Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA: RAKKINNI KAN BAAY’ATE MAALIIFI? YOOM BADA?

Lubbuun Namoota Balleessaa Hin Qabne Hedduun Badeera

Lubbuun Namoota Balleessaa Hin Qabne Hedduun Badeera

Noo’el mucaa xinnoo nama jaallattuufi namatti dhihaattu turte. Guyyaa tokko gara galgalaa utuma qe’eesaanii keessa asiif achi deemtuu akka tasaa iddoo bishaan itti daakan keessa buute. Yommuu bishaan ishee liqimsu, dhalattee waggaa afur guutuuf torban lamatu ishee hafa ture.

Muddee 14, 2012⁠tti, Yuu.Essi.Ee. mana barumsaa Kanatiikat keessatti ijoolleen 26 rasaasaan kan ajjeefaman si’a ta’u, Shaarlat, Daani’el, Oliiviyaafi Joozeefiin, ijoollee mana barumsaa kanatti barachaa turan 20n umriinsaanii waggaa ja’a ykn torba ta’u keessaa muraasasaaniiti. Sirna awwaalchaa ijoollee kanaarratti Pireezidaant Obaamaan, maqaa ijoollee kanaa erga caqasanii booda, namoota gadda sanarratti argamaniin, “Balaan gaddisiisaan akkasii dhaabachuu qaba” jedhanii turan.

Baanoo isheen umrii waggaa 18, bara 1996⁠tti maatiishee wajjin biyya Iraaqii gara Noorweey deemtee turte. Hiriyoonnishee San Reeyis jechuudhaan maqaa masootiin ishee waamu turan. Kan nama gaddisiisu, Adoolessa 22, 2011⁠tti, Baanoon namoota 77 lubbuunsaanii namicha mankaraarsaa ta’eefi of tuuluudhaan, ‘Kana caalaa ajjeesuu dadhabuu kootiif dhiifama gaafachuun barbaada’ jedhee dubbateen ajjeefaman keessaa tokko turte.

Addunyaa maratti oduuwwan garaa namaa raasan akkasii yeroo hunda gabaafamu. Gadda cimaa balaawwan addaddaa, yakki, waraanni, shororkeessitummaan, balaan uumamaafi wantoonni gaddisiisoo ta’an kan biraan geessisan mee yaadi. Namoonni balleessaa hin qabne hedduun yeroo baay’ee sababii tokko malee lubbuusaanii dhabu, akkasumas rakkinni cimaan isaanirra ga’a.

Namoonni tokko tokko, Uumaan keenya namootaaf akka hin yaadne dubbachuudhaan Waaqayyoon komatu. Kaanimmoo, Waaqayyo rakkina nurra ga’u kan ilaalu ta’us, tarkaanfii fudhachuu akka hin barbaanne yaadu. Namoonni kan biraammoo, balaawwan kun dursanii kan murteeffaman akka ta’an dubbatu. Yaadni namoonni dhimma kanarratti kennan dhuma kan qabu hin fakkaatu. Haata’u malee, deebii amansiisaafi quubsaa ta’e eessaa argachuu dandeenya? Matadureewwan ittaananirratti, wantoota rakkina kanaaf sababa ta’aniifi rakkinni kun akkamitti akka badu ilaalchisee deebii Macaafni Qulqulluun kennu qorra.