Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbistoota Barruu Kanaaf

Dubbistoota Barruu Kanaaf

Barruun dubbisaa jirtu kun Adoolessa 1879 kaasee maxxanfamuu jalqabe. Yeroo sanaa kaasee wanti hedduun kan jijjiirame siʼa taʼu, barruu kanarrattis jijjiiramni godhamaa dhufeera. (Suura olitti argamu ilaali.) Maxxansa kanarraa jalqabee jijjiirama Masaraa Eegumsaarratti godhamu tokko tokko ni hubatta. Maalfaatu jijjiirama laata?

Biyyoota hedduutti namoonni baayʼeen odeeffannoo Intarneetiirraa argachuu barbaadu. Odeeffannoowwan Intarneetii qofarratti baʼan salphaadhumatti ni argatu. Kitaabota, barruuleefi gaazexaa hedduu Intarneetiirraa argachuun ni dandaʼama.

Dhimma kana xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, Weeb Saayitii keenya www.pr418.com jedhamu, haala caalaatti gammachiisaafi itti fayyadamuuf salphaa taʼeen qopheessineerra. Namoonni Weeb Saayitii kanatti fayyadaman barreeffamoota afaan 430 oliin baʼan dubbisuu dandaʼu. Jiʼa kanaa kaasee garuu, namoonni Weeb Saayitii kanatti fayyadaman matadureewwan barreeffamoota keenyarratti baʼaa turaniifi ammaa kaasee Weeb Saayitii qofarratti baʼan tokko tokko dubbisuu dandaʼu. *

Maxxansa kanaa kaasee mataduree hedduu Intarneetiirratti waan baasnuuf, Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa fuula 32⁠rraa gara 16⁠tti hirʼata. Yeroo ammaa Masaraan Eegumsaa afaan 204n maxxanfamaa jira. Baayʼinni fuula barruu kanaa hirʼachuunsaa afaan hedduutiin akka hiikamuuf haala mijeessuu dandaʼa.

Sirreeffamni kun namoonni hedduun ergaa Macaafa Qulqulluu isa fayyina argamsiisu akka dhagaʼan godha jennee abdanna. Namoonni barreeffamoota keenya dubbisan, Macaafa Qulqulluutiif kabaja qabaniifi wanta inni barsiisu beekuu barbaadan hedduun akka itti fayyadamaniif jecha, barreeffamaanis taʼe karaa Intarneetii odeeffannoo barumsa gaarii qabataniifi nama gammachiisan dhiheessuu keenya itti fufuuf murteessineerra.

Maxxansitoota

^ key. 5 Matadureewwan weeb saayitiirratti qofa ba’an keessaa mataduree dargaggoonni Macaafa Qulqulluu akka qoran gargaau “mataduree Dargaggootaaf,” jedhu, akkasumas “Barumsa Macaafa Qulqulluukoo,” jedhun walittaansee baʼuufi warri ijoolleesaanii waggaa sadiifi isaa gad taʼan akka barsiisaniif gargaaru, matadureewwan Intarneetii qofarratti baʼan keessaa muraasasaaniiti.