Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara Yesusitti buusiin mana qulqullummaa godhamaa kan ture akkamitti?

Qodaan buusii mana qulqullummaa, bakka Oobdii Dubartootaa keessa kaaʼama ture. Kitaabni Za Teempil—Itis Ministirii eend Sarviisis jedhamu, “Manichi naannoosaatti utubaa tartiibaan dhaabate kan qabu yommuu taʼu, keenyan manichaa birammoo qodaa ykn ‘fiingeewwan’ buusiin keessa kaaʼamu kudha sadiitu jira” jedheera.

Qodaan buusii fiingee kan jedhame mormisaa qalʼatee gara gadiitti kan balʼatu waan taʼeefidha. Tokkoon tokkoon qodaa buusii kan qophaaʼe gosa kennaa garaagaraatiifidha; hundasaarratti maqaan kan barreeffame ennaa taʼu, buusiin sunis kaayyoodhuma irratti barreeffame sanaaf oola. Yesus, haadha hiyyeessaa harka qalleettii taate dabalatee, namoota hedduu buusii gochaa turan kan arge Oobdii Dubartootaa keessattidha.—Luqaas 21:1, 2.

Qodaan buusii lama qaraxa mana qulqullummaatiif oola; isa tokko keessa qaraxa waggaa sanaa, isa kaan keessammoo qaraxa waggaa darbeetu kaaʼama ture. Qodaan buusii 3 hanga 7⁠mmoo duraa duubaan, gatii gugee horaa, gugee sosookkee, qoraan, ixaanaafi waancaa warqeetu keessa kaaʼama. Namni tokko gatii wanta bitee aarsaa dhiheessuuf kaffaluu qabu caalaa yoo kenne, qarshii isa hafe qodaawwan buusii kaan keessaa isa tokko keessa kaaʼa. Qodaan buusii 8⁠ffaan qarshii gatii cubbuutiif kennamurraa hafe keessa kaaʼuuf oola ture. Qodaan buusii 9 hanga 12 qarshii gatii yakkaarraa, gatii simbirroota aarsaa godhamanirraa, kennaa Naazirootaarraa, akkasumas kennaa warri dhukkuba lamxii qaban kennanirraa hafe keessa kaaʼuuf oolu turan. Qodaan buusii 13⁠ffaammoo buusii fedhiidhaan godhamuuf oola ture.

Luqaas seenaa amanamuu dandaʼu barreessee?

Luqaas, Wangeela maqaasaatiin waamamuufi Hojii Ergamootaa barreessera. Luqaas “jalqaba isaatii jalqabee, keessa lixee [qoree]” akka barreesse kan dubbate taʼus, hayyoonni tokko tokko yeroo seenaawwan inni caqase itti raawwataman ilaalchisee gaaffii kaasu. (Luqaas 1:3) Seenaan Luqaas barreesse sirriidhaa?

Luqaas seenaa mirkaneeffamuu dandaʼu barreesseera. Fakkeenyaaf, maqaa ulfinaa bulchitoonni warra Roomaa ittiin waamamaa turanitti fayyadamee barreesseera. Bulchitoota Filiphisiiyus turaniin piratoris ykn ajajjuu, warra Tasaloniiqee turaniin poletaark ykn yaaʼii mandaraa, warra Efesoon turaniinimmoo Asiiraksi ykn geggeessituu jechuudhaan waameera. (Hojii Ergamootaa 17:6; 19:31) Luqaas Herodisiin tetraark ykn abbaa biyyaa, akkasumas Sergiiyos Phaawulosiin biyya bulchaa jedhee waameera.—Hojii Ergamootaa 13:1, 7.

Haalli bulchiinsa Roomaa yommuu jijjiiramu maqaan ulfinaa bulchitootashees ni jijjiirama ture; kanaaf, Luqaas maqaa ulfinaa sirrii taʼe fayyadamuunsaa xiyyeeffannaa kan harkisudha. Taʼus, “yeroo booda yaadawwan Hojii Ergamootaa keessatti caqasaman kun, bakkiifi yeroon itti raawwataman sirrii taʼuunsaa akka mirkaneeffame” hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Biruus Maatisgar dubbataniiru. Hayyuun Wiiliyaam Raamsee jedhaman Luqaas, “barreessaa seenaa iddoo guddaa qabu” akka taʼe dubbataniiru.