Ayyaana Addaa Kanarratti Akka Argamtu Si Afeerra
Yesus galgala guyyaa itti ajjeefame dura turetti, duuka buutonnisaa amanamoo taʼan aarsaa inni dhiheesse akka yaadatan ykn akka kabajan ajajee ture. Maxinoofi wayiniitti fayyadamuudhaan ayyaana Irbaata Gooftaa jedhamee waamamu erga hundeessee booda, “Kanas seenaa [“yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa!” jechuudhaan ergamootasaa ajajeera.—Luqaas 22:19.
Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman waggaa waggaadhaan duʼa Yesus kabajuuf walgaʼu. Ayyaanni Yaadannoo Wiixata, Ebla 6, 2006 (Ebla 14, 2014) erga aduun lixxee booda kabajama.
Walgaʼii kanarratti akka argamtu kabajaan si afeerra. Walgaʼicharratti faayidaa guddaa aarsaan furii Yesus qabu ilaalchisee ibsi dabalataa ni kennama. Walgaʼii kanarratti argamuuf kaffaltiin hin gaafatamu. Qodaan buusiis hin naanneffamu. Naannoo keetti saʼaatiifi bakka ayyaanichi itti kabajamu beekuuf nama barruu kana siif kenne gaafachuu ykn Weeb saayitii jw.org/om jedhamu ilaaluu dandeessa. Guyyicha akka hin irraanfanne yaadannoo qabadhu. Ayyaana kanarratti akka argamtu ni abdanna.