Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan, waaqeffattoonnisaa hidhata amantiisaanii wajjin qofa gaaʼela akka godhatan kan ajaje maaliifi?

Yihowaan, waaqeffattoonnisaa hidhata amantiisaanii wajjin qofa gaaʼela akka godhatan kan ajaje maaliifi?

Gaaffii Dubbistootaa

Yihowaan, waaqeffattoonnisaa hidhata amantiisaanii wajjin qofa gaaʼela akka godhatan kan ajaje maaliifi?

▪ Saboota ollaasaanii taʼanii wajjin haala wal qabateen Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne, “Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin!” jedhu kan dabalatudha. (Keessa Deebii 7:3, 4) Abboommiin akkasii kan barbaachise maaliifi?

Tokkoffaa Yihowaan, Seexanni sabni Waaqayyoo, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaan akka mancaʼan kan barbaadu taʼuusaa beeka. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo namoota isa hin beekne ilaalchisee, “Isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu” jedheera. Kanaafuu, namoonni kun balaa guddaa Israaʼelootarra geessisuu dandaʼu jechuudha. Sabni Israaʼel, waaqayyolii tolfamoof yoo hojjetan surraa Waaqayyoofi eegumsasaa waan dhabaniif salphaatti diinotasaaniirraa miidhaan irra gaʼuu dandaʼa. Maarree sabichi Masiihicha abdachiifame argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti? Seexanni, Israaʼeloonni namoota Waaqayyoon hin beeknee wajjin gaaʼela akka dhaabbatan gochuuf sababii akka qabu ifadha.

Lammaffaa, Waaqayyo dhuunfaadhaan sabasaatiif kunuunsa kan godhu taʼuusaa yaadachuu qabna. Gammachuufi nageenyi dhuunfaatti argatan isaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuusaaniirratti kan hundaaʼe taʼuusaa beeka. Dhiibbaa gadheen hiriyaan gaaʼelaa isa hin waaqeffanne tokko nama isa waaqeffaturraan geessisu Yihowaa kan yaaddessu taʼuunsaa sirrii mitii? Mee fakkeenya Solomoon Mootichaa ilaali. Solomoon dubartoota Waaqayyoon hin beekne fuudhuu ilaalchisee akeekkachiisa Yihowaan, ‘Isaan yaada keessan gara waaqayyoliisaaniitti in jalʼisu’ jechuudhaan kenne beeka. Tarii ogummaa guddaa kan qabu waan tureef, gorsi Waaqayyoo akka isa hin barbaachifne itti dhagaʼameera taʼa. Kanaaf gorsa kana akka laayyootti ilaaleera. Kunoo maal isarraan geessise? “Dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan.” Kun baayʼee nama gaddisiisa! Solomoon surraa Yihowaa kan dhabe siʼa taʼu, amanamaa taʼuu dhiisuusaatiin kan kaʼe sabni Israaʼel gargar hiramuu dandaʼeera.​—⁠1 Mootota 11:2-4, 9-13.

Haataʼu malee, namoonni tokko tokko, namoota gorsa kana hojiirra oolchuu dhiisaniyyuu miidhaan isaanirra hin geenye caqasu taʼa. Fakkeenyaaf, lammii Israaʼel kan taʼe Maahiloon, Ruut ishee lammii Moʼaab taate kan fuudhe siʼa taʼu, isheenis yeroo booda Waaqayyorratti amantii cimaa akka qabdu argisiisteetti. Haataʼu malee dubartii Moʼaab fuudhuun balaa kan geessisu ture. Maahiloon durba Moʼaab fuudhuusaatti hin jajamne; kan inni duʼes umrii dargaggummaatti jechuunis, Ruut Yihowaa waaqeffachuu jalqabuushee dura taʼuu hin oolu. Kiliyoon obboleessi Maahiloon, Orphaa ishee lammii Moʼaab kan fuudhe siʼa taʼu, isheen amantii “waaqayyolii isheetti” cichitee hafteetti. Karaa garabiraammoo Boʼaz, Ruut erga Yihowaatti amantee waggoota hedduu booda ishee fuudheera. Yihudoonni yeroo booda Ruut nama ‘Waaqa Yihudootaa akka gaariitti waaqeffattu’ taʼuushee beekaniiru. Gaaʼelli Ruutiifi Boʼaz, lamaansaaniifiyyuu eebba argamsiiseera.​—⁠Ruut 1:4, 5, 15-17; 4:13-17.

Maarree gorsa Yihowaan nama hidhata amantii ofii taʼee wajjin qofa gaaʼela akka dhaabbatan kenne mormuuf jecha, fakkeenya kan akka Maahilooniifi Ruut caqasuun sirriidhaa? Yaadni akkasii nama qumaara taphatee badhaasa argate tokko caqasuudhaan, waan ittiin jiraatan argachuuf qumaara taphachuun sirrii akka taʼe amansiisuuf yaaluu wajjin kan wal fakkaatudha.

Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼela akka godhatan gorsa. Nama “hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan akeekkachiisa. Gorsi kun Kiristiyaanota dhugaa yeroo ammaatti hiriyaa gaaʼelaa argachuu barbaadaniif baayʼee barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun, gorsa namoonni hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane qaban, haala rakkisaa isaan mudatu akkamitti moʼuu akka dandaʼan gargaarus qabateera. (1 Qorontos 7:12-16, 39; 2 Qorontos 6:14) Gorsi akkasii Yihowaan inni gaaʼela hundeesse, qeentees taane gaaʼela kan qabnu, gammachuudhaan akka isa waaqeffannu kan barbaadu taʼuusaa argisiisa.