Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

WAAQAYYOTTI DHIHAADHU

‘Isa Kana Wallaalotatti Mulʼifteetta’

‘Isa Kana Wallaalotatti Mulʼifteetta’

Waaʼee Waaqayyoo, jechuunis eenyummaasaa, maal akka jibbuufi maal akka jaallatu, akkasumas fedhisaa maal akka taʼe dhugaasaa beekuu ni barbaaddaa? Dubbiisaa kan taʼe Macaafa Qulqulluu keessatti waaʼee ofiisaa waan tokko utuu hin hambisin dhugaasaa nutti himeera. Haataʼu malee, namni Macaafa Qulqulluu dubbisu hundi dhugaa achi keessa jiru guutummaatti hubachuu hin dandaʼu. Maaliif? Dhugaa akkasii hubachuun mirga addaa namni hundi argachuu hin dandeenye waan taʼeefidha. Kana ilaalchisee wanta Yesus dubbate mee haa ilaallu.​Maatewos 11:25 dubbisi.

Caqasichi “Yesus yeroo sanatti . . . jedhe” jechuudhaan jalqaba. Kanaaf yaanni kun Yesus wanta sana dura taʼeef deebii kennaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Namoota magaalaa Galiilaa sadan bakka inni dinqiiwwan gurguddaa itti hojjete keessa jiraataniifi ergaasaa fudhachuu didan ifatee ture. (Maatewos 11:20-24) ‘Namni tokko dinqiiwwan Yesus hojjete utuu arguu akkamitti barumsa inni barsiisu fudhachuu dida?’ jettee yaadda taʼa. Namoonni kun ergaasaa kana fudhachuu kan didan mata jabeeyyii waan taʼaniifidha.​Maatewos 13:10-15.

Yesus, dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hubachuuf, wanta lama jechuunis gargaarsa Waaqayyoofi yaada garaa qajeelaa qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa beeka ture. “Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mulʼifteef sin jajadha” jechuudhaan ibseera. Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hubachuun mirga addaa namni hundi argachuu hin dandeenye kan taʼe maaliif akka taʼe amma sii galee? Yihowaan inni “Gooftaa waaqaatii fi lafaa” taʼe, dhugaa kana fedhasaa wajjin haala walsimuun dhoksuu ykn mulʼisu dandaʼa. Taʼus, Waaqayyo hammeenyaan kakaʼee dhugaa kana isa tokkotti mulʼisee isa kaan jalaa hin dhoksu. Haataʼu malee, Waaqayyo dhugaa kana namoota kaanitti mulʼisee warra kaan jalaa kan dhoksu maalirratti hundaaʼeeti?

Yihowaan faara tolaadhaan kan ilaalu, nama gad of deebisu malee nama of tuulu miti. (Yaaqoob 4:6) Waaqayyo, “warra ogeessotaa fi hubattoota” jechuunis namoota ogummaa biyya lafaa, akkasumas beekumsa qabaniin kan kaʼe kooruufi garmalee ofitti amanamuudhaan gargaarsi Waaqayyoo akka isaan hin barbaachisne yaadan jalaa dhugaa kana ni dhoksa. (1 Qorontos 1: 19-21) Haataʼu malee, dhugaa kana “wallaalotatti” jechuunis namoota garaa qajeelaadhaan isatti dhihaataniifi akka ijoollee gad of deebisanitti ni mulʼisa. (Maatewos 18: 1-4; 1 Qorontos 1: 26-28) Yeroo sanatti namoonni akkasii Yesusiin mudatanii turan. Namoonni of tuulooniifi barsiisonni seeraa beektota jedhaman, ergaa Yesus hubachuu kan dadhaban siʼa taʼu, namoonni qurxummii qabuudhaan jiraataniifi amala gad of deebisuu qaban garuu hubataniiru. (Maatewos 4: 18-22; 23: 1-5; Hojii Ergamootaa 4: 13) Namoonni sooreyyii taʼan, beekumsa qabaniifi dhugumaan gad of deebisan tokko tokkos duuka buutota Yesus taʼaniiru.​—Luqaas 19: 1, 2, 8; Hojii Ergamootaa 22: 1-3.

Mee gaaffii jalqabarratti kaasnetti haa deebinu: Waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa beekuu ni barbaaddaa? Taanaan, Waaqayyo gaarummaasaa kan argisiisu namoota akka biyya lafaatti ogeessa ofiin jedhanitti akka hin taane beekuunkee si gammachiisuu dandaʼa. Waaqayyo gaarummaa kan argisiisu namoota beektonni biyya lafaa akka wallaalotaatti ilaalanittidha. Atis gad of deebiftee garaa qajeelaa taʼeen Dubbii Waaqayyoo yoo qayyabatte, namoota Yihowaan kennaa gati jabeessa, jechuunis dhugaa waaʼeesaa ibsu itti mulʼisu keessaa tokko taʼuu dandeessa. Dhugaa kana beekuunkee, yeroo ammaa jireenya gammachuu qabu, gara fuulduraattimmoo “jireenya dhugaa” jechuunis addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatuufi dhihootti dhufu keessatti jireenya barabaraa siif argamsiisa. *1 Ximotewos 6:12, 19; 2 Phexros 3:13.

Caqasa Macaafa Qulqulluu ji’a Amajjiitti dubbifamu

Maatewos 1-21

^ key. 7 Dhugaa Baatonni Yihowaa, waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa, dhugaasaa akka bartu si gargaaruun isaan gammachiisa. Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamutti fayyadamuudhaan kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu namoota barsiisu.