abdii kenna. (2 Phexros 3:13) Addunyaa haaraa kana keessa akka jiraatan kan isaaniif heyyamamu, namoota mirga filannaasaaniitti fayyadamuudhaan waliisaaniifi Waaqayyotti jaalala argisiisan qofadha.​—⁠Keessa Deebii 30:15, 16, 19, 20.

Macaafni Qulqulluun, “guyyaa firdii” saffisaan dhihaachaa jirutti, Waaqayyo rakkinaafi warra rakkina uumamuuf sababa taʼan akka balleessus dubbata. (2 Phexros 3:7, hiika bara 1899) Sana booda, ilmaan namootaa abboomaman kan bulchu Yesus Kiristos isa Waaqayyo muude taʼa. (Daaniʼel 7:13, 14) Bulchiinsi Yesus maal raawwata? Macaafni Qulqulluun, “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [‘in dhaalu,’ hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jedha.​—⁠Faarfannaa 37:11.

Yesus Mootii samiirra taaʼee bulchu waan taʼeef, dhukkuba, dullumaafi duʼa dabalatee miidhaa namoonni Yihowaa isa ‘burqaa jireenyaa’ taʼerratti kaʼuusaaniitiin dhufe hunda ni balleessa. (Faarfannaa 36:9) Yesus namoota bulchiinsasaa isa jaalalarratti hundaaʼe fudhatan hunda ni fayyisa. Bulchiinsasaa jalatti abdiin Macaafa Qulqulluu armaan gadii ni raawwatama:

◼ “Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”​—⁠Isaayaas 33:24.

◼ “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!”​—⁠Mulʼata 21:4.

Waaqayyo dhiheenyatti rakkina hunda balleessuuf abdii kenne akka raawwatu beekuun nama hin jajjabeessuu? Haataʼu malee, hammasitti ­rakkinni akka jiraatu waan heyyameef qofa kadhannaa keenya hin dhagaʼu jennee yaaduu hin qabnu.

Waaqayyo dhiphinaafi gadda sirra gaʼu yommuu isaaf ibsitu ni dhagaʼa. Yeroo wanti shakkii sitti uumuufi wanti si rakkisu hundi badee gammachuudhaan itti jiraattu arguus ni hawwa.