Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Mootii Kan Taʼe Yoomi?

Yesus Mootii Kan Taʼe Yoomi?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Yesus Mootii Kan Taʼe Yoomi?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Mootummaan Yesus abdachiifame isa kami?

Waaqayyo sanyiin Daawit Mootichaa tokko barabaraaf teessoo Waaqayyoorra akka taaʼu waadaa galee ture. Sanyiin raajiidhaan dubbatame kun Yesus siʼa taʼu, yeroo ammaatti samiirratti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa jira.​—⁠Faarfannaa 89:4; Luqaas 1:32, 33 dubbisi.

Daawit yommuu ijoollee turetti, Yihowaan mootii Israaʼel akka taʼu isa filatee ture. Yommuu Daawit duʼu Solomoon inni Yihowaan filate teessoosaarra akka taaʼu godhame. (1 Seenaa 28:4, 5; 29:23) Solomoon erga duʼee booda mootonni hedduun Yerusaalemitti mootii taʼanii kan bulchan taʼus, baayʼeensaanii amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Dhumarrattis, Yihowaan loltoonni Baabilon Yerusaalemiifi mootiishee akka balleessan heyyame. Kun kan taʼe Dh.K.D. bara 607tti siʼa taʼu, yeroo sanaa jalqabee magaalaa Yerusaalemitti sanyii Daawit keessaa mootii kan taʼe hin turre.​—⁠Hisqiʼel 21:27 dubbisi.

2. Mootummaan Waaqayyoo Mootii utuu hin qabaatiin yeroo hammamiitiif tura?

Yerusaalem baddee yeroo muraasa booda, Yihowaan Daaniʼel raajichatti mootii samiirra taʼee bulchu filachuuf akka jedhu itti hime. Bulchiinsi mootii kanaa kan jalqabu yoomi?​—⁠Daaniʼel 7:13, 14 dubbisi.

Daaniʼel mulʼata waaʼee Waaqayyo mukni guddaan tokko akka muramu ajaje hiikee kan ture siʼa taʼu, akkuma Waaqayyo ajajettis mootummaan Yerusaalem jiru muramee balleeffama. Haataʼu malee, hiddi mukichaa lafa keessatti kan dhiifamu siʼa taʼu, ‘bara torba’ booda deebiʼee guddata. Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti “barri” sadiifi walakkaan guyyaa 1,260 wajjin qixxeedha; kanaaf, “barri torba” guyyaa 2,520 taʼa. (Mulʼata 12:6, 14) Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee guyyoonni waggoota bakka buʼu. (Lakkoobsa 14:34) Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo waggaa 2,520f mootii utuu hin qabaatin tura jechuudha.​—⁠Daaniʼel 4:10-17 dubbisi.

3. Yesus Mootii kan taʼe yoomi?

Waaqayyo Yesusiin samiirratti Mootii kan godhe, Yerusaalem baddee waggaa 2,520 booda, jechuunis bara 1914tti ture. Tarkaanfiin Yesus mootii taʼuudhaan jalqaba fudhate, Seexanaafi ergamootasaa samiirraa gad darbachuudha. (Mulʼata 12:7-10) Haalli kun ija namootaatti kan hin mulʼanne taʼus, rakkinni sababa kanaan ilmaan namootaarra gaʼe garuu kan mulʼatu ture. (Mulʼata 12:12) Haalawwan bara 1914 jalqabee raawwataman, Yesus yeroo kanaa kaasee bulchaa akka jiru mirkaneessu.​—⁠Maatewos 24:14; Luqaas 21:10, 11, 31 dubbisi.

4. Yesus mootii taʼuunsaa siif hiika maalii qaba?

Raajiin Yesus mootii taʼuusaa ilaalchisee dubbatame raawwiisaa argachuunsaa, Dubbii Waaqayyootti amanamuu akka dandeessu sii mirkaneessa. Dhiheenyattimmoo, Yesus aangoo mootii taʼuudhaan qabutti fayyadame ilmaan namootaa rakkina hundarraa bilisa akka baʼan godha.​—⁠Faarfannaa 72:8, 12, 13; Daaniʼel 2:44 dubbisi.

Oddeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana fuula 215-218 ilaali.

[Chaartii fuula 27⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)

Dh.K.D. Dh.K.D.

Onkoloolessaa 607 Onkoloolessaa 1914

← Waggaa 2,520 →

DH.K.D. 1000 DH.K.D. 1 DH.K.B. 1000 DH.K.B. 2000

← Waggaa 606fi ji’a 3 →← Waggaa 1,913fi jiʼa 9 →

Mootummaan Herregduu keetti fayyadami: Waaqayyo, sabootarratti

Yerusaalem keessa ture Waggaa 606fi jiʼa 3 aangoo akka qabaatu

ni balleeffame + Waggaa 1,913fi jiʼa 9 Yesusiin Mootii godhe

= Waggaa 2,520